Mootummaan Dr Illeenii G/Madiin mana maree gorsitoota dinagdee keessaa baase

Madda suuraa, AIDA MULUNEH
Dr Illeenii G/Madin Mana Maree Gorsitoota Diinagdee MM Abiy Ahimad hundeessan keessaa guyyaa har'aa eegalee baafamuu Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa beeksise.
Sababni Dr Illeenii mana marichaa keessaa baasef sababa isaan walgahii onlaayinii Giddugala Nagaafi Misoomaa Idil - Addunyaa (PDCI) irratti hirmaataniifi.
Mariicha irratti ''mootummaa Itoophiyaa filannoo seeraan filame jijjiiruufi ajandaa mootummaa ce'umsaa hundeessuu irratti hirmaachuun yaada yeroo kennan waan mul'ataniifi,'' jedheera ministeerichi.
Guyyoota muraasa dura Dr Illeeniin ibsa baasaniin immoo qaama siyaasaa kamiinu hidhata akka hin qabne ibsaniiru.
Ibsi ministeerichaa yaadotni DR Illeenii walgahii dhoksaan taasifamerra kaasan ''garee mana maree bakka bu'oota ummataan shororkeessummaan farrajame kan ifatti deeggarudha,'' jedheera.
Torban kana eeyyamni dhaabbata miti mootummaa Giddugala Nagaafi Misoomaa Idil - Addunyaa (PDCI) jedhamuufi Itoophiyaa keessa socho'u kuni eeyyamni isaa haqameera.
Akkaatuma Labsii Yeroo Muddamaatiin ''jiraachuufi birmadummaa biyyaa balaarra buusuf deeggarsa ni taasisa jechuun,'' eeyyamni isaa Abbaa Taayitaa Waldaalee Sivilii Itoophiyaan haqameera.
Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaa dhaabbilee sivilii kanneen mootummaan shororkeessaa jedhe labsi kallattiinis ta'e kallattiin ala deeggarsa ni taasisu jedhee amane irraa eeyyama mulquu danda'a.
Dhihoo viidiyoo miliqee baheen Dr Illeenii, Pirof Efreem Yisihaaq, Ambaasaaddar Birhaana G/Kiristoos, namoota Itoophiyaa beekamoo biroo, ambaasaaddaroota duraanii US fi kaan yeroo mari'atan mul'ataniiru.
Kunis, ijoo dubbii ta'eera.
Deebii kenname
Deebii Dr Illeeniin gama tiwiitara isaanii qoodaniin hirmaannaan walgahii sana irratti haala hin taanen akka hubatameefi kaayyoon walgahichaas Itoophiyaa keessa nagaa fiduuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Itoophiyaatti mootummaa ce'umsaa hundeessuu dabalatee heera biyyattiin ala jijjiirama mootummaa taasifamu kamu akka hin deeggarre himan.
Hirmaannaan isaaniis akka lammii Itoophiyaa tokkotti diinagdee biyyattii waraanichaan miidhame deebisanii ijaaruuf fala barbaaduuf akka ta'e himan.
Kanas yeroo raawwatan dhuunfaan malee dhaabbata dalaganiif akka bakka hin buune himan.
Dabalataan, dhaabbati isaanii kanneen hojii kalaqan gargaaru, Biluu Muun, jedhamu cufamee mootummaan qorannoo irratti gaggeessaa akka jiru hoogganaan dhaabbatichaa Saamu'el Baqqalaa tiwiitara gubbaa barreessaniiru.
Obbo Saamu'el waan Dr Illeeniin dalagan mormuun aangoo isaaniirraa gadhiisuu isaanii fuula tiwiitara isaanii irratti beeksisaniiru.

Madda suuraa, BlueSpace
Gama kaaniin kan Dr Illeeniin qooda keessaa kan qabaniifi kanneen hojii kalaqaniif haala mijataa uumuuf bakka hojii gabaabaafi dheeraa kan dhiheessu 'Biluu Sipees' keessa kan qooda qabanis Dr Illeenii qeeqaniiru.
Dhaabbaticha keessa qooda kan qaban ogeessi diinagdee beekamaa Obbo Zamadeenah Nigaatuufi Yaasir Baagirash hirmaannaa walgahii Dr Illeenii akka balaaleeffatan tiwiitara gubbaa ibsaniiru.
Pirofeesar Efreem Yisihaaq marii dhaabbati isaanii qopheesse karaa dogongoraan hubatameera jechuun ibsa baasaniiru.
Walgahichi akka jedhametti dhoksaan akka hin ta'amneefi gama mootummaan UN'tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Taayye Astqasillaasee waamichi taasifamuufis waan isaan hin mijanneef hirmaatuu dhaban jedhan.
Waa'ee mana maree gorsitootaa
Manni Maree Gorsitoota Diinagdee Walabaa ALI bara 2013 ture lammiilee Itoophiyaafi dhalattoota Itoophiyaa walitti fiduun kan hundaa'e.
Gaheen isaaniis imaammata diinagdee biyyattiifi kallattii misoomaa irratti gorsa walabaa kennuuf akkasumas gamaaggama taasisuuf kan hunda'eedha.
Kunneenis lakkoofsi isaanii kudha jaha dha. Kanneen keessaa tokko Dr Illeenii G/Madinidha.
Ministeerri Pilaaniifi Misoomaa akka har'a beeksisetti miseensonni mana marichaa miseensa paartii kamirraayyuu bilisa akka ta'u qaban ibsa.
Akkaatuma kanaan manni marichaa wal gahii arifachiisaa Sadaasa 18, 2014 taasiseen dalagaa Dr Illeeniin gadduu ibsee ammaan achi miseensa Mana Maree Gorsitoota Diinagdee Walabaa keessaa akka bahan murteessuu beeksise.
Dr Illeeniin kalaqa hojiin, kanneen hojii kalaqaniif carraa kennuun akkasumas Gabaa Oomisha Itoophiyaa (ECX) eegalsiisuun beekamu.
Dhihoo immoo Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNDP) keessa damee haaraa dargaggoota hojii kalaqan deeggaruuf hundaa'e hoogganuuf muudamuun isaanii ni yaadatama.














