Haacaaluu Hundeessaa: Xilaahun Yaamii artiist Haacaaluu ajjeesuusaa mirkaneessuu manni murtii hime

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi farra shororkaa fi yakkoota dhimmoota heeraa lammaffaa namootni ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan himataman sadi “balleessitoota” jechuun jala murtii kenneera.

Himatamtootni manni murtichaa yakka raawwachusaanii mirkaneesseera jedhe himatamaa tokkoffaa Xilaahun Yaamii, himatamaa lammaffaa Kabbada Gammachuu fi himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoodha.

Manni murtichaa jecha ragaaleen namootaa Abbaan Alangaa dhiyeesse kudhan kennan, ragaalee sanadaa Abbaan Alangaa dhiyeesse, jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa akkasumas jecha ragaalee ittisaa himatamtootaa ilaalusaa himeera.

Himatamaa tokkoffaa kan ta’efi kallattiin Artiist Haacaaluu Hundeessaa shuguxiin ajjeesuun kan himatame Xilaahun Yaamii yakkicha akka hin raawwanne fi wayita poolisiif jecha kennus reebamaa dirqamaan “ajjeessera” jedhee jecha kennuusaa hime ture.

Haata’u malee manni murtichaa Xilaahun Yaamii wayita akkaataa yakkicha itti raawwate poolisiitti agarsiisutti dhiibbaa malee bilisa ta’ee ibsaa akka ture viidiyoo waraabamerraa hubachuusaa himeera.

Kana malees Xilaahun Yaamii sababa reebicha irratti raawwatameen miillisaa miidhamuu himee kan ture yemmuu ta’u Manni murtichaa garuu Xilaahun akkaataa yakkichi itti raawwate wayita agarsiisu bilisaan socho’aa akka ture, dabalataanis godaannisa sababa reebichaan ummame akka hin qabne himeera.

Dabalataan manni murtichaa ragaaleen ittisaa himatamaan tokkoffaa Xilaahun Yaamii dhiyeesse jecha wal faallessu kennu isaanii hime.

Manni murtichaa Xilaahun Yaamii mari'atee, itti qophaa'ee, bu'aa siyaasaaf ajjeechaa kana raawwachuu himuun, labsii dhimma shororkaa darbuun balleessaa jedhame.

Yakki kun hidhaa waggaa 15 hanga umrii guutuu ykn du'aan adabsiisuu mala.

Himatamtoota kaan ...

Manni Murtichaa himatamaa lammaffaa kan ta'e Kabbada Gammachuunis "balleessaadha" kan jedhe yemmuu ta'u wantoota manni murtichaa akka ragaatti fudhate keessaa tokko waraabbii sagalee bilbilaati.

Manni murtichaa Kabbada Gammachuu qaamolee seeraan wayita barbaadamaa turetti baqachaa akka ture, wayita baqatuttis baqachaa jiraachuusaa nama biraatti bilbilaan himaa akka ture, sagaleen kunis bilbiluma isaatiin waraabamee bilbilasaa keessaa kan argame ta'u himeera.

Kana malees jechi ragaaleen ittisaa himatamaa lammaffaa kennan kan wal faallessu akka ta'es manni murtichaa himeera.

Kanaafis Kabbada Gammachuu seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 540 darbuun 'yakka ajjeechaa idilee' ykn 'ordinary homicide' raawwachuun isaa akka mirkanaa'e manni murtichaa himeera. Yakki kun hidhaa waggaa 5 hanga 20 adabsiisuu mala.

Kanaan dura Kabbada Gammachuu himatamaa tokkoffaa kan ta'e Xilaahun Yaamii "rukkunnee yaa saamnu" jedheenii gocha saamichaa raawwachuuf waliigalee walin deemunsaa himamee ture.

Gama biraatin himatamaa sadaffaa kan ta'ee fi mirga wabii birrii 10,000nin mana sirreessaatii bahee dhimmasaa alaa hordofaa kan ture himatamaan sadaffaa Abdii Alamaayyahu balleessaa jedhameera.

Himatamaan kun balleessaa raawwachuunsaa waan mirkanaa'ef gara mana sirreessaatti akka deebi'u manni murtichaa ajajeera.

Abdii Alamaayyahu wayita ajjeechaan raawwatamu argee qaama seeraatti beeksisuu dhiisuu isaatin seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 443/1 A darbuusaa manni murtii jala murtii kenneera. Dhumarratis manni murtichaa murtee adabbii kennuuf yaada adabbii (yaada adabbii cimsufi salphisu) kan himatamtootaa fi Abbaa Alangaa dhagahuuf Adoolessa 08 bara 2013ti beellameera.

Waa'ee ajjeechaa artiist Haacaaluu ...

Artiist Haacaaluu Hundeessaa waggaa tokko dura A.L.I Waxabajjii 22, 2012 galgala sa'a 3:30 irratti Magaalaa Finfinneetti rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Ajjeechaa isaatiin namoonni afur shakkamuun to'atamanii dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa turan.

Mana Murtichaa himatamtuu afraffaa kan taate fi ajjeechaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa akka raawwatamuf haala mijeessun kan himatamte Laamrot Kamaal, gahee haala mijeessuu bahachuushee kan agarsiisu ragaaleen namootaas ta'e sanadaa akka hin dhiyaanne himuun bilisaan akka gadhiifamtu murteessee ture.

Haa ta'u malee Abbaan Alangaa waliigalaa murtee kana mormuun oliyyannoosaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffatee, dhimmicha beellamaan qabamee jira.

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumameen lubbuun namoota 170 ol yoo darbu qabeenyi biiliyoonaan lakkaa'amu manca'uu poolisiin ibseera.

Ajjeechaa isaa hordofee namoota siyaasaafi gaazexeessitoota dabalatee kanneen badii garaa garaan shakkaman to'annoo jala oolunsaanii ni yaadatama.