Giriik lakkoofsi godaantota Afgaanistaan daballaan daangaa Tarkii irratti dallaa ijaarte

Giriik dallaa daangaa Tarkii waliin qabdurratti dallaa km40 fi sirna egumsaa diriirsite, tarkaanfii kanas kan fudhatte lakkoofsi godaantotaa Afgaanistaan Tarkii galanii daballaani dha.

‘’Dhibbaan kuni hamma nurra gahutti teenyee eeguu hin dandeenyu,’’ jedhan Ministeerri Eegumsa Lammiilee biyyattii, Michalis Chrisochoidis.

‘’Daangaan keenyi akka eegametti turas,’’jedhan.

Yaada kana kan kennan Tarkiin biyyooti Awurooppaa itti gaafatamummaa akka fudhatan erga gaafatteen booda dha.

Pireezidantiin Tarkii Tayyip Erdogan haasaa bilbilaa Ministira Mummee Kyriakos Mitsotakis waliin taasisaniin, lakkoofsi godaantota Afgaanistaanii bahan akkaan dabaluun ‘hunda keenyaaf rakkoo uuma,’’ jedhan.

‘’Afgaanistaan fi Iraan tarkaanfii yoo fudhatan malee godaansi akka haaraatti jalqabuun waan hin oolle dha,’’ jedhan Erdogan.

Taalibaan saffisa hin eegamneen aangoo qabachuun namoonni lubbuu isaaniif sodaatan karaa argatan maraan biyyaa akka bahan godheera.

Giriik bara 2015 biyyoota Baha Gidduugalaa irraa waraanaa fi hiyyummaa baqachuun yoo godaanan biyya rakkoon wal-xaxaa ishee mudatan keessa ishee jalqabaati.

Lammiin Afgaan waraqaa ragaa seera-qabeessa tahe hin qabne gara biyya isaatti ergama jette Giriik

Bara 2015tti godaantonni Giriik gahan hanga kaaba Awurooppaa imalaniiru, kan 60,000 tahan garuu biyyattii keessatti hafaniitu turan.

Bara darbe, Tarkiin godaantonni gara Awurooppaa akka imalan balbala erga banteen booda Ateens iyyannoo kooluu-galtummaa dhorkitee turte.

Minitirri mummee biyyattii yeroos Giriik eegumsa barbaachisaa daangaa biyyattii irratti kaa’uu himaniiti turan.