Afgaanistaan: 'Hanga Taalibaan na ajjeesutti mormuu ittin fufa'

Madda suuraa, Reuters
“Mirga walqixxee barbaanna, dubartoonni mootummaa keessa akka hojjatan barbaanna,” dhaadannoo jedhu dhageessisaa dubartoonni hedduun Roobii daandii Kaabulitti ba’aniiru.
Guyyaa tokko dura, Taalibaan ministeerota kaabinee yeroofii beekise ture. Isaan keessa dubartiin takkallee hin jirtu, dabalatanis ministeera dhimma dubartootaa haqaniiru.
“Nuti kana fudhachuu hin dandeenye, kanaaf hiriira bane,” jechuun Saaraan (maqaan geeddarameera) BBCtti himteetti.
Torbanoota darban keessatti hiriroota mormii lama irratti hirmaatteetti.
“Karaa nagaan mormii keenya dhageessisaa turre. Sana booda konkolaattonni 4 ykn 5 ta’an tokko tokkon isaanii loltoota Taaliban 10 ta’an qabatanii dhufanii nu hordofuu jalqaban,” jechuun hirmaattuun hiriirichaa Jiyaa (maqaan geeddarameera) himteetti.
Sana booda dubartoonni kun dhaabsifamanii, alangaan akka reebamaniifi ulee elektirikii qabuun akka tumaman himu.
“Si’a lama gatiittikoorra na rukutan.. Qaamakoo guuturratti dhukkubbiin isaa natti dhaga’ame. Ammayyu na dhukkuba harkakoo sochoosuu hin danda’u,” jetti Jiyaan.
“Dabalataanis bayyee nu arrabsan. Wantoota isaan nuun jedhan irra deebi’uunuu anaaf qaanidha.”
“Hunda keenyatu reebame. Anis rukutameera. Bakki keessan mana keessa jechuun manatti deebi’aa nuun jedhan,” jetti Saaraan.
Yeroo isheen wanta Taalibaan gochaa jiran bilbilasheen waraabuuf yaaltu loltuun tokko bilbillishee lafatti irraa darbate.
Taaliban mirga dubartootaa eegsisuu akka barbaadaniifi dubartoonni hojii ykn barnoota argachuu isaanii akka hin mormine himu.
Ta’us garuu, erga Hagayya 15 irratti aangoo qabatanii as dubartoota hojii fayyaa keessa jiran irraa kan hafe, hanga nageenyi tasgabbaa’utti dubartoonni hundi hojii gadhiisanii mana akka turaniif gaafataniiru.
Bara 1990n keessattis yeroo Taaliban aangoorra turan dubartoonni hojii akka gadhiisanis dhimma nageenya akka sababaatti kennanii turan, namootni akka Saaraa hedduun ammas haalli wal fakkaataan uumamaa jira jedhanii shakku.
Wajjira mootummaa keessatti gorsituu taatee hojjachaa, daldala dhunfaa ishees qabdi ture. Amma maatiin ishee lubbuu isheefuu akka sodaatan himti.
“Hiriira mormii irratti hin hirmaatin naan jedhu. Taaliban si ajjeessu. Hiriira Roobii irratti hirmaachuuf obboleessakoo wajjiin wal loleera. Sagalee keenya dhageessisuu qabna. Ammas irra deddeebi’ee nan deema, hanga nu ajjeesanitti. Suuta sutaan du’uurra takkaama du’uu wayya.”
Gazexeessittoonni hiriiricha gabaasaa turan tokko tokkos reebamaniiru. Guyyoota darban keessatti ammo Taliban caalaattu hammaachaa kan dhufan fakkaata.
Dhabbatni miisiyaa Afgaan, guyya guyyaan gaazexaa maxxansu, Etilaatroz jedhamu, gaazeexxesitooti isaa shan akka hidhaman ibseera. Isaan keessa lama siibilaan garmaalee waan reebamaniif, hospitaalatti wal’aanamaa jiru.
Hiriira mormii jalqaba torban kanaattii Heraatitti gaggeefame irratti, namootni sadii ajjeefamaniiru. Yeroo loltoonni Taaliban mormitoota alnagaan reeban viidiyoon agarsiisan hedduun jiru.
Haleellaa mormitootaa fi gazexxeessitoota irra ga’e ilaaluun, dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti wajjirri gargaarsaa Afgaanistaan, “ aanga’onni hokkora malee itti gafatamummaa mirga lammilee Afgaanistaan eeguu qabu,” jedheera.
Taaliban kanaaf deenii kan kennu hiriira mormii dhorkuunidha. Hiriirri kamuu Ministera Nageenyaa irraa eeyyama argatee, qaamoolee nageenyaaf eessaatti fi yoom akka gaggeeffamu, darbees dhaadannoon akkamii akka jiraatu beeksisu qaba jedhu.
Jiyaa fi Saaraaf, mirgi isaani akka eegamuuf gaafachuun caalaattu cimaa ta’eera.














