Haacaaluu Hundeessaa: Manni Murtii Xilaahun Yaamiifaa irratti murtee adabbii laachuuf beellama biraa qabate

Manni Murtii himatamtoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan murtee balleessummaa irratti muree ture irratti murtee adabbii laachuuf Kibxata har'aatti beellamee turus murtee adabbii hin laanne.

Dhimmicha qabatee kan jiru Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaa fi dhimmoota heeraa lammaffaa himatamtoota sadeen; Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdi Alamaayyahu irratti murtee adabbii laachuuf ture har'atti kan beellame.

Haata'u malee manni murtichaa murteen adabbii har'atti akka hin qaqqabne himeera.

Sababni immoo himatamaan tokkoffaa Xilaahun Yaamii nama maatii bulchu ta'uunsaa akka qabxii adabbii hir'isutti akka qabamuuf kana dura kan iyyate ture.

Haata'u malee qaamoleen mootummaa bulchiinsa gandaa walgahiirra ta'uusaaniitin waraqaa kana dhiyeessuu akka hin dandeenye gama abukaatoo ittisaa isaatin iyyachuusaa Abbaan seeraa dubbataniiru.

Kanaafis beellamni biraan akka kennamuf abukaatoon ittisaa himatamtootaa gaafataniiru.

Manni murtichaa iyyaticha kan fudhate ta'uu himuun Xilaahun Yaamii waraqaa gandarraa barreessisu hanga Jimaataatti mana murichaaf akka dhiyeessu ajajeera.

Himatamtoota sadeen irratti murtee adabbii laachufis Adoolessa 27, 2013ti beellama qabateera.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa itti yaadee raawwate kan jedhame Xilaahun Yaamii du'aan akka adabamu Abbaan Alangaa Mana Murtii gaafachuunsaa ni yaadatama.

Artiist Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura magaalaa Finfinnee keessatti rasaasaan dhahamee ajjeefame.

Maatiin artistichaa adeemsa amma jiruun dhugaan Haacaaluu ni baha jedhanii akka hin yaadne obboleessi isaa Sisaay Hundeessaa amma dura BBC'tti himee ture.

Ajjeechaa isaatiin namoonni afur kan himataman yoo ta'u Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuu fi Abdi Alamaayyahu seera adabbii yakkaa keewwata adda addaa jalatti balleessitoota jedhamanii murtii adabbii eeggachaa jiru.

Himatamtuun afraffaa Laamroot Kamaal manni murtii olaanaa amma dura bilisaan gadi dhiisullee abbaan alangaa ol iyyannoo gaafatee dhimmi ishii mana murtii waliigalaa federaalaatiin ilaalamaa jira.