Booyiingi 737 Max: Indoneshiyaan dhorkaa balaa xiyyaaraa 2018 booda keesse kaafte

Madda suuraa, Reuters
Indoneshiyaan erga xiyyaarri Booyingii 737 Max kan Lion Air bara 2018tti kufee cacabuun lubbuu namoota 189 galaafateen booda, dhorkaa keessee turte waggaa sadiin booda kaasuu beeksifte.
Xiiyyaarri kunis balaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaaruma 737 Max kanaan Bitootessaa 2019 keessa mudateen booda addunyaa guutuutti hojiin ala taasifamee ture.
Wiixata darbe Daandiin Qiilleensaa Itoophiyaas Guraandhala dhufaa kaasee xiyyaara kana gara balaliinsaatti kan deebisu ta'uu beeksiiseera.
Ibsi kun erga xiyyaarri kun Ameerikaafi Awurooppaatti gara hojiittii deebiifamaniibaatiiwwaniin booda kan dhagahameedha.
Ammaan tanas erga Awustiraaliyaa, Jaappaan, Indiyaa, Maaleeshiyaa fi Singaapoor dhorkaa isaanii bara darbe kaasaniin booda biyyoonni 180 ol ta'an 737 Max hojiirra akka ooluuf hayyamaniiru.
Ministeerri Geejiba Indooneshiyaa ibsa isaatiin akka jedheetti, dhorkaa kaasuun kunis battalumatti hojiirra kan ooluudha. Kunis kan mirkanneeffamuu jijjirama sirnawwan to'attootaan xiyyaarichaatti taasifameen kan hordofeedha jedheera.
Ministirich dabaluunis daandiiwwan qilleensaa osoo deebiisanii 737 Max hojiirra hin oolchiin dura qajeelfamoota fayyadoo ta'an fi sakkata'iinsa xiyyaaroota saanii hordofuu qabaatu jedheera. Akkasumas qondaaltoonni motummaas xiyyaaroota kan shakkata'an ta'u jedheera.
Dhaabbanni Lion Air osoo balaan sun hin qaqabiin dura xiyyaaroota walfakkaatan 10 kan qabu yoo ta'u, dhimma kanarratti yaada BBC'f kennuu hin barbaanne.
Dhaabbanni balaliinsa biyyaaleessaa Indooneeshiyaa Gruda garuu dhaabbanni isaa idaa sirreessuu irratti waan argamuuf ammatti xiyyaara deebiisee hojiirra oolchuuf karoora akka hin qabne dubbata.
Dhaabbanni motummaan bulfamuufi osoo balaan sun hin qaqabiin dura xiyyaaroota 737 Max hojjataa ture kunis, balaliinsawwan isaa 142 irraa gara 66tti hir'isuu hima.
Onkolooleessaa 29, 2018 Daandiin qilleensaa Lion Air 610 battaluma balaliinsaaf Buufata Idil-addunyaa Jaakaartaa Soekarnoo- Hatta irraa ka'een daqiiqaa 13 booda galaana Jaavaa keessatti kufee cacabuun imaltootaafi hojjattoota 189 galaafateera.
Baatiin shan osoo hin guutiin ammoo xiyyaarrii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Booyingi 737 Max kan gara Keeniyaatti balali'aa ture ka'ee daqiiqaawwan jahan booda kufee cacabuun lubbuun namoota 157 baduunsaa ni yaadatama.
''Jijjirama diizaayina to'achuudhaaf yeroo gahaa fudhanneera. Adeemsii hordooffii cimaa baatiiwwan 20 oliis taasifameera...Paayilatoonnii, injinaroonni, oggeessoonni xiyyaaraa keenyaa fi hojjattoonni xiyyaaraa keenya nageenya xiyyaaraa kanaatti amananiiru,'' jedhan dureen Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Tawalda gabramaariyaa ibsa hojiitti deebiisuu xiyyaara Booying 737 Max kana ilaalchisuun kennaniin.













