Kyle Rittenhouse: Baayidan dargaggeessi mormiirratti namoota lama ajjeese bilisa bahuusaatti aaran

Kyle Rittenhouse mana murtii dura dhaabbatee, Sadaasa 19, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Pireziadaantii US Joo Baayidan Winkoonsin keessatti bara darbe namoota sanyummaa mormuuf bahanirratti dhukaasuun gurbaan namoota lama ajjeese bilisaan gadhiifamuusaatti "aareera" jedhan.

Jalqaba gurmuu abbootii seeraa dhimmicha ilaalaniif deeggarsa akka taasisan rippoortarootatti himanii ikan turan Pireziant Baayidan, erga murteen darbee garuu aarii guddoo qaban barreeffamaan ibsataniiru.

Ta'u garuu Baayidan murtee gurmuu abbootii seeraan irra gahame akka deeggaran himanii, sirni haqaa waan hojjetuuf isaan buluu qabna jedhan.

Dargaggeessi maqaan isaa Kyle Rittenhouse jedhamuufi umuriin isaa waggaa 18 ta'e dhiibbaa warra gurraachotaarra gahu mormuuf namoota bahan irratti dhukaasuun lama ajjeesee kun himannaawwan isarratti dhiyaate mara irraa bilisa yeroo jedhametti ni boo'e.

Gurbaan kun gurmuun abbootii seeraa dubartoota torbaafi dhiirota shan of keessaa qabu falmii guyyoota sadiifi walakkaan booda Jimaata kaleessaa hiree isaa itti himan gammachuurraa kan ka'e kufe.

Haati isaa Wenii jehamtus hirqinfattee boose.

Murtii seeraa Ameerikaanota lamatti qooda kana ilaalchisees mormiin xiqqaan tureera.

Hagayya 2020 namni sanyiin isaa gurraacha ta'e Jaakoob Bileek jedhamu Kenoshaa keessatti poolisiin si'a torba rasaasaan dugda isaa rukkutuun ajjeese.

Kana hordofee ture mormiin halkan lamaaf ture kan dhalate.

Dargaggeessi maqaan isaa Kyle Rittenhouse jedhamu kun bara darbe wayita umuriin isaa waggaa 17 turetti mormitoonni guyyaa sadaffaa gaafa bahan akkuma loltuutti qawwee awutomaatikiin namoota sadiirratti rasaasa roobse. Namoonni lama battalumatti yeroo du'an namni sadaffaan ammoo guddoo madaa'ee ture.

Guyyaadhuma sana mana haadha isaa Illinooyis keessa jirutti kan qabame yoo ta'u, guyyaa lamaffaarratti ture himannaan ajjechaa kan irratti banames.

Ragaan viidiyoo akka agarsiisutti guyyaa mormiin ture sana poolisoota gargaaruun daandii to'achaa tureera. Kana malees gamoowwan eeguun "hojii isaa" akka ta'e gaazexeessitootatti himeera. Yeroo mormiin ture sanarratti namoota miihafaniif gargaarsa wallaansa fayyaa kennaa akka tures argameera.

Gurbaan kun osoo barumsa sadarkaa lamaffaatti addaan hin kutiin sagantaa leenjii poolisii marsaa jalqabaa (cadet) keessatti amee balaa ibiddaa ittisuufi poolisummaa keessatti hirmaateera.