Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Sababii dhibee na mudateetiin ergama kiyyan argadhe'
Xalayaawwan barreessitoota Afriikaatiin nu qaqaban keessaa har'aaf kunoo kan barreessaan asoosamaa lammii Naayijeeriyaa Adaa'obii Tiricia Nwa'ubaanii barreesse isinii dhiyeessina.
Innis waa'ee dubartii erga bakka namoonni qurciin qabaman adda baafamuun keessa jiraatan dowwatteen booda jireenyiishee geedarame akkasiin barreesse.
Iby Ikotidem jireenya bashannanaa jiraachaa turte. ubartiin kun faayaawwaniifi faashinii jaalatti ture.
Hiriyyoota hedduu waan qabduuf walitti dhifeenyi hawaasummaashees baayyee guddaadha. Kanaaf, yeroo baayyee bakka jiraattu US bulchiinsa Niiw Jeersii bakka abbaa warraa ishee waliin jiraatuutti qophiiwwan gara garaa qopheessu ture.
Waggoota 28 darban achi jiraatteetti, ijoollee lamas godhattee jirti.
Erga waggoota 12 dura gogaa goggogaan jilbasheerratti biqileen booda jireenyishee ni jijjiirame. Kunis wayita waa'een dhugaan bakka irraa dhufte itti baramedha.
Hanga mudannoon kun fuulasheetiin alatti qaama ishee hundatti battalumaan babalatuutti ishee dhimmasaa baayyee hin yaadne turte.
Erga qorannoon wallaansaa hedduun taasifameefiin booda, dhukkubni qogaan qaama namaa seeliiwwan hooksisaniifi gogaa akka biqilchu taasisuun qabamuu adda bahe.
'Of-ilaaleen diina kiyya ture'
Namoonni akka ishee hin ilaalee dhorkuuf jecha uffata dheeraafi harka guutuu uffattulleen, bakkuma deemtu hundatti haalli ishee qalbii harkisaa ture.
Yeroo tokko tokkos yoo ishee teessumarraa kaatu, ''daaraa'' battalatti lafarratti harca'u eessaa akka dhufu namoonni naasuun ajjaa'ibsiifatu turan.
''Of ilaaluu nan jiban ture. Of-ilaaleen diina kiyya ture,'' jetti.
Battalumatti loogiin irra gahu eegale.
Aadde Ikotidiem osoo keessummoota waliin mana hirriyaashee jirtuu taateen addaa gaddisiisaan ishee mudate. Keessummoonni hundi gara bakka qophaa'e seenanii yoo taasifaman isheen garuu kutaa gamoo jalaa keessa lafa akka turtuuf firaashiin kennameef.
''Anis booyaan lafarra taa'e'' jetti.
Aadde Ikotidiem battalumatti rifeensa ishee haaddachuun of jibbuun jiraachaa turte hanga intalli ishee kan waggaa 12 akkas ittiin jettutti: ''Maamaa ati gootiittii tiyya. Maaloo dhibeen kun akka si mo'atuuf harka hin kennatiin adaraa.''
Aadde Ikotidem: ''Jechi sunis yaadan ani of ajjeessuuf qabu hunda na dagachiise,'' jette.
Isheenis dhibeen kun irratti argamee waggaan booda ijoolleen ishee akka hojii tola-oltummaa keessatti hirmaataniif bulchiinsa Akwaa Iboom keessatti garee dargaggoota US keessaatiin affeeraman.
Ilmishee Antoonii kan yeroos waggaa 15, haatiisaanii akka waliin deemtu irra dedeebiin gaafate, isheenis booda waliigalte.
Isaanis dhaabbilee ijoollee warra hinqabne baayyee doowwatan.
Ganama tokkos osoo ciree nyaataa jiranii Aadde Ikotidem irriyaashee mana barnootaa durii kan hojii isheetiif ishee leelliftu tokko dhufte. Hojii tola-oltummaa isaanii namoota qurcii biyyattii adda baafamanii jiraatan gargaaruuf akka hojjatan yaada dhiyeessiteef.
''Anis, 'Maal! Ammalleen Naayijeeriyaa keessa qurciin jiraa?'' jette. ''Kunis anaaf yeroo jalqabaati yoon qurciin addaunyaarra jiraachuu dhagahu.''
Addunyaarratti akka yaaddoo fayyaa addunyaatti to'atamulleen Naayijeeriyaa keessa garuu ammalleen jira. Waggaa waggaattis namoonni 3,500 ol akka dhibee kanaan wallaanaman Wiirtuu To'annoo Dhukkuboota biyyatti ni ibsa.
Baakteeriyaan dhukkubichaas yoo dursanii wallaanaman to'atamuu ni danda'a. Garuu osoo hin wallaanamiin yoo hafe, harkaafi miirarra miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda'a, siriiyyuu jaamummaafi laamsheessuuleen ni danda'a.
Jalqaba wayita Aadde Ikotidem gara Hospitaala Qurcii Ekpene Obom jirutti imaluuf yaaddetti maatiiwwan muraasni didanii ture. Booda garuu daawwannaa jireenya ishee geedare kana waliin deeman.
Hospitaalli Obom akkuma hospitaalota qurciin itti wallaanamu Naayijeeriyaa keessaa kan biraa, dhukkubsatoota sababii loogii irra gahuutiin gara hawaasa irra dhufaniitti deebi'uu hindandeenyeef bakka bulmaataa ni kenna.
Erguma wallaansa baatiiwwan jahaa hanga 12tiin wallaanamuuf fayyaniin boodas, maatiiwwan isaanii waliin achuma jiraatu. Ijoolleen isaaniis dalaadhuma hospitaalota kanneenii keessatti mana barnoota baratu.
Aadde Ikotideem jiraattootaafi dhukkubsattoota miidhaa isaan irra gahu akka hubattu itti himte.
''Dagatamuun, qubni namatti qabamuu jechuun maal akka ta'e beeka,'' jette.
Faayyaawaan ishee gurgurte
Waggoota kudhan darbaniif, Aadde Ikotidem dhukkubsattoota qurcii kunuunsuu ergama jireenya ishee taasifatte.
Faawondeeshiin isheen hundeessiteen hojii ishee hanga ammaatiin bakkee namoonni qurciin qabaman adda bahuun keessa jiraatan sadii kanneen Kibbaafi Kaaba Naayijeeriyaatti argaman irratti hojjataa jirti.
Deeggarsawwan isheen hawaasa kanaaf dhiyeessitu keessaa, kobee addaa, uleefi wiilcharii itti deemuuf gargaaran ni argamu.
Akkasumas ijoollee isaanitii meeshaa mana barnootaa kenniti. Naannoo jireenyaasaaniilleen ni haaromsiteef.
''Firaashiiwwan isaan itti fayyadaman tokko tokkoo osoo argtee, sareen keelleen aka irra ciiftuu hin taasiftu nama dhiisiiti,'' jette.
Deeggarsa motummaan taasifame muraasaan alatti, Naayijeeriyaatti eddoowwan namoonni qurcii qabana keessa jiraatan irra caalaa deeggarsa dhaabbilee idil-addunyaa irratti kan hirkateedha.
''Yoo rakkoo ta'ee qabaatan naaf bilbilu malee mootummaaf miti,'' jetti Aadde Ikotidem, kan pirojaktiiwwan ishee jalqabaa faayaawwan baayyee mi'aa ta'an qabdu ture gurguruun eegalte. Booda garuu qophii maallaqa walitti qabuu qopheessuun hirriyoota ishees gaafachuu eegalte.
Kaayyoonshee itti aanu ammoo hawaasa bakka warri qurciin qabaman keessa jiraatan akka of danda'an gochuudha. Kanas biqiiltiiwwaniifi meeshaalee qonnaa dhiyeessuun akka lafassaanii irratti misoomsan taasisuun raawwachuuf karoorsite.
''Waa'ee hawaasa kanaa yaadaan gara irribaa deemee ganamas waa'eesaanii yaadaa irriibaa ka'a,'' jetti.
"Sababii dhibee na mudateetiin ergama kiyyan argadhe, ergama kiyaan ammoo fayyina kiyyan argadhe,'' jette.