'Hidhi haaromsaa 'baatilee itti aanan humna meeggaa waatii 750 maddisiisuu eegala'

Tarbaayinoota Hidha Haaromsaa 13 keessaa lama baatilee itti aanan humna maddisiisuu akka eegalan Ministirii Bishaan Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa BBC'tti himan.

"Humna maddisiisuu kan eegallu tarbaayinoota lamaani. Kuni humna maddisiisuu gulantaa jalqabaati. Tarbaayinooti lamaan humna hanga meeggaa waatii 750 gahu maddisiisu," jedha ministirichi.

Baatilee jalqabaa bara 2014 keessatti humni elektiriikii maddisiifamu kun tajaajilarra ooluu akka eegalus himaniiru Dr injinar Silashiin.

Yuunitoonnii ykn tarbaayinoonni hidhi haaromsaa qabu tokkoo tokkoon isaanii hanga humna elektiriikii meeggaa waatii 375 hanga 400 maddisiisu.

Walumaagalatti hidhichi humna elektiriikii meeggaa waatii 6450 maddisiisuu danda'a.

Humna hidhichi maddisiisuu itti fayyadama biyya keessaarraa hafu gara biyyoota ollaatti gurguruun, waggaatti galii doolaara miliyoona 580 argachuun akka danda'amu tilmaamama.

Naannoo Beenishaangul Gumuz, Aanaa Gubaa keessatti kan ijaaramaa jiru Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa baasii birrii biliyoona 80 ykn doolaara biliyoona 4n ijaaramaa jira.

Hidhichi olka'iinsa meetira 145 kan qabu yoo ta'u dheerinni isaa kiiloomeetira 1.8 ta'a.

Bal'inni hidhichaa gajjallaatti meetira 130 yoo ta'u gubbaatti ammoo meetira 11 bal'ata.

Hammi bishaanii hidhichi qabatu bishaan kiyuubiik meetirii biliyoona 74, lafti bishaan kun irra ciisu ammoo iskuweer kiiloomeetirii 1,680 akka ta'e ragaan waajjira qindeessaa hirmaannaa uummataa ijaarsa hidha haaromsaa ni mul'isa.

Amma dura Itoophiyaan marsaa lamaaf hidhicha bishaan guutteetti, ijaarsi hidhicha wayita ammaa dhibbeentaa 80 ol xumuramuutu himama.

Waggota kurnan darbaniif dhimma hidha haaromsaa irratti falmiirra kan turan Itoophiyaa, Sudaan fi Masriin ammallee waliigalteerra hin geenye.

Torbanoota dura manni maree nageenyaa UN dhimmicharratti kan mari'ate yoo ta'u, biyyootni miseensa mana maricha dhimmicha Gamtaan Afrikaa akka furu yaada dhiyeessan.

Bara xumuramaa jiru 2013 taateewwan ijoo hidha haaromsaan wal qabatan maal turan?

Fulbaana 2013: Bulchiinsi Tiraamp Itoophiyaan waliigaltee Sudaan fi Masrii malee hidhicha bishaan guutuu eegale jechuun deeggarsa Ameerikaan Itoophiyaaf kennitu akka hir'isu hime.

Onkoloolessa 2013: Itoophiyaan nageenya hidha haaromsaa eeguuf balaliinsa xiyyaaraa qilleensa naannicharraa dhorkite.

Tiraamp yaada daran falmisiisaa dubbatan. Hogganoota Sudaan fi Masrii waliin bilbilaan erga mari'atan booda, "Masriin hidhicha dhoosuu dandeessi" jedhan.

Lammileen Itoophiyaa Tiraamp irratti gama marsaa hawaasaan duula bananii turan. Mootummaan Itoophiyaas ambaasaaddara US Finfinnee jiru waamuun ibsa gaafate.

Sadaasa 2013: Mariin biyyoota sadanii adda citee ture itti fufe garuu waliigalteerra hin gahamiin hafe.

Ji'uma kana keessa lolli Tigraay eegaluu hordofee lafa qonnaa daangaa al-fashagaa kan dhuufatte Sudaan, Masrii waliin hariiroo cimsatte. Shaakala waraanaas waliin gootee turte.

Amajjii 2013: Mariin biyyoota sadan jidduutti godhamuuf beellamni qabamee ture sababa Sudaan hafteef hin milkaa'iin hafe. Booda mariin godhame hin milkoofne.

Guraandhala 2013: Itoophiyaan waliigalteen jiraatuu baatus bishaan guutuu marsaa lammataa akka itti fuftu ibiste.

Eebla 2013: Mariin jaarsummaa Koongootiin Kinshaasaatti biyyootni sadan taa'an osoo bu'aa hin buusiin hafe. Kanaafis Masriin Itoophiyaa himatte.

Waxabajjii 2013: Masriin mana maree nageenyaa UN'tti iyyatte.

Ji'uma kana keessa Itoophiyaan bishaan guutuu marsaa lammataa eegalte.

Adoolessa 2013: Masrii fi Sudaan mana maree nageenyaa Un'tti iyyachuu hordofee manni marichaa dhimma hidha haaromsaa irratti yaa'ii taa'e. Ta'us dhimmicha gara Gamtaa Afrikaa deebise.

Baatiidhuma kana keessa Itoophiyaan bishaan guutuun marsaan lammaffaa milkiin goolabamuu ibsite.