Gareewwan Filisxeem Israa'el shororkeessummaan farrajje akka irra kaafamuuf gaaffatan

Lammiilee Paalesitiyaanootaa waraqaan eenyummaasaanii lafa sakkatta'insa Beeteliheemiitti ilaalamaa jiru (suraa man-kusaa)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareewwan jahan sabama mirgoota namomaa Weest Baank fi Gaazaa keessaa hordofu

Dhaabbieen mirga namoomaa jaha kanneen Israa'eliin dhorkaan irra kaa'ame akka calisan taasifamu himauun, dhorkaan kun akka irraa ka'uuf gaafatan.

Dureewwan dhaabbilee sivilii Filisxeem jaha kanneen Israa'eliin akka garee shororkeessaatti farajaman tarkaanfiin kun yoo geeddarame malee mirgoota namoomaa miidha jedhan.

Israa'el torban darbe keessa dhaabbileen kunneen garee milishaa erga bara 1960mota keessaa kaasee haleellaa ajjeechaa ishe irratti raawwatu deegaru jechuun labsite.

Ergamtoonni Israa'el icciitiiwwan tikaa argatan waliin waa'ee murtee kanaa torban kana keessa Waashingitaniitti ibsa akka kennan eegama.

Murtichis deeggartoota idil-addunyaa kan naasiseefi kan gamtaadhuma hoggansa Israa'el jidduuttilleen qoodiinsa uume ture.

Gareewwan akka shororkeessatti adda baafamanis:

  • al-Haaq
  • Addaameer
  • Ittisa Daa'imman Addunyaa- Paalestiniyaan
  • Wiirtuu Bisaan Qorannoo fi Misoomaaf
  • Gamtaa Koreewwan Hojii Qonnaa
  • Gamtaa Koreewwan Dubartoota Paalesiniyaan

Ministeerri Ittisa Israa'el Beenii Gaantz gareewwan hundisaanii deeggarsa biyya alaarraa argatachuun, maallaqa gara Adda Bilisa Baasaa Filisxeem (PFLP) tti dabarsu jechuun himatan.

Isaan garu himannaa kana hin fudhatan.

Gareen PFLP kan Israa'el akka bulchiinsaatti beekkamtii hin kennineef baroota 1960 fi 70mota keessa haleellaawwan waraanaa hedduufi xiyyaarota butuu raawwatee ture.

Akkasumas, wayita yeroo lammataatiif Filisxeemonni jalqaba bara 2000 keessa cimanii ture sanattis haleellaawwan badanii balleessuu hedduu duuba ture.

Milishoota FLP fuula dhokfatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'eel gareewwan kunneen milishoota PFLP waliin hidhata qabu jedha

"Kunis seenaafi maqa-balleessii nama kofalchisudha,'' jedhan Daarektarri al-- Haaq, Shaawaan Jaabaarin.

''Akkan yaaduutti kun rasaasa siyaasaa harksaanii jirudha. Kun rasaasaa siyaasaati sababii bu'uura seeraafi nageenyaa tokkoo hin qabneef. Waan jechaa jiran akka ragaan mirkaneessaniif nan gaafadha,'' jedhu.

Al- Haaq garee mirgoota namoomaa Filisxeemotaa cimaadha. Yeroo baayyees sarbamawwan Israa'eliin, Aanga'oota Paalesitiyaan (PA) Weest Baank bakka Israa'el to'attu keessaafi Hamaas, kan garee Islaamaa Filisxeemota Gaazaa to'atuu ni mul'isu.

Dureewwan gareewwanii qophii Jimaata darbe Humaan Raayitsi Wochi, Wiirtuu Kaartariifi kaaniin karaa Intarneetii qophaa'eerratti dubatanii jiru.

''Seeraan ala nu gochuun, hawaasni idil-addunyaa akka nu waliin hin dubbannee nu gochuufiidha,'' jedhan Daarektarri Addaameer Saahaar Firaansiis.

Addaameer waa'ee mirgoota hidhamtoota Filisxeemotaa mana hidhaa Israa'el keessaa kan falmu yoo ta'u, hojiin isaan dhaabbilee Mit-mootummaa Israa'el fi namoota dhuunfaa waliin hojjatan baayyee akka miidhamu himu.

Waajiraaleen gareewwan sochiiwwan isaanii Israa'eliin dhorkame kunneenii ni cufamu, qabeenyaan isaanii ni to'atama, akkasumas hojjattoonnis to'atamuu danda'u.

Isteet Dippaartmentiin Ameerikaa waa'ee gareewwan kanneen akka shororkeessatti farrajuu itti waan hin himamneef Israa'el sababii isaa irratti ibsa akka kenniituuf nan gaafadha jedhe.

Dubbii Himaan Isteet Dippaartiimentii Ameerikaa, Need Piraayis Kibxata darbe akka jedhaniitti, ''mirga namoomaafi bilisummaa murteessoowwan kabajuun, akkasumas dhaabbileen siviilii walabaa cimoon dimokraasiif barbaachisoo ta'uu amanna,'' jedhan.

Gamtaan Awurooppaas tarkaanfii Israa'el kana ''baayyee hamaa'' akka ta'eetti kan fudhatuufi aanga'oota Israa'el irraa ballina isaa akka barbadu ibsa Kamisa baaseen himeera.

Gamtaan Awurooppaa gareewwan shororkeessaa deeggaruuf maallaqa keennu irraa ''of eeggannoo dhumaa'' taasisa jedheera.

Haata'u amlee, himannaan Israa'el gareewwan Filisxeemotaa kunneen deeggarsa maallaqa Gamtaa Awuurooppaa waan hin malleef fayyadamu jedhu ''ragaan hin deeggaramne.''

Kana malees, Mootummooti Gamtoomanii gareewwan mirgoota namoomaa Israa'el fi gareewwan mirgoota namoomaa idil-addunyaa murtee Ministeera Raayyaa Ittisa Israa'el kana cimsanii balaaleeffataniiru.

Abbaan Taayitaa Paalistiyaanis, ''sarbama mirga idil-addunyaa cimaa'' jechuun kufseera.

Haata'u malee, qondaalli tika Israa'eel marsariitii oduu Israa'eli Walla irratti akka jedhaniitti, gareen tikaa dhaabbilee kanneen ilaalchisuun ''ragaalee murteessoo viidiyoowwanii, suuraalee, nagaheewwan ittiin maallaqni dabarfameefi kan biraa kanneen kallattii PFLP waliin hidhata qaban'' qabaachu himan.

Ammallee garuu Ministeerri Ittisaa murtee kanaaf mootummaa Israa'el keessattilleen osoo hin hafne qeequumsa cimaan irra gahaa jira.