Barsiisaan Booranarraa waa'ee nagaa walaloo barreesseef badhaafame maal hima?

Jaatanii Boonayyaa kan amma Yun. Dillaa barsiisutti jiru kana dura kitaaba lama barreessuu BBC'tti hime

Madda suuraa, JATENI BONEYA

Ibsa waa'ee suuraa, Jaatanii Boonayyaa kan amma Yun. Dillaa barsiisutti jiru kana dura kitaaba lama barreessuu BBC'tti hime

Barsiisaafi barreessaa kitaabota lamaa ta'uu kan himu Jaatanii Boonayyaa Godaanaa wal dorgommii waa'ee nagaa dhaabbata biyyoota Gaanfa Afrikaa hammatuun qophaa'e injifateera.

Dargaggoon ganna 27 Booranatti dhalatee guddate kun ''addunyaa kanarratti nagaan bakka guddaa qaba,'' jechuun BBCtti hime.

Walaloo isaa keessatti dhalli namaa nagaa nama kaanii qofa osoo hin taane nagaa uumama cufaallee eeguu qaba jechuun ergaa isaa akka guutuu addunyaatti dabarsuu dubbata.

Jaataniin kana dura kitaabota Abuuruu jedhuufi kitaaba walaloo Hadiyyoo jedhu barreessuu BBC'tti hime.

Yeroo ammaas Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa jira.

Dhihoo ammoo ''Walaloo waan nageenyaa kanarratti barreessen,'' beekkamtii argateera.

Dhaabbati dorgommii kana qopheesse Wal ta'iinsa Mootummootaa Misoomaaf (Intergovernmental Authority on Development) jedhamuufi waajjira muummee isaa Jibuutii taasisedha.

''Waajjira IGAD kan magaalaa Finfinnee jiruuti badhaasaaf beekkamtii argadhe,'' jechuun BBCtti hime.

''Xiqqaattee guddattus maallaqaafi waraqaa beekkamtii,'' fudhachuu isaafi kanas dhaabbati dorgommicha qopheesse hirmaannaa isaaf isa galateeffatu hima.

Akkamiin dorgome?

Dhaabbatich baatii Hagayya darbe dorgommii miidiyaa hawaasummaa baase argeeti Jaataniin kan dorgome. Dorgommicharratti namoonni gosa aartii kaanis waa'ee nagaarratti dorgomuu hima.

''Nageenyi waan guddoo dansaati. Namni ammoo waan nageenyarra yaada akkanaa qabaachuun waan akka malee guddaati,'' jechuun qopheessitoonni dorgommichaa isaaf ibsuu hima.

Dabalataan, dorgommii akkanaa irratti lammiileen Itoophiyaa hammana hin hirmaatan, kuni waan jajjabeeffamu qabu naan jedhani jechuun hime.

Qabiyyee walaloo

Nagaan Itoophiyaaf qofa miti addunyaaf barbaachisa kan jedhu barsiisaan kuni ''namallee ta'e uumama dhibiillee ta'e cufaafiyyuu nagaan male.

''Nuyimmoo ilmoon namaa kan namaa qofa miti kan bineensaallee eeguuf dirqama qabna. Waan Waaqni nu kenneetu jira jechuudha.

''Walaloo kiyya keessatti akka nageenyi uumamaaf, dhala namaaf barbaachisaa,'' akka ta'e ibsuu hima.

''Waaqaa laf cufayyuu nagaa tolcha. Ammoo achirraa kan darbe nuyi ilmaan namaa ammoo uumama cufaafiyyuu itti gaafatamummaa Waaqi nuuf kenne waan qabnuufi akka nagaa eegnu ergaa jedhu dabarsiti.''

Walaloon isaa Afaan Ingiliziin kan barraa'edha. Keessaa akka muraasa nuuf jedhu gaafanne. Akkanaan ibse:

Black and white [Gurraachaafi adii gidduu]

Or for another colour [Yoo fedhe kan bifa akka akkaa]

The creature is unique [Uumamni keenya takkaa]

For all the creates one [Uumamoota cufaafu]

This is the life [Nageenyi jireenya]

To lead the life [Jireenya dansaa jiraachuuf]

In the world better [Nagaa jabeessa, duuniyaa mara keessaa]

IGAD eenyu?

Dhaabbatichi nagaa, tasgabbii, misoomaafi badhaadhina dabalees wal ta'umsa diinagdee biyyoota miseensota ta'an gidduu akka dagaagu hojjeta.

Miseensota IGAD keessaa Itoophiyaan tokko

Madda suuraa, IGAD

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota IGAD keessaa Itoophiyaan tokko

Miseensonni dhaabbata IGAD biyyoota Gaanfa Afrikaa, Suluula Abbayyaa jiraniifi naannawa Gireet Leekis (Great Lakes) jiranidha.

Jalqaba dhaabbata Intergovernmental Authority on Drought and Development (IGADD) jedhamu bara 1986 hundaa'e bakka bu'uuni IGAD bara 1996'tti akka haaraatti kan of ijaare.

Itoophiyaan miseensa dhaabbata kanaa yoo taatu lammiin Itoophiyaa Dr Warqinaa Gabayyoo Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa ta'un tajaajilaa jiru.

Miseensonni dhaabbata IGAD yeroo ammaa rakkoo nageenyaa qaban keessaa Itoophiyaa, Sudaaniifi Somaaliyaan keessatti argamu.

Rakkoo nageenyaan ala hongeenis yaaddoo ta'eera.

Dhihoo (IGAD) fi UN'tti Dhaabbati Fayyaa fi Qonnaa (FAO) miidhaa hongeen dhaqqabsiisu xiqqeessuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu waamicha taasisaniiru.

Dhaabbileen lamaan ibsa waloon baasaniin [Afaan Ingiliziitti geessa] Gaanfa Afrikaa naannawa miseensonnii IGAD jiranitti namoonni miiliyoona 26 ta'an hanqina nyaataaf saaxilamuu ibsaniiru.