Baalandoor: Liyooneel Mesiin badhaasa Taphataa cimaa Addunyaa marroo 7ffaa injifate

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuulduraa Paariis Seent Jermen fi Arjentiinaa Liyooneel Mesiin Badhaasa Balandoor marsaa 7ffaadhaaf injifachuudhaan rikoordii qabate.
Ga'eessii umuriin isaa waggaa 34 ta'e Mesiin biyya isaatiif waancaa Kooppaa Ameerikaa injifachuudhaan tokko jedhee kan jalqabe.
Bara 2021 keesa Baarseloonaadhaaf galchii 28, Paaris Sent Jermen 4 fi garee biyyoolessaatiif ammoo galchii 8 lakkoofsisuun baay'ina goolii galchee 40 geessiseera.
Taphataan Baayermuuniikiifi garee Biyyoolessaa Poolaand kan ta'e Roobert Lewaandowiskii ammoo lammaffaa baheera.
Taphataan sarara gidduu Cheelsiifi garee biyyoolessa Xaaliyaan Jorginihoon sadaffaa yoo bahu, taphataan sarara fuulduraa Riyaal Madriid Kaarin Beenzeemaan ammoo Afraffaa bahe.
Badhaasni Baalandoorii bara 2020 sababa Koronaavaayirasiitiin qaamaan kan hin adeemsifamne ta'ulleen badhaasa baranaa kanarratti garuu gaazexeessitootni kutaalee Addunyaa garagaraa irra jiran 180 filattoota ta'uun hirmaataniiru.
Meesii fi Kiristaanoo Roonaaldoon (Badhaasicha marsaa 5 kan injifate) erga bara 2008 hanga bara 2019 badhaasa Balondoor dabaree itti walfuraa fudhachaa turan.
Bara 2018 taphataan sarara gidduu Kirooshiyaa Luka Modriich Gidduutti badhaasicha injifatee ture.
Meesiin jalqabumayyu badhaasicha irra deddeebiin moo'achuun dursaa kan ture yoo ta'u, inni marsaa torbaffaa kuni badhaasota bara 2009, 2010, 2011, 2012, 2015, 2019ti aansuun kan injifateedha.
Sagantaa badhaasaa Paaris du Chateleetitti gaggeeffame kana irratti argaamuunis "Asitti irra deebiin argamuunkoo waan raajiidha," jedhe Meesiin.
"Waggaa lamaan dura badhaasa dhumaa kiyya jedhee yaadeen ture. Namootni yoom kophee fannista jedhanii na gaafcahaa turan.
Amma garuu yeroon Paaris jiru kanatti hedduu gammadaadha," jedhe.
"Sababa waancaa Kooppaa Ameerikaatiin barichi anaaf adda ture. Tapha waancaa (Biraazi 1-0) Istaadiyeemii Marakaanaatti injifachuun hiika guddaa qaba ture. Lammiilee Arjentiinaa wajjin moo'annaa sana kabaajuu kiyyatti baayyeen gammade," jechuun dubbate.
"Umrii kiyya keessatti barri kun bara akkaan dansaati jedhee afaan guutee dubbachuu hin danda'u. Garuu yeroo rakkisaafi qeeqa hedduu booda Arjentiinaa wajjin waancaa moo'achuun naaf waan addaati," jechuun ibse.
Tapahataa Poolaand kan lammaffaa bahe ga'eessa umriin isaa waggaa 33 Lewandowiskiis jechoota gaggaaridhaan jajuudhaan ibseera Meesiin.
"Isa waajjin ka'uun kabaja akka ta'e Roobartitti himuun barbaada. Bara darbe badhaasicha injifachuun isaaf mala ture," jechuun Dubbate Meesiin.
Lewandowiskiin bara 2020 dorgommiiwwan hundarratti Baayermunikiif goolii 53 lakkoofsiseera.
Xaaliyaaniin dorgommii Yuuroo 2020 akka injifattuuf kan gargaare gooli eegaan Paariis Senti Jermen Jiyaanluujii Donarumaa badhaasa gooli eegaa cimaa moo'ateera.
Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii kan injifate Cheelsiin ammoo Kilabii cimaa barichaa ta'uun injifateera.
Taphataan sarara gidduu umuriin ganna 19 Baarseloonaa Peedriin badhaasa taphataa cimaa umrii 21 gadii injifaateera.
Taphattoota badhaasa Baalandooriif kaadhimaman 30 keessaa 14 Piriimeer Liigii keessa kan taphataniidha.
Cheelsiirraa taphattoota shantu kaadhimamee ture. Sadarkaa sadaffaa kan bahe Jorginihoodhaan alatti Nigoloo Kantee 5ffaa, Romeeluu Lakuku 12ffaa Masen Mawunt 19ffaa, akkasumas Seesar Azpilkuweta 29ffaa bahan.
Shaampiyoonii Piriimer Liigii Maanchister Siitii keessaas akkauma Cheelsii taphattoota shantu badhaasa kanaaf kaadhimame. Kevin Debruyin 8ffaa, Rahim Istarling 15ffaa Riyaad Mahireez 20ffaa FilFoden 25ffaa Ruben Diyas 26ffaa bahan.
Manchister Yunaaytid irraa Kiristaanoo Ronaaldoon 6ffaa Birunoo Fernaaandeez 21ffaa yoo tahan, taphataan Liverpuul Mohammed Sallah 7ffaa, kan Totinhaam Hari ken ammoo 23ffaa qabatan.
















