Dubartiin Tarkii dhiibbaa uumuun beekamtu suuraa Amesterdaam 'Sex Museum' keessatti kaateef himatamte

Madda suuraa, Merve Taskin
Dubartiin Tarkii dhiibbaa uumuun beekamtu suuraa muuziyeemii waa'ee qunnamtii saalaa agarsiisu (Sex Museum) beekamaa Amesterdaamitti kaate ''baacoof'' maxxansiteen biyyasheetti himatamuu beeksifte.
Marvii Taskiin,23, suuraa meeshalee qunnamtii saalaa [sex toys] kabaja guyyaa dhaloota isheef deemtee muuziyeemii beekamaa waan saal-qunnamtii agarsiisu 'Sex Museum' Nezerlaandis bitte, Amajji bara darbee keessa miidiyaa hawwaasaa irratti qoodde.
Ji'a muraasaan booda Tarkii keessatti hidhamuu ishee beeksifte. Biyya Tarkiitti waan saal qunnamtii kakaasu qooduun yakkadha. Amma himata kanaaf jecha mana murtii dhaabachaa jirti.
Akka seera Tarkiitti namni waan fedha saalaa kakaasu qoode maallaqaan yookaan hidhaa hanga waggaa sadii tahuun adabama.
''Kaayyoon koo baacoomaaf ture,'' jette Taskiin. Tarkii keessatti hordoftoota Inistaagiraamii 600,000 qabaachuun beekamti.
Imbaasiin Tarkii Landan jiru dhimma kana irratti deebii hin kennine. Bilbilas hin kaasne.
'Jecha koo kennuun sodaadhe'
Ms Taskin, Istaanbul kan jiraattu yoo tahu, guyyaa dhaloota ishee waggaa 22ffaa kabajachuuf jecha hiriyyoota ishee lama waliin Nezerlaandis deemuu himti.
Bakki isaan deemuuf qabatan keessaa tokko 'Sex Museum' kan adunyaa irraa daawwattoota hedduu harkisuun beekamudha.
Taskiin muuziyeemicha keessaa meeshaalee bitte kan qaama saalaa dhiiraa fakkatu Inistaagiraamii ishee irratti qoodde.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram

Ms taskinif suuraan kun waan balleessaa hin qabne fakkaatus garuu Tarkiitti qondaalotni mootummaa karaa biraan ilaalan.
Akkuma biyyasheetti deebiteen ji'a tokko keessatti yeroo lama hidhamuu himte. Isa lammaffaa irratti jecha ishee laatteetti.
Taskin kanumaan dubbichi ni dhuma jettee amantee ture. Garuu jalqaba bara kanaa mana murtii Istaanbul jirutti akka dhiyaattu ergaan ishee gahuu akka ishee ajaa'ibe himte.
BBC'n suuraa ergaa gabaabaa kaaste Ms Taskiin seera yakkaa Tarkii keewwata 226 cabsuun gaafa Onkoloolessa 26 mana murtiitti dhiyaatti jedhu argeera.
Keewwatni kun yakkoota meeshaalee fedha saalaa kakaasan waliin dhiyeenya qaban hedduu tarreessa.
Taskin mana murtiitti dhiyaattee jecha ishee laachuu sodaachuu himte. Garuu fedhakoon nan godha jette. Dhimma ishee kana tiwiitera irratti torban darbe barreessinaan Nezerlaandi keessattis dubbii ijoo taheera.

Madda suuraa, Getty Images
Daarikterri 'Sex Museum' Mooniikaa Vaan Maarlii, BBCtti akka himteti, haalicha ''waanuma jibbisiisaadha'' jette.
Muuziyeemichi Taskiniif ergaa gabaabaan ''haala keessa jirtuuf gaddineerra'' jechuun barreessuu himte. Akkasumas ''dubartoota kaaniif fakkeenya guddoodha,'' jedheeraan.
Muuziyeemiin keenya adunyaa guutuu irratti waa'ee seenaa saal0qunnamtii saalaa barsiisa. Of ibsachuukee fi suuraa akkasii qooduuukeef si dinqisiifanna,'' jedhee barreesseef.
Dhaabbileen mirga namoomaa pirezidaanti Resip Taayib Erdohaan jalattai karaa onlaayinii mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu cabaa dhufeera jedhan.













