Ispeen daldala saal-quunnamtii seeraan dhorkuuf dhaadatte

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri muummee Ispeen Peedroo Saancheez Dilbata kaleessaa daldala saal-quunnamtii seeraan ala akka godhan kakatan.
Walgahii guyyoota sadii paartii isaanii Vaaleensiyaatti taasifameen booda, Saancheez gochaan kun dubartoota ni ‘’gabroomsaa’’ jedhan.
Daldalli saal-quunnamtii bara 1995tti ture seeraan akka hin adabsiifne kan tahe. Bara 2016tti immoo indastiriin saal-quunnamtii biyyattii doolaara biiliyoona 4.2tti akka tilmaamamu UN hime ture.
Qorannoo bara 2009tti adeemsifameen dhiirota Ispaanish sadii keessaa tokko saal-quunnamtiidhaaf kaffaltii raawwataniiru.
Haa tahu malee qorannoon biraa bara 2009’tti maxxanfame lakkoofsi kun hanga harka 39’tti ol siquu mala jedha. UN illee Ispeen wiirtuu daldala saal-quunnamtii addunyaa sadarkaa sadaffaarra jirtudha yoo jedhu, Taayilaandii fi Poortoo Rikoo qofatu ishee dursa.
Yeroo ammaa kana Ispeen kanneen saal-quunnamtii qarshiin geeddaran hamma isaan addabaabaayiitti hin raawwannetti seeraan hin adabaman. Tahus daldaltoota saal-quunnamtiif maamila dhiyeessuun garuu seeraan ala.
Erga bara 1995tti seeraan ala tahuunsaa hafee, indastiriin kun kan guddate yoo tahu, biyyattiittis dubartoonni 300,000 daldala kana keessa jiru.
Bara 2019tti paartiin Saancheez qajeelfama filannoo isaa keessatti daldala saal-quunnamtii seeraan ala akka godhu maxxanseera, kunis dubartoota sagalee kennan hawwachuufi jedhameera.
Qajeelfamni kunis daldalli saal-quunnamtii ‘’hiyyummaa hamaa dubartii kan agarsiisuufi haleellaa saalaa dubartii isa badaa dha,’’ jedha.
Haata'u malee hamma yoonaa seerri hojii irra ooluuf kaa’ame hin jiru.
Deeggartoonni sirna amma jiru kanaa immoo, hojiin kun dubartootaaf madda galii tahuun jireenya isaaniin akka of danda’an godheera jedhu.
Haata'u malee yeroo dhiyootiin asitti dubartoonni daldala saal-quunnamtiif daddabarfamu kan jedhuun yaaddoon jira.
Poolisiin Ispeen bara 2017tti dubartoota 13,000 tarkaanfii farra namoota daddabarsuu irratti taasiseen adda baasuu danda’eera.
Dubartoonni harka 80 tahanis eeyyama isaanii malee qaama sadaffaan saal-quunnamtiif saaxilamaniiru jedha poolisiin Ispeen.
Odeessaalee walfakkaatan:













