Atileetiin Itoophiyaa tokko rikoordii yemmuu cabsitu, inni tokko injifannoon isaa haqame

Atileet Sanbaree fi Atileet Daraaraa

Madda suuraa, Getty Images and Reuters

Kaleessa [Dilbata] dorgommi fiigichaa gaggeeffame irratti, atteet Sanbaree Tafarii rikordii fiigicha km 5 cabsiteetti.

Rikoordiin fiigicha km5 kanaan dura atleetii lammii Keeniyaa Biitriis Chepkoheechiin daqiiqaa 14 fi sekoondii 44’n xumuruun kan qabame ture yoo ta’u, Sanbareen dorgommii ishee daqiiqa 14 fi sekondii 30’n xumuruun foyyeessite.

Olompikii Tookiyoo irratti sadarkaa 5ffaa argachuun kan xumurte atleet Sanbareen injifannoo ishee kanaan “hedduu gammadeera” jechuun, “olompikii booda rikordii addunyaa cabsuu akkan danda’u naa galeera,” jechuu ishee Reuters gabaaseera.

Dorgommii Jarmanitti gaggeeffame kana irratti atleetiin Keeniyaa, Agnes Tiroobii rikoordii figichaa meetira 10,000 foyyeessiteetti.

Atleet Agnes waggoota 19’f rikoordii lammii Moorokoo Asmaahee Leghizayuun qabame ture, sekondii 28’n foyyeessuun dorgommichaa daqiiqa 30 fi sekoondii 17 keessaxxi xumurteetti.

Kophee hin eeyyamamne

Kaleessa [Dilbata] dorgommii maaraatoonii Viyeenaa injifatee kan ture atleet Daraaraa Hurrisaa, kophee inni kaawwatee ture ol ka’inni isaa hanga heyyamameerra seentimeetira tokkoon kan furdate ta’uun isaa erga argame injifannoon isaa haqameera.

Atileet Daraaraan dorgommii kana sa’aatii 2:09:22 keessatti yoo xumurus, dorgommichi xumuramee daqiiqaa 45 booda seera dorgommii cabseera jedhamuun bu’aan isaa kun haqameera.

Qopheessitoonni dorgommichaa, kophee atileetonni kaawwachuu qaban faanni isaa furdina seentimeetira afur ta’uu qaba jedhu. Kophee atileetichi kaawwatee ture garuu furdina sm5 qabaachuu isaa, qopheessitoota dorgommichaa eeruun Reuters gabaaseera.

Dabalataanis atleetiin kun dorgommiin eegalamuu isaan dura unka guute irratti kophee galmeeseerraan kophee adda ta’e kaawwatee akka dorgommii seenee ibsameera.

“Walga’ii teeknikii irratti dhimma qajeelfama kophee irratti xiyyeeffannoon mari’anneerra. Akka carraa ta’ee bu’aa atleetichaa haquu malee filannoo biraa hin qabnu,” jechuun qindeessaan dorgommichaa Haansi Laanger himaniiru.

“Wanti akkanaa yemmuu uumamu kun kan jalqabaadha. Dorgommii irratti kana booda wanti akkanaa akka hin uumamneef dursamee hojiin qorannoo ni jaraata jedheen abdadha,” jechuun qindeessaan kun ibsaniiru.

Atleet Daraaraatti aansuun sadarkaa lammaffaan dorgommicha kan xumure lammiin Keeniyaa Liyoonaard Laangaat injifataa dorgomichaa ta’eera.

“Bu’aan atleetichaa haqamuu isaa hin dhageenyen ture. Dorgommicha injifachuuf karoorfadheen ture. Dhumaratti injifachuu koon Waaqan galateeffadha, “ jedha atleetiin Keeniyaa Liyoonard.

Dorgommiin kun waggaa waggaan baatii Ebla keessa gaggeefamaa kan ture yoo ta’u, waaqxii kana keessa gaggeeffamuu isaa atleetonni hedduu mormanii turani. Sababiin isaas ho’iinsi cimaa dha.

Maratooniii walakkaa irratti hirmaatee kan ture atleetiin tokkos lubbuun isaa darbuu himameera.

Qopheessitoonni dorgommichaa akka jedhanitti, atleetiin lammii Ostiriyaa ganna 40 kun, dorgommii erga xumuree booda of walaallee erga hospitaala seenee lubbuun isaa darbe.

Qindeessittoonni dorgommichaa du’a atleetichaan gadduu isaanii ibsuu irraa kan hafe wanta du’a isaaf sababa ta’e irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.