Miseensonni Paarlaamaa Gaanaa seera haaraa waa'ee qaraxa birrii baheerratti waldhaban abootteen wal haleelan

Miseensonni Paarlaamaa Gaanaa seera haaraa daddabarsa maallaqaa gama elektironiksiin raawwatu irratti wal qoodaniiru

Madda suuraa, Ghana parliament

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Paarlaamaa Gaanaa seera haaraa daddabarsa maallaqaa gama elektironiksiin raawwatu irratti wal qoodaniiru

Seera haaraa Gaanaa bahaa tureerratti miseensonni paarlaamaa waldhaban wal'aansoo walqabatan.

Mariin Wiixata galgala keessa taasifame kun seera daddabarsa maallaqaa gama elektironiksiin taasifamuurratti qaraxa kaa'uf yaadamedha.

Seerri mootummaan qophaa'e kun durumaa waldhabsiisaadha.

Dhimma kana irratti kan waliigaltee dhaban miseensonni paarlaamaa waldarbataniiru, abootteenis wal rukutaniiru. Kaanimmoo lola dhaabsisuuf gidduu seenan.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, hookkarri kan eegale yeroo miseensi paarlaamaa mormituu ta'an Af-yaa'ii I/Aanaa Joseef Oseyi Owusuu taa'umsa isaanirraa ka'anii sagalee kennuuf yeroo jedhanitti waan dhorkaniifi.

Sagantaa marii gaafasii kan walitti qabe isaan turan. Ta'us, hookkara uumameen yeroo biraaf akka darbu taasifame.

Paartiin mormituu Kongirasii Dimokiraasii Biyyaalessaa (NDC) qaraxa 1.75% maallaqa gama elektironiksiin daddarbuurratti dhihaate mormeera. Qaraxi kuni kan mobaayiliin fayyadamanis ilaallata.

Paartichi hawaasa galii gadi aanaa qabaniifi damee baankii ala jiran ni huba jedhe.

Ministeerri Faayinaansii Keen Ofori-Artaa garuu hawaasa qaraxa kanfalu baay'isuun akka barbaachisu himan.

Akka fakkenyaatti kuni maallaqa Gaanaa sedii jedhamu biiliyoona 6.9 (dolaara biiliyoona 1.15) dabalataan walitti qabuun danda'ama jedhan.

Sagantaan marii paarlaamaa keessaa Wiixata ganama kan eegale yoo ta'u halkan qixxee booda xumurame, jedheera gaazexaan biyyattii Giraafik jedhamu.

Miseensonni paarlaamaa labsii kana irratti akkaan wal qoodaniiru.

Labsiin kuni koree faayinaansii paarlaamaan 13 fi 12'n sagalee xiqqaa irra aaneeti kan paarlaamaa gahe.

Akka gaazexaan Giraafik jedhamu gabaasetti sagaleen caalmaa tokko kan argame erga dura taa'aan koree sanaa sagalee deeggarsaa kennan boodadha.

Mariin kuni gaafa Kibxataa itti fufa jedhamee eegama.