Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Fulbaana 11: Wantoota guyyaa sanaafi isaan booda mudatan
Fulbaan 11, 2001 ture imalaan badee balleessuu raawwate tokko xiyyaara imaltootaa US butuun gamoowwan Niiw Yoork lamaaniitti buusuun namoota kumaatama ajjeesse.
Haleellaan sunis Ameerikaa qofaaf osoo hintaane addunyaa maraaf taatee jaarraa kanaa isa sukkanneessaa ta'un yaadatama.
Taateewwan maal turan?
Xiyyaaroonni afur baha US irra balalii'aa turan yeroo walfakkaatuutti gareewwan humnaa butan (hijackers) muraasan to'ataman.
Achinis akka misaa'eloota ittiin xiyyeeffachuun gamoowwan Niiw Yoorkii fi Waashingitan gurguddootti akka bu'an taasifaman.
Xiyyaaroonni lamas gammoowwan lakkuu (the twins Towers) kan Jidduugala Daldala Addunyaa kan Niiw Yooorkiitti buufaman.
Kan jalqabaas Gamoo Kaabaatti gara sa'aatii 08:46 (13:46 GMT) ture. Inni lammaffaan ammoo Gamoo Kibbaa sa'aatii 09:03 irratti rukute.
Gamoowwan kunneenis ibiddi itti qabachuun namoonni darbii gubbaa keessa turan danqamanii, magaalattiinis ukkeedhaan haguugamte.
Yeroo sa'aatii lamaa gadii keessatti, gammoowwan darbii 110 lamaanu jijjiguun gara dhukkeetti geedaraman.
Sa'aatii 09:37 irratti ammoo xiyyaarri sadaffaan gamoo Peentaagon - kan waajira mummeen waraana US irratti argamu Waashingiton DC keessatti barbadeesse.
Xiyyaarri arfaffaan ammoo sa'aatii 10:03 irratti Peensylivaaniyaa keessatti erga imaltoonni didaniin booda dirree irratti kufe. Qaamooleen xiyyaaricha butan silaa Gamoo Kaapitool Hill kan Waashingitan DC keessatti buusuuf ture jedhame.
Namoota meeqatu du'e?
Walii galattis miseensoota garee xiyyaaroota butanii 19 malee, namoonni sababii balaawwan kanneenitiin 2,977 lubbuusaanii dhabaniiru. Namoonni du'an kunneenis irra caalaa Niiw Yoork keessatti akka ta'e himama.
- Imatoonni 246 fi hojjattoonni xiyyaaroota arfanii hundi ajjeefamaniiru.
- Gamoowwan lakkuu irratti ammoo battalumaa fi miidhamuun booda keessa namoota 2,606tu ajjeeffame.
- Peentaagan irratti ammoo namoota 125tu ajjeeffame.
Namoota ajjeefaman keessa kan umuriin xiqqaa Kiristaan Lee haansan, mucaa waggaa lamaa, kan maatiishee Pitariifi Suu waliin xiyyaarota keessaa isa tokko keessa turtedha.
Namni umuriin guddaan ammoo Roobarti Noortan maanguddoo waggaa 82 akkasuma haadha warrasaanii Jaakliin waliin xiyyaaraan gara cidhaa imalaa turaniidha.
Wayita xiyyaarri jalqabaa gamootti diramuutti namoota gara 17,400 ta'utu gamoowwan keessa ture. Gamoo Kaabaa irraa bakka haleellaan irratti raawwatamee keessaa kan lubbuun hafe hinturre.
Garuu ammoo Gamoo Kibbaa irraa darbii haleelameen oliirraa namoonni 18 lubbuun hafan.
Namoota ajjeeffaman keessattis lammiilee biyoota 77tu argama. Magaalaan Niiw Yoorkis hojjattoota yero balaa 441 dhabde.
Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo miidhaan irra qaqabe ykn boodarra haleellichaan walqabate, hojjattoota balaa ibiddaa dabalate dhukkubbiin mudatera.
Haleellicha kan raawwatan eenyu turan?
Garee islaamaa al- Qaa'idaa jedhamanitu Afgaanistaan irraa haleellaa sana karoorse.
Al-Qaa'idaan kan Osaamaa Bin Laadaniin hogganamu, Ameerikaa fi michoota ishee walitti bu'iinsa biyyoota islaamaa keessaatiif balaaleffata.
Nammoonni 19 garee sadii kan miseensa shaniifi tokkoonsaa nama afur (xiyyaara Peensiyalvaaniyaatti kufe keessa turan) qabatu ta'uun gochaa xiyyaara butuu sana raawwatan.
Tokkoon tokkoo garee sanaanis yoo xinnaate nama leenjii xiyyaara balaliisu fudhate qaba. Kunis manneen barnoota xiyyaara balaliisuu leenjisan kan UK mataashee keessatti leenjii'aniidha.
Namoota gochaa xiyyaarota kanneen butuu keessatti hirmaatan keessaa 15 isaanii akkuma Bin Laadan mataasaa lammiilee Saawudii turan. Lamaa ammoo Yunaayitid Araab Imireets irra yoo ta'an, tokko lammii Masrii kan hafe tokko ammoo lammii Liibaanan ture..
US attamiin deebii kennite?
Haleellichi raawwatamee baatii tokko osoo hinguutiin, Pirezidaanti Joorji W Bush waltaato idil-addunyaa biraa waliin ta'uun, al-Qaa'idaa barbadeessuu fi Bin Laadaniin adamsuuf Afgaansitaan weeraran.
Haata'u amlee, Bin Laadaniin biyya ollaa Paakistaan keessa ajjeesan illeen, loltoonni US dhuma kan Afgaan keessaa baafama 2011 keessa ture.
Haleellaa 9/11 raaawwatame qindeessuun kan himatamu Khaalid Sheikh Mohaammad bara 2003tti Paakistaan keessatti to'atame.
Innis erga yeroo sanaatii kaasee mana hidhaa US Gutaanmoo keessatti hidhamee kan jiru yoo ta'u, hanga ammaattis mana murtiitti dhiyaachuuf eegataa jira.
Al-Qaa'idaanis ammalleen jira. Keessattu biyyoota Afriikaa SAhaaraan gadii keessatti cimaa yoo ta'u amma Afagaan keessa miseensoota qaba.
Loltoonni Ameerikaas, osuma gareen Islaamaa kun deebii'ee dhufa jedhamee sodaatamu, waggaa 20 booda bara Afgaan keessaa baafaman.
Yaadannoo (leegaasii) 9/11
Waggoota haleellaa 9/11n booda jiran keessatti addunyaa guutuutti nageenyi balaliinsaa haalaa akka cimu taaasifame.
US keessatti, Bulchiinsi Nageenya Geejibaa hundeeffamuun haalli eegumsa nageenya buufataalee xiyyaaraa fi xiyyaarotaa akka cimu taasifame.
Eddoowwan gamoowwan Lakkuu dhaabbatanii turan hanga lafaatti qulleessuuf baatiiwwan saddeetii ol fudhate.
Bakkeewwan sanatti amma yaadannoofi muziyeemiin akka dhaabbatu ta'eera. Akkasumas gamoowwan dizaayina addaa deebiifamuun ijaaramaniiru.
Gamoon Jiddugala Daldala Addunyaa ykn 'Gamoon Bilisummaa' isan kan duraanii caalaa dheeratu (kan duraan 1,368ft ture amma 1,776ft taasifamuun) ijaarameera.
Deebiisanii ijaaruun Peentaagan akkasuma waggaa tokko fudhachuun hojjattoonni bara Hagayya 2002tti gara waajirasaaniitti akka deebii'an taasifameera.