Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Dafnee baasuu yoo xumurre caalaa gaariidha jedhan Joo Baayidan
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan duraan guyyaa xumuraa Hagayya 31 kan itti lammiileefi hojjattoota Afgaanistaan keessaa itti baasuun dhumu irratti michootaaf waamicha taasisan illeen amma 'adeemsa sirriirra' jiraachu himan.
''Dafnee baasuu yoo xumurree caalaa gaariidha'' jedhan.
Loltoonni Ameerikaa muraasni duraanu kan baafaman ta'u miidiyaalee biyya keessaa gabaasan.
Hanga ammaattis namoonni 70,000 ta'an Kaabuul keessaa xiyyaaraan baafamaniiru.
Milishoon Taalibaan guyyaa kaa'ameen alatti namoota baasuuf guyyaa dabaluuf fedhii akka hinqabne himan.
Pirezidaant Baayidan, ''Taalibaanoonni ummata keenya akka baafnuuf nu gargaaruuf tarkaanfiiwwan fudhataa jiru,'' jechu himuu, ummanni addunya gochaa isaanitiin Taalibaanoota madaalu ni dhanda'a jedhan.
''Waan Taalibaanoon jedhan eenyumti keenyayyuu hinfudhannu'' jedhan itti dabaluun.
Sababii dorsiifni garee hidhatoota islaamaa Afgaanistaan irraa dabalaa jiruuf jecha xiyyaaraan namoota baasuun dhiheenyatti ni dhaabbatas jedhan Baayidan.
Ameerikaan yeroo dheeraaf biyyattii keessa yoo turte, ''balaan garichaan irratti haleellaan raawwatamu'' jiraachu kaasana.
Gama biraatiin ammoo:
- Baankiin Addunyaa maallaqa pirojaktoota Afgaanistaaniif ramade dhaabe. Kanaafis haalli Taalibaan itti aangoo qabate eegeeree misooma biyyattii, keessattuu dubartoota miidhuu danda'an jedheera.
- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiyeessitiiwwan fayyaa toban tokko qofaaf tajaajilu qofti Afgaanistaan keessa jiraachu akeekkachiise. Yaaliin dhiyeessitiiwwan dabalataa geessuu uggura buufata xiyyaara Kaabuul keessaatiin danqamuu kaaseera.
- Marsariitiin AirBnB jedhamu baqattoota kuma 20 ta'aniif kanfaltii malee hanga biyya biraatti darbaniitti bakka qubammaa yeroo akka kennuuf waadaa galeera.
- Raashiyaanis namoota 500 ol kaneen lammiileeshiifi biyyoota biraa Afgaanii baasuuf xiyyaaroota afuriitti fayyadamaa kan jirti.
Baayidan kana kan dubates erga biyyoota G7 kan Kaanaadaa, Jarmanii, Xaaliyaanii, Jaappaan, UK fi US akkasumas EU hammatu waliin karaa onlaayiniin dhimma rakkoo Afgaan irratti marii taasisaniin booda ture.
UK fi biyyoonni michuu kaanis balaliinsawwan gargaarsaa dabalataa hayyamuuf jecha Ameerikaan guyyaa Hagayyaa 31 jedhameen booda akka turtuuf mormanii ture.
Mariicha gaggeessa kan turan MM UK Booriis Joonsan, Biriteen ahanga sa'aatii dhumaatti ummata baasuu itti fufti jedhan.
Akkasumas Taalibaan namoonni guyyaa kaa'ameen boodas akka bahaniif akka hayyamaniif gaafataniiru.
Pirezidaantii Komishinii Awuroppaa Ursula von der Leyen, dureewwan G7 ummata Afagaan grgaaruu fi akkuma haalli hayyameen deegarsa dhiyyeessuufiin itti gaafatamummaa hamlee ta'u irratti walii galaniiru jedhan.
Yeroo ammaa kanattis naheenya lammiilee biyya allaafi Afgaanoota bahuuf jiran eegsiisuf loltoonni Ameerikaa 6,000 fi kan UK 1,000 ol ta'an buufata xiyyaara Kaabuuliitti argamu.