Yugaandaatti dho'insa shorokeessitootaan raawwatame hordofee dureen amantaa Islaamaa tokko ajjeefaman

Humnootiin nageenyaa Yugaandaa duree amantaa Islaamaa gareewwan hidhattootaa magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaa keessatti gocha badanii balleessuun boombii dhoosan waliin hidhata qabu jedhan ajjeessan.

Qondaaltoonni Shiik Muhaammad Abaas Kireeyuu garee Michoota Humnootii Dimokiraatik (ADF) kan garee Bulchiinsa Islaamaa waliin hidhata qabuuf hojjatu jedhan.

Dureen amantaa kun magaalaa Kaampaalaatiin alatti ajjeeffame.

Haleellaa namoota doqdoqqee fayyadamuun magaalatii keessatti guyyaa Kibxataa dhohinsa qaqabsiisaniin, yoo xinnaate namoonni afur ajjeefamaniiru.

Halleellaa garee IS itti-gaafatamummaa fudhate kanaan namoonni 30 ol ta'an ammoo miidhaan qaqabeera.

Gareen Milishoota Islaamaa ADF kun Yugaandaa keessatti bara 1990mota keessa kan hundeeffame yoo ta'u, yeroo ammaa garuu DR Koongoo keessatti maanneffatee jira.

Erga bara 2019tti IS waliin hidhata uumachuu beeksiisee kaasee maqaa garichaatiin haleellaawwan hedduu qaqabsiiseera.

Erga haleellaa Kibxataatiin booda Kaampaalaafi gutuu biyyattii keessaa namoonni 21 to'annaa jala oolfamaniiru.

Dubbi himaan Poolisii Fireed Enaangaa akka jedhaniitti, daa'imman hedduu dabalate shakkamtoonni 13 wayita gara DR Koongootti darbuuf daangaa qaxxaamuran qabaman.

Guyyaa Roobii shakkamtoonni ADF hojjatan afur dhiheenya daangaa irratti ajjeefaman.

Akkasumas duree amantaa kan biraa Sheek Suleemaan Nsubugaa kan milishoota filachuun, fi dhoohiinsa raawwatameef meeshaa dhiyeessuu dabalate, shororkeessitoota leenjiisuun himataman barbaadamaa jira.

Haleellaan Kibxataa sunis haleellaa boombii magaalaa Kaampaalaa keessatti ta'e kan dhiheenyaati.

Baatii darbee keessaa ammoo magaaluma Kaampaalaa keessatti meeshaan dhoo'o koroojoo keessatti mana dhugaatii keessa gaahamuun dhoohee, keessummeessituun tokko ajjeefamte ture.

Guyyootaan booda ammoo namni ofi ajjeesse ajjeessuu tokko atobusii biratti boombii ofiisaatti dhoosuun namoota baayyee irra miidhaan qaqabe. Poolisiinis gochaawwan lamaanu ADF waliin hidhata qaba jedhan.