Muuxannoo waggaa zeerootiin hojii argachuun maaliif ulfaataa tahe?

Namoota af-gaaffiif dabaree eeggatan

Madda suuraa, Getty Images

Eebbifamtoota haaraaf hojiin muuxannoo waggaa zeeroo gaafatu karaa ittiin hojii argatan ture. Yeroo ammaa garuu qacartoonni baayyeen muuxannoo barbaadu.

Namni hojii yeroo jalqabaaf iyyatu tokko haala rifachiisaa taheen yoo muuxannoo qabaate malee hojii argachuu dhiisuu mala.

Xiinxallii dhiyoo kana hojjetame akka agarsiisutti gita hojii banaa marsariitii hojjetaa fi hojjechiisaa qunnamsiisu LinkedIn irratti dhuma bara 2017tti maxxanfame miiliyoona 4, keessaa harki 35 gita hojii sadarkaa shaakallii ykn jalqabaarra jiruuf muuxannoo gaafata.

Keesumaa gosoota hojii kanneen akka tajaajila softweerii fi ICT keessatti harki 60 muuxannoo waggaa sadii ykn isaa ol barbaadu. Haala kanaan namooti muuxannoo hin qabne hojii cirumaa argachaa hin jiran jechuu dha.

Nama ogummaa softweerii qabu argachuun cimaa tahus hojichi garuu yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa tahaa dhufeera jedhu Yunivarsiitii Awuubarn Ameerikaatti piroofeesara qorannoo diinagdee kan tahan Alan Siils.

‘’Jireenya hojii kee keessatti waggootiin sadii jalqabaa murteessoo dha. Gahumsi hojjechiisaa kee jalqabaas akkasuma, kanaaf hojii jalqabaa akkamiin argachuu dandeessa?’’

Deebiin inni salphaa hojii argachuuf fedhii fi digrii caalaa waanti barbaachisu jira. Tokko, shaakalli hojii(internship) dabalataan hojjechiistoota waliin hariiroo gaarii qabaachuun iyyatni hojii kee akka hin gatamne gochuu danda’uu dha. Haa tahu malee namni hunduu carraa wal-fakkaataa hin qabu.

Gabaan hojii shaakallii (internship) baay’achuu

Gabaan shaakallii hojii guddachuu irraan kan ka’e ijoolleen yunivarsiitiidhaa otoo hin bahiin dura hojii gara fuulduraaf shaakala hojii garagaraa keessatti hirmaachuun iyyata hojii isaaniitti lubbuu horu jedhu piroofeesar Siils.

Kanaaf,’’yeroo ammaa hojii qacaramuudhaaf shaakalliin hojii akka muuxannootti ilaalama jechuu dha,’’ barattoonni yunivarsiitii kanumaafi shaakallii hojii tokkoo ol kan isaan qabaachuuf hojjetan.

Akka Siils jedhanitti kunimmoo dhaabotni garaagaraa hojjettoota qacarriidhaan hojjechiisuu manna otoo hin kaffaliin shaakalli hojii kennuu filatu. Kanaaf muuxannoo waggaa zeeroodhaan hojii argachuun ni xiqqaata jechuu dha.

Gama biraan iyyattoonni hojii shaakallii hojii tokkoo ol qaban hojii argachuuf itti hin ulfaatu, warreen hin qabne garuu lafatti hafu. Kunsi barattoota shaakallii hojii kaffaltii malee agachuu hin dandeenye irra miidha.

‘’Yeroo kaan immoo shaakallii hojii tokko argachuuf shaakallii hojiin birabaachisaa taha,’’ jedhu Siils.

Shaakallii hojii qabaachuu qofa otoo hin taane kan hojii muxannoo waggaa zeeroo bakka buusaa jiru, teeknolojiin haaraa hojiiwwan bakka buusaa jiraachuun hojjechiistonni baasii miindaaf kaffalan hir’iseera gatii taheef muuxannoo waggaa zeeroon hin qacaran.

Yunivarsiitii dhaa baatee yoo hojii hin arganne hoteela fa’itti qacaramtee hojjettee, isa iyyata hojii keessa galchuun danqaa isa biraa tahuu mala. Kanaaf akkatti sirni teeknolojii hojjetu baruun iyyata yeroo barreessitu waan ‘system’n’ hojii barbaadu tarreessuu qabda jedhu piroofeesarichi.

Kuni hundi walitti ida’ame namooti muuxannoo hojii waggaa zeeroo qaban akka hojii hin arganne isaan taasisa.

Ameerikaa keessatti qorannoon akka agarsiisutti eebbifamtoota haaraa keessaa harki 43 hojii eebbifamaa haaraaf tahu hin argatan. Kanneen keessaa lama sadaffaan isaanii immoo waggoota shanan itti fufaniif hojii hin argatan.

Iskoot Deetmaan Ameerikaatti, hojii tajaajila hojjetaa fi hojjechiisaa quunnamsiisuu irratti hojjetu. Muuxannoo waggaa zeeroodhaan hojii akka waaggaa 30 dura argachuun waan danda’amu miti jedhu garuummoo hojjettoonni gahumsa qaban sababa ulaagaa ‘system’ keessa takkaa kaa’ameen hojii dhabaa jiruu jedhan.

Muuxannoon gaarii qacarrii, waan hojjetaan milkeesse, gahumsaafi kennama qaburratti xiyyeeffachuu qaba jedhu. Muuxannoo kana duraafi dandeettii qofa miti jedhu.

Kanaaf yeroo qacarriin adeemsifamu dhugumaan namni kuni ‘’hojjetaa akkamiiti?’’kan jedhu baruun barbaachisaa dha.