Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababa Koree Olompiikii biyyi kiyya haadha buddeenaa natti taate'- Solomoon Tufaa
Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif world Teekuwaandoo dhaan Olompiikii irratti kan hirmaate Solomoon Tufaa, 'Sababa Koree Olompiikii biyyi kiyya haadha buddeenaa natti taate' jechuun komate.
Atileetiin kun Olompiikii Tookiyoo irratti world Tekwandoodhan hirmaacahuun marsaa duraa injifatee marsaa itti aanu injifatamuun dippiloomaa argatee seenaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa kana gahuun nama jalqabaati.
Taphaa marsaa sadaffaarratti qubni harkaa isaa cabee osoo dhiiguu kabaja biyyaaf jecha tapha san adda hin kutu jedhee obsee akka xumure yeroo biyyattii deebi'e Solomoon BBC'tti himee ture.
Koreen Olompiikii Itoophiyaa Kibxata darbe Finfinnee Hoteela Sheraatonitti sagantaa badhaasaa fi galateefannaa garee Itoophiyaa Olompiikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaataniif qopheessee ture.
Solomoon Tufaas sagantaa kana irratti argamus biyya kiyya bakka bu’ee seenaa haaraa galmeessus koreen Olompiikii Itoophiyaa maqaa kiyyaa fi seenaan ani hojjedhe waltajjii kanarraatti osoo hin kaasin hafuutti hedduu akka aare BBC’tti himeera.
“Kana dura gosa Ispoortii kanaan olompiikii irratti hirmaannee hin beeknu. As gahuudhaaf ani barumsa kiyya adda kuteen waggaa saddet itti dadhabeeni. Deeggarsi nuuf taasifamaa turelleen laafaadha” Jedha.
“Dorgommii kana aarsaa guddaan itti kaffale. Dorgommii sadaffaa irratti lafeen kiyya cabee osoo dhiiguun dorgomee xumure. Biyyan bakka bu’e waan ta’eef. Koreen olompiikii sagantaa qopheesse sanarratti galata naaf hin kennine. Maqaa kiyya hin dhoofne. Yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa bakka bu’ee dorgomelleen jedhanii hin kaasne” jedha.
Sagantaa koreen Olompiikii Sheraton tti qopheesse kanarratti qaaman argamee kabajni naaf malu waanin dhorkameef saganticha dhiiseen bahe kan jedhu Solomoon, gochi kuni ijoollee naduuba dhufanilleen hamilee dhabsiisa jedha.
“Ijoollee hedduutu naduubaa ana ilaalee dhufaa jira. Ijoolleen kuni har’a olompiikiin gahameera jedhanii hamilee guddaadhaan hojjetu. anas hamilee kiyya nacabsan. Ijoollee naduubaas akkasuma. Ani waan natti dhagahaame ‘Biyyi tiyya haadha buddeenaa natti taate’ jechuudhaan miidiyaa hawaasummaa irratti barreese” jedha Solomoon.
Olompiikii Meelboorni bara 1956 irratti Dorgommii biskileetiitiin yeroo jalqabaatiif Itoophiyaadhaaf kan hirmaate Gabree Danboobaa galateeffatamee kan isaa irra darbamuun waan hedduu isa mufachiise ta’uus eere.
Komii solomoon Tufaa kanarratti kan gaafanne Koreen Olompiikii Itoophiyaa, sagantichi dorgomtoota meedaaliyaa keessa galaniif malee addatti atileetii kana qofa galateefachuu kan dhiisne miti jedhe.
Pirezedaantii Itti aanaan Koree Olompiikii Itoophiyaa Obbo Minilik Habtuu BBC’tti akka himanitti, sagantaa kanarratti atileetota tokkoffaadhaa kanga sadaffaa bahanii malee kanneen afraffaa bahanilleen maqaan hin dhahamne jedhan.
“Atileetii kana qofaatti wanti maqaan osoo hin dhahamin hafeef hin jiru. Kan maqaan dhahame tokkoffaadhaa hanga sadaffaa kan bahan qofa. Waan Solomoon barreesse argee bitaa nagaleera. Tarii kabaja olaanaa eegee ta’uu mala. Karaa Olompiikiitiin ji’oota saddeettan darbanillee yoo ilaalle akka isaatti namni gargaarame jira natti hin fakkaatu” jedhan.
“Maqaan kiyya maaf hin dhahamne kan jedhu hamman ani beekutti kan inni bahe sadarkaa 7ffaadha. Waltajjii sanarrattimmoo kan maqaan dhahame medaalistoota qofa. Dhugaadha seenaa Itoophiyaa keessatti waan haaraa hojjete. Garuu hamma kana waan nama komachiisu hin turre” jedhan Obbo Minilik.
Akka biyyaatti yoo ilaalle atileetonni hunduu walqixa jedhee waaanin amanuuf akka miseensa boordii tokkootti anis Solomoonif addatti badhaasni waan barbaachisuuf jira jedhee hin amanu jechuunis dubbatan.
Gama biraatii Sagantaa galateeffannaa Garee olompiikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaataniif sagantaa galateeffannaa qophaa’e irratti Solomoon Tufaa birri kuma 150 badhaafamuu komishiniin Ispoortii Itoophiyaa ifoomseera.