Laamroot Kamaal: Manni murtii galmeen qorannoo poolisii akka dhiyaatuuf ajaje

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa falmii Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Laamrot Kamaal gidduu jirurratti murtee kennuuf har'atti beellamee turus murtee osoo hin laatin hafeera.

Shakkamtoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa keessaa tokko kan taatee fi Abbaa Alangaatin himatni kan irratti baname Laamrot Kamaal Mana Murtii Olaanaa Federaalaatin bilisaan akka gadhiifamtu murtaa'unsaa ni yaadatama.

Abbaan Alangaa Waliigalaa murtee kana mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan iyyate ta'uu isaatiinis Laamrot Kamaalii fi Abbaan Alangaa wal falmanii turan.

Dhimmicha qabatee kan jiru Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaas har'atti murtee kennuuf beellamee kan ture yemmuu ta'u dhaddacha har'a taa'een garuu galmeen qorannoo poolisii akka dhiyaatu ajajeera.

"Wantootni qulqullaa'uu qaban akka jiran irra geenyerra" kan jedhan abbootiin seeraa murtee sirrii kennuuf galmee qorannoo poolisii ilaalun akka barbaachise dubbataniiru.

Kanaafis galmeen poolisiin dhimma Laamrot Kamaal irratti qorachaa ture dhiyaatee akka qoratamu himaniiru.

Dhumarrattis manni murtichaa galmicha qoratee murtee kennuuf Adoolessa 30, 2013ti beellama qabateera.

Gama biraatin Laamrot Kamaal mana sirreessaa Qaallittiitii gama televiziyoonaan dhaddacha irratti dhiyaatterti.

Dhimma Laamrot Kamaal…

Laamrot Kamaal shakkamtoota ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee to'annoo jala oolanfi Abbaan Alangaa himata irratti hundeesse keessaa tokkodha.

Shakkamtuun kun "michuushee yeroof to'annoo jala hin oollerraa ergama fudhattee artiist Haacaaluu gara iddoo itti ajjeefametti fudhattee deemuun akka ajjeefamuuf haala mijeessiteerti" jechuun ture Abbaan Alangaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti himata kan irratti bane.

Manni Murtichaas Laamrot Kamaal gahee haala mijeessuu bahachuushee kan agarsiisu ragaaleen namootaas ta'e sanadaa akka hin dhiyaanne himuun bilisaan akka gadhiifamtu murteessee ture.

Abbaan Alangaa Waliigalaas murtee kana mormuuni Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan iyyate.