Lubni Raashiyaa guddifachaan beekamu, gudeeddiin himatamee murtee argate

Madda suuraa, Orenberg di
Manni murti Raashiyaa, luba duraanii waldaa Ortodooksii, kan ijoollee 70 guddifachaan fudhachuun beekamu, himata hedduu ijoolleerra miidhaa saalaa geessisuun himatame irratti hidhaa waggaa 21 murteesse.
Nikolaayi Istreemiskii, ijoollee hedduu gudeeduu fi miidhaa saalaa adda addaa mana amantaa isaa kibba-lixa Raashiyaa, Uraals keessatti raawwachuun himatame.
Nikolaayi Raashiyaa keessatti maatii guddaa qabaachuun beekkamtii argatee kan ture yoo ta’u, badhaasa kabajaa maatii akkaan guddaaf kennamu 'Order of Parental Glory' argatee ture.
Yakka ittiinn shakkameen balleessaan waan irratti murameef, Lubummaa irraa dhorkamuu dabalatee, luba duraanii kanaaf badhaasi kabajaa kennames kaafameera.
Magaalaa Saraktaash keessatti Nikoolaay fi haati warraa isaa, bara 1990’n keessa daa’immaan maatii hin qabne naannicha keessa turan guddifachaan fudhachuu eegalani. Ijoolleen 70 isaan guddifachaan fudhatan keessaa harki caalaan amma guddataniiru.
Lubni kun bara 2019’tti ijoollee torba irratti miidhaa geessisuun himatame to’annoo jala oole, ta’us himata irratti dhiyaate hunda haalee ture.
Bara darbe, intallisaa inni guddifachaan fudhate tokkoo fi abbaan warraa ishee, daa’imman walabummaa isaanii irraa dhorkuun himatamanii hidhaan irratti murtaa’ee ture.
Jimaata Manni Murtii Saraktaash, Nikoolaay irratti hidhaa yemmuu murteesse, waggoota 20’f daa’imman waliin akka hin hojjenne dhorkuun, kabaja maatii kennameefi tures irraa kaaseera.














