Lola mana hidhaa Ikkuwaadoor keesstti ka'een sirreeffamtoonni 100 ol du’an

Madda suuraa, EPA
Lola mana hidhaa Ikkuwaadooritti yakkamtoota wal- gaareffatan gidduutti eegalameen yoo xiqqaate namoonni 116 du’u qondaalli mana sirreessaa hima. Kunis seenaa biyyattii keessatti hokkora mana hidhaa isa hamaa jedhameera.
Lola gaafa Kibxataan mana hidhaa magaalaa Guayaquil’tti mataan hidhamtoota shanii irraa murameera, kaanimmoo rasaasaan dhahamanii du’aniiru.
Komaandarri poolisii Fausto Buenaño hidhamtooni boombii illee darbataniiru jedhan.
Mana hidhaa yakkamtoonni qoricha sammuu hadoochu waliin hidhata qaban keessa jiran kana deebisanii to’achuudhaaf poolisoonni 400 hirmaataniiru.
Akka miidiyaan naannoo gabaasetti hokkorri kuni garee jabaa daddabarsitoota qoricha sammuu si’eessuu Meeksikoodhaan ajajame.
Daariktarri tajaajila mana sirreessaa Ikkuwaadoor Bolivar Garzon haala kana yeroo ibsu ‘’hamaa’’ jechuun dubbateera.
‘’Kaleessa guyyaa poolisiin to’atus garuummoo galgala dhukaasni biraan ture, dhohinsis akkasuma, har’a ganama garuu to’achuu dandeenyeerra. Gamoo lolli ture keessa galuun reeffa dabalataa argaa jirra,’’ jedhe.
Lola mana hidhaa to’achuudhaaf taasifamuun inni kuni isa hammaataa dha. Guraandhala keessa lola wal-fakkaataan namoonni 79 ajjeefamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Akka Buenaño jedhanitti hidhamtoonni kutaa isa tokkorraa gara isa kaaniitti ce’uuf qaawwa fayyadamuun suuta qaxxisanii darban, achittis yakkamtoota diina jedhaniin haleelan jedhan.
Kanaanis hidhamtoonni 80 ol miidhamaniiru.
Poolisiin namoota nyaata bilcheesan jaha kan kutaa gamoo lolli keessa ture keessa turan nagaan baasneerra jedhe.
Pireezidantiin biyyattii Guillermo Lasso manneetii hidhaa biyyattii keessatti labsii yeroo hatattamaa baasaniiru.
Manni hidhaa lolli itti taasifame kuni hidhamtoota daddabarsitoota qoricha sammuu si’eessu Meeksikoo jajjaboo waliin hidhata qabu.
Adoolessa keessa Pireezidantiin biyyattii manni hidhaa Ikkuwaadoor manneetiin hidhaa harka 30 humna isaaniin ol hojjechaa jiru jedhanii turan.
Hidhamtoota yeroo irratti murtaa’e fixuu gahaniifi yakka cimaa hin taane dalagan gadhiisuun baay’ina hidhamtootaa hir’isuuf akka karoorfate himee ture.












