Baarseloonaan Shaampiyoonsi Liigiin ala tahuun 'ulfina kubba miilaa qaburraa akka kufuuti', miidiyaa Ispeen

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan Ispeen tokko Baarseloonaan ayyaana Qillee dursee Shaampiyoonsi Liigii keessaa bahuu isaa 'ulfina kubba miilaa qabu irraa akka kufuuti,'' jechuun ibse.
Baarseloonaan kaleessa galgala Baayern Munik kan gara marsaa itti aanuutti darbuu isaa mirkaneeffateen 3 fi 0'n mo'amuun ramaddii isaa keessaa sadaffaan xumure.
Taphataans sarara gidduu Serjiyoo Buskeet DAZNtti yoo dubbatu, '' amma baay'ee gaddineerra. Haala ulfaataa fi rakkisaa keessa jirra. Haala fokkisaa kana keessa of galchinee nu miidhe,'' jedhe.
Baarseloonaan yeroo dhumaaf sadarkaa mo'atanii darbuu keessatti kan dorgommicha keessaa bahe bara 2003/04 yoo tahu yeroo sana Seltikiin [Celtic] mo'ame.
Garee isaanii keessaa osoo hin darbiin kan hafan ammoo bara 2000 yoo tahu yeroo sana Liids Yuunaayitid Baarseloonaa caaluun rammaddicha keessaa dabarte. Baarseloonaan erga sanaan as waancaa Shaampiyoonsi Liigii si'a afur mo'ateera.
Marsariitiin Ispeen kun''Baarsaan waltajjii kubba miilaa gurguddaa irraa hanqina agarsiisaniin kufan. Munik kan darbuu isaa mirkaneeffate mo'achuuf homaallee miiraa cimaa osoo hin agarsiisiin 3 fi 0'n mo'aman. Ilaalchi isaanii akka qeerransa ilmoo bosonuullee adamsee qabachuu dadhabee garuu waanuma uumaan irraa eegu godhuu taheera,'' jechuun ibse.
Amma gara dorgommii Liigii Awurooppaa [Europe league] galaniiru.
Taphataan duraanii sarara gidduu Riyaal Maadirid Istiiv Makmanaman 'BT Sport' irratti akka jedhetti qabxichi waan fokkisaa tahus garuu waancicha mo'achuun bara dhufu hirmannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuun ammoo waan gaarii taha.
Amma gabatee Laaligaa irraa torbaffaa irra jiru. Dhiyeenya leenjisaa isaanii duraanii Roonaald Kuuman ari'uun dursaa taphattoota duraanii kilabichaa Zhaavii qacaran.
''Qabxii gaarii miti. Carraa kanarra hamaa argataniiru,'' jedhe taphataan sarara ittisaa Baarseloonaa Roonald Arujo.
''Dhuma irratti kan hin darbiin hafneef sababa tapha kanaaf qofa soo hin taane taphoota kaan irrattis waan hojjenne irraa ka'uuni,'' jedhe.
Taphootni kaan kan jedhe ramaddicha keessaa dhumarra kan jiru Daayinamoo Kiyiviin mo'amuu isaaniiti. ''Dhugaadha amma nuyi garee cicimoo Awurooppaa keessatti hin argamnu.''
''Osoo akkas taane tahee silaa marsaa itti aanuuf darbineerrra ture. Kaayyoon keenya amma Liigii Awurooppaa kana mo'uudha. Dorgomaa cimaa taanee mo'achuuf yaalla,'' jedhe Arujoon.

Madda suuraa, Reuters
Gareen Baarseloonaa amma taphattoota umuriin bilchaatanii fi dargaggoota dandeettii guddaa qabaniin kan guutedha. Garuu gahumsa Baarseloonaa isa guddaa irra hin jiran.
Rakkoo faayinaansii irraa kan ka'e yeroo ganna darbeetti taphattoota garee jalqabaa hedduu dhaban. Isaan keessaa kilabichaaf galchii hedduu lakkoofsisuun jalqaba irra kan jiru Liyonel Mesii, akkasumas Antooyin Gireezmaan dhabaniiru.
Baarseloonaan Laligaa irrattis dursaa kan jiru Riyaal Maadiridiin qabxii 16'n caalameera. Bara dorgommii haaraa kana ammoo yeroo torbaffaaf mo'amuu isaaniiti.
Gaazexessaan Kubba miilaa Ispeen Pete Jeensan BBC Radio 5 Live irratti akka dubatetti, ''amma garee cicimoo Awurooppaa fi Baarseloonaa gidduu garaagarummaa hamma kanaatu jira. Isaan amma Liigii Awurooppaa keessa jiru. Deeggartootni isaanii baay'een isumayyuu ni mo'atu jedhanii waan abdatan natti hin fakkaatu,'' jedhe.
Abdii mul'atu jiraa?

Madda suuraa, EPA
Baarseloonaan dargaggoota dandeettii guddaa qaban garee isaa keessa bittinnaa'an hedduu qaba. Yoo gahumsa isaanii duraatti deebi'uu barbaadan gahumsa isaanii kana fayyadamuu qabu.
Gavii, ganna 17, Ansuu Faatii fi Pedrii ganna 19- Ispeenif taphachaa turan. Pedriin badhaasa Ballon dOr irratti tibbana taphataa cimaa ganna 21 tahuun badhaafameera.
Erga Andiree Zhaaviin leenjisa tahee gahumsa abdii namatti horu agarsiisaa jiru.
Gaazexeessaa Jeensan: Taphoota shan irratti Zhaaviin durseen ammayyuu gahumsa Pep Gaardiyoolaa keessa isaatti argita,'' jedhe.
''Suurraa fi mul'ata ifa tahe irraa argita. Garuu dhumarratti taphattoota sanaaf tahan yoo hin arganne hojiitti hiikuu hin dandeessu.''
Taphataan duraanii Liiverpuul Piiter Kirooch BT Sport irratti '' nama sirrii argataniiru. Keessoo kilabichaa fi akkamitti gareen guddattota akka hojjetus beeka.
Fuuldureen isaanii dargaggota guddataa jiran irratti hundaa'a sababni isaa ammoo akka duraa taphattota bitachuuf maallaqa hin qaban. Dargaggootaan irra deebisanii ijaaruu qabu.
Ammas taphattota gaarii tahan qabu. Garuu yeroo gabaabaatti waan tahu miti-waggoota shan fudhachu mala.''














