Waraana Itoophiyaa: Ergamaan addaa US Jefrii Feltimaan dhukaasa dhaabuu irratti Obbo Dammaqaa waliin mari’atan

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Jefrii Feltimaan Ministira Dhimma Alaafi Ministira Muummee Ittaanaa kan ta'an Dammaqaa Mokonnon waliin wal arguun haala waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuun danda'amurratti mariyachuun isaanii ibsame.

Kaleessa Finfinnee kan seenan Gaanfa Afrikaatti Egamaan Gamtaa Afrikaa Oliseeguun Obasaanjoon ammoo Ministira Muummee Abiy waliin wal arganii adeemsa fala barbaaduu irratti waan irra gahan ni ibsu jedhameera.

Hanga ammaa tokkoo tokkoo dhimma Feltimaaniifi MM Ittaanaa Dammaqaa Mokonnon kaasuun irratti mariyatan ifattu bahuu baatus, haala waliigaltee dhukaasa dhaabuurra itti gahamu dabalatee karaa waraanicha dhaabsisuun itti danda'amurratti waliin dubbachuu isaanii garuu mootummaan ibseera.

Burqaan Oduu Itoophiyaa gama isaatiin, waraana kana akkamiin dhaabsisuun akkaataa danda'amurratti Feltimaan ejjennoo biyya isaanii MM Ittaanaatiif ibsaniiru jechuun gabaaseera.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin humnoonni TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessaa akka bahaniif hawaasni addunyaa dhiibbaa gochuu akka qabu ibsuun ejjennoo Itoophiyaa Feltimaaniif ibsuu isaanii Burqaan Oduu Itoophiyaa kun gabaaseera.

Feltimaan guyyoota sadiitiif Itoophiyaa kan turan yoo ta'u, aanga'oota olaanoo biyyattii biroo waliinis ni mariyatu jedhamee eegama.

Akkasumas turtii isaanii guyyoota sadii kanaan Feltimaan aanga'oota olaanoo Itoophiyaatti dabalataan jila Gamtaa Afrikaafi bakka buutota hawaasa addunyaa biroo waliin akka mariyatan ibsameera.

Akka odeeffannoo Waajirri Dhimma Alaa Ameerikaa baaseetti, Feltimaan karaa waraanni kun ittiin dhaabbachuu danda'u barbaaduurratti marii fuulleffate akka gaggeessan eegama.

"Waraanichi marii irratti hundaa'uun haala ittiin dhaabbachuu danda'urratti ni mariyatu," jechuun himeera ibsichi.

"Itoophiyaatti nagaan akka bu'uufi gargaarsi namoomaa lubbuu namaa baraaru akka qaqqabuu danda'u gochuun fedhii Ameerikaati," jechuun dabalee addeesseera.

Kamisa ibsa kan kennan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Jeffrii Feltimaan "yaalii waranaan dhaabuun nagaa buusuun danda'amurratti taasifamu cimsanii itti fufaniiru," jedhan.

Obasaanjoon gara Finfinneetti deebiyuu

Gamtaan Afrikaa Gaanfa Afrikaatti Ergamaa gochuun kan isaan muude pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo irra deebiin aanga'oota olaanoo Itoophiyaa waliin mariyachuudhaaf Itoophiyaa seenaniiru.

Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD) fi dura ta'aa TPLF Debretsiyon Gabremikaa'el (PhD) waliin kan wal argan Obasaanjoon, yaada furmaataa waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabuuf ta'u irra gahan Itoophiyaan eegaa akka jirtu Ambaasaaddar Diinaan ibsa isaanii Kamisaa keessatti eeraniiru.

Obasaanjoon torban lama dura aanga'oota federaalaafi gaggeessitoota TPLF erga dubbisaniin booda fedhii gama lamaaniin jiran hubachuudhaaf kan isaan dandeessisu odeeffannoo akka argatan ibsuun isaanii ni yaadatama.

Waraana kanaaf falli siyaasaa kennamuu akka qabus Obasaanjoon dubbatanii ture.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa kaleessa fuula marsariitii isaarratti Obasaanjoon gara Finfinneetti akka deebi'an eeruun, jilli isaanii MM Abiy waliin wal arguun adeemsa fala barbaaduu ilaalchisee yaada irra gahan ni ibsu jedheera.

Ambaasaaddaroota Gamtaa Afrikaa teessoon isaanii Finfinnee ta'eefis ibsa ni kennu jedhamee eegama.

Odeessaalee biroo kana waliin deeman: