Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Libaanoon dukkana sa'aatii 24 booda ibsaa argatte
Liibaananitti sababii rakkina dinagdee mudateen ibsaan guutuu biyyaatti badee ture, dukkana sa'aatii 24 booda ibsaan deebi'uu maddeen mootummaa beeksisan.
Ministeerri Annisaa biyyattii akka jedhetti baankiin jidduugalaa boba'aa bituuf liqaa doolaara miliyoona 100 waan argateef, wiirtuleen anniisaa akka ibsaa maddisiisan eegalchiise.
Jidduugalli elektirika maddisiisan kanneen Sanbata cufamee turees, qondaaltoonni biyyattii guyyoota hedduuf waan deebi'ee hojii eegaluu hinfakkaatu jedhanii ture.
Libaanan waggaa tokkoofi walakkaadhaaf rakkoo dinagdee cimaa fi hanqina boba'aa hamaa keessatti argamti.
Rakkoon kunis ummata biyyattii harka walakkaa ta'u jireenya hiyyummaatiif kan saaxile yoo ta'u, maallaqa biyyattii gatii dhabsiisuun mormiiwwan aanga'oota siyaasaa irratti akka ka'u taasiseera.
Hanqinni sharafa biyya alaa ammoo dhiyeessitoota anniisaa biyya alaatiif kanfaltii raawwachuuf rakkisaa taasiseera.
Dukkanni guutuu biyyaa mudatees walakkaa guyyaa Sanbataa kan eegale yoo ta'u, innis wiirtuleen gurguddaa lamaan annisaa biyyattii maddisiisan sababii hanqiina boba'aatiin waan cufamaniif ture.
Haata'u malee ibsi guyyaa Dilbataa ammoo dhiyeessaan elektirikii biyyattii amma hanga ibsaa duraanii dhiyeessuun danda'a jedheera.
Haata'u malee jidduugalli madda elektirikaa osoo gutummaan hincufamin duras, ummanni yeroo baayyee guyyaatti sa'aatiiwwan lama qofaaf ibsaa argataa ture.
Dukkanni guyyaa Sanbataa jechuun ammoo guutuu Libaanooniitti ummanni akka madda ibsaa dhunfaa irratti hirkatu taasiseera.
Hanqina jiruun walqabatee boba'aan ibsaa argachuu ammoo baayyee mi'aa waan ta'eef, elektirikii biyyattii guutuuf ta'u maddisiisuun rakkisaa ta'eera.
Waraanni biyyattii hanga kan dabalataa biyya alaatii galfamuutti buufataaleen elektirika maddisiisan akka hojjatan taasisuuf boba'aa isaa hanga tokko kennuuf waliigaleera.