Haacaaluu Hundeessaa: Manni murtii federaalaa Laamroot Kamaal akka gadhiifamtu ajaje

Namoota afur ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessan shakkamuun to'annoo jala oolanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa ture keessaa Laamroot Kamaal akka gadhiifamtu manni murtii ajajuu, Addis Standard gabaase.

Onkoloolessa 21 bara 2021 Manni Murtii Ol Aanaa Federaalaa dhadachi lammaffaa Lamroot Kamaal irratti himata akka banu murteesse ture.

Laamroot shakkamtuu arfaffaa yoo taatu manni murtiii federaalaa Guraandhala 25,2021 himata shororkeessummaa ajjeechaa Haacaaluu Hundeessan wal qabatee irratti baname irraa bilisaan akka gadhiifamtu murteesse ture.

Abbaan alangaa Mana Murtii Federaalaa Ol aanaatti ol iyyata fudhachuun himata isaa dhagahuuf ji'ootaaf beellamaa ture. Garuu manni murtichaa abbaan alangaa shororkeessummaan himachuuf ragaa quubsaa hin dhiyeessine jechuun kufaa taasise.

Laamroot mana hidhaa qaallittiti hidhamtee kan jirtu yoo tahu, dhaddacha mana murtii ol aanaa federaalaa Onkoloolessa 21,2021 taa'e irratti hin argamne. Manni murtichaas akka hojiira oolchuuf mana murtii federaalaa damee Lidetaatti deebise.

Laamirot Kamaal gaafa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame nama isa waliin turte tahuu gabaasni Addis Standard hima.

Waxabajji bara 2020 keessa erga to'atamtee yeroo xiqqoo hidhamtee gadhiifamuun booda irra deebiin qabamuun hidhamte. Abbaan alangaa ajjeechaa Haacaaluuf shira xaxame keessaa harka qabdi jechuun shakke.

Obboleessi artisti Haacaaluu Hundeessaa Siisay Hundeessaa dhimma Laamiroot Kamaal irratti ji'oota muraasa dura 'haqni isaa mucayyoo harka jira,'' jedhee ture.

''Dhimma kana faana hidhata kan qabdu mucayyoo sana qofa. Haqni isaas akka maatiitti kan hubannu intala harka akka jirudha.''

Namoonni Laamroot haati manaa Haacaaluu deenyaan dubbisuu mana dhuftee ishee gaggeessuuf waliin bahe kan jedhudha. Haa tahu malee Siisay haati manaa Haacaaluu ''ijaan argaallee yeroo jalqabaaf kan argite mana murtii Lidataatti. Ijaan argaallee hin beektu. Intala waliin harooroo hin qabnu,'' jedhe.

Garuu magaala tokko keessatti dhalannee waan guddanneef ijaan argaa wal beekna jedhe.

''Mucayyoon waanta beektu ni dubbatti taanaan haqi isaas ni baha,'' jedhe Siisay. Siisay kana dura gaaffiif deebii BBC waliin taasise irratti kana haa jedhu malee ergasii ejjennoon maatii maal akka tahe BBC'n waan adda baase hin qabu.

Artistii jaalatamaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Waxabajji 2020 ajjeefamuun akka biyyattiitti hookkara guddaa kaasee ture.