Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Kaampaalaatti raawwatameef gareen IS itti gaafatama fudhate
Gareen Islaamic Isteet (IS) haleellaan lama magaaalaa guddoo Yugaandaa, Kampaalaatti gaafa Kibxataa raawwatameef itti gaafatama akka fudhatu beeksise.
Poolisiin Yugaandaaa haleellaa kana Allaayid Dimookiraatik Foors (ADF) jedhamuufi Ribbablika Dimookiraatikii Kongoo keessa maan'effateen akka raawwate ibseera. Gareen kunimmoo IS akka deeggaru ni ibsa.
IS fuula Telegiraama isaarratti akka ifa taasisetti, haleellaa raawwateen kanneen du'aniifi madaa'an 30 olidha jedha.
Ta'us, akka qondaaltonni ibsanitti haleellaa gaafa Kibxataa naannoo sakattaa buufata poolisii fi paarlaamaa biyyattiitti mudateen lakkoofsi namoota du'anii jahaadha.
Kanneen keessaa sadii sivilii yookiin namoota nagaa yoo ta'a sadii immoo kanneen lubbuu ofii balleessannii kan kaanii balleessuuf manaa bahaniidha jedhameera.
Toorri sagalee garee kanaa Amaaq jedhamu akka beeksisteetti biyyoota Giddugala Afrikaatti hidhattoota IS lolaa jiran keessaa tokko Yugaandaadha.
Sababa kanaanis, biyyattii irratti xiyyeeffachuu isaanii beeksisaniiru.
Baati darbe haleellaan Yugaandaatti erga dhaqqabe jalqabee IS itti gaafatama yeroo fudhatu kuni yeroo sadaffaafi.
Haleellaa Kampaalaatti raawwate hordofee Keeniyaan waraana ishii of eegganoon akka eegaa jiru beeksisteetti.
Dubbii Himaan Mootummaa Keeniyaa Saayiras Ogunaa lammiileen dammaqinaan akka of eeganiifi wantoota shakkisiisoo gaafa argan akka gabaasan ergaa dabarsaniiru.
Yugaandaatti sababa dho'insa Kibxata ganama mudateen paarlaamaan biyyattii waaree booda walgahuuf ture akka hafu ta'eera. Saroonni foolii fuudhan akka sakatta'anis taasifame.
Namoonni 30 ol kan miidhaan irratti dhaqqabe yoo ta'u ammallee hospitaala kan jiran jiru.
Poolisin shakkamaa afraffaa to'annoo jala oolchuufi fanjii harkatti qabu ibseera.
Pirezidantiin yugaandaa Yuwerii Musevenii fuula tiwiitara isaanii irratti ergaa dabarsaniin haleellaan kuni namoota ''bitaa isaan galeen'' raawwate jechuun balaaleeffataniiru.
Dabalataan humnoonni shororkeessaa jedhan kuni baatii Waxabajjii darbe Ministira Geejjibaa biyyatti Janaraal Kaatumbaa Waamaalin yeroo haleellaa irratti banan of saaxilaniiru jedhan.
Haleellaan yeroosiin intalli janaraalichaafi konkolaachisaan isaanii lubbuu dhabaniiru.
Eegasii shakkamtoonni shororkeessitoota torba eeyyamamaa waan hin taanef yeroo ajjeefaman 80 ol kan ta'an immoo to'annoo jala oolaniiru jedhaniiru.