Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan konkolaachiftoota UN 70 hiite keessaa walakkaa hiikte
Mootummaan Itoophiyaa konkolaachiftoota kontiraataan UN'f dalagan 70 hidhe keessaa walakkaa kan ta'an hiikuu Dubbii Himaan UN himan.
Farhaan Haaq, ibsa miidiyaaleef Niw Yoorkitti kennaniin konkolaachiftoota 70 keessaa 34 hiikamuu himan.
Haa ta'u malee ammallee 36 akka hin hiikamiin jiran himaniiru.
Itoophiyaan torban darbe ture konkolaachistoota fe'iisaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) 72 ta'an Affaar, Samaraatti hidhuu WFPn kan beeksie.
Mootummaan waan hojjettoota UN ta'aniif hidhaman miti, seera cabsinaan ni gaafatamu jechuun ibseera.
Konkolaachiftoonni kontiraataa UN 70 kunneeniifi hojjettoonni UN 10 Jimaata darbe hidhamanii turan akka gadhiifaman abdii akka qaban qondaalli UN kuni ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa torban lama dura waraana Kaaba biyyattiitti hammaateefi finciltoonni magaalaa guddoo biyyattii akka to'atan doorsisuu eegalee Labsii Yeroo Muddamaa labseera.
Eegasii hidhaan namootaa hammaachuu gabaafamaa ture.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee meeshaa waraanaa qaban akka galmeessaniifi akka magaalitti eegan ergaan darbeera.
Poolisiin garuu namoota garee shororkeessaa tumsu jedhe shakku akka hidhaa jiru malee sabaan foo'ee akka hin hiine hime.
Ta'us Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaafi Aminastii Intarnaashinaal yaaddoo qaban ibsa baasaniin himanii turan.
Labsiin Yeroo Muddamaa ji'a jahaaf turuufi torban lama dura labsame 'balaa hamaa' biyyattii qunname qolachuuf akka labsame ibsameera.
Gama kaaniin Wiixata kaleessaa UN Itoophiyaatti dolaara miiliyoona 40 gargaarsa namoomaa atattamaan barbaachisu dhiyeessuuf oolu ramaduu isaa beeksise.
Dhiyeenya Itoophiyaa daawwatanii kan turan Itti-gaafatamaan OCHA Maartiin Giriifiitis, "guutummaa biyyattii keessatti fedhiin dabalaa jira.
''Maallaqni kun ramadamuu isaatiin dhaabbileen gargaarsaa namoota saaxilamoo ta'aniif eegumsa akka taasisaniif, akkasumas gargaarsa akka qaqqabsiisaniif isaan gargaara," jedhaniiru.
Gama kaaniin Naannoon Amaaraa bakkeewwan finciltoota TPLFn ji'ootaaf to'atamanii jiranitti jaarmayaaleen gargaaraa idil-addunyaa gargarsa namoomaa kamuu akka hin dhiyeessine ibseera.
Bakkeewwan kuni gara caalu Godina Walloo Kaabaafi Waaghimiraadha.
Kanaanis lammileen nagaa miidhamaa jiraachuufi Waaghirmiraatti ammoo nyaataafi qoricha dhabuurraa kan ka'een lubbuun namoota 11 darbuu Komishiniin Ittisa Balaafi Wabii Nyaataa naannichaa beeksiseera.
Lola waggaa dura eegaleefi baatii Waxabajjii darbe gara Affaariifi Amaaraa ce'een lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo buqqa'aan.
Lammiileen 400,000 ta'an immoo haala beela fakkaatu keessa akka jiran kana dura UN ibsee ture.
Naannolee sadanitti yeroo ammaa lammiileen miiliyoona 7 ta'an deeggarsa namoomaa kan barbaadan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ibsuun ni yaadatama.