Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Naannoon Amaaraa lola jajjabaatti jiraachuu hime, maagalotni to'atamuu haale
Naannoo Amaaraa iddoowwan Tigraay waliin waldaangessanitti adda waraanaa sadi irratti waraanni jajjabaan gaggeeffamaa jiraachuu mootummaan naannoo Amaaraa beeksiseera.
Bakkeewwan hedduutti waraanni muddaan adeemaa jiraachuu dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa Gizaachaw Mulunah himaniiru.
Humna addaa naannochaarratti dabalataan raayyaan ittisaas waraanna TPLF waliin gaggeeffamu keessatti hirmaachaa jiraachuu Obbo Gizaachaw himaniiru.
Waraanni naannoo Tigraayitti eegalame gara naannolee ollaatti wayita babal'achaa jirutti, humna waraanaa baay'inaan qindeessuun dirree waraanaatti erguun ammallee Itoophiyaa keessatti itti fufee jira.
Humnoota TPLF waliin atakaaroo hamaa keessa kan jiru naannoon Amaaraa, labsii 'namni meeshaa waraana qabu hundi gara adda waraanaatti' jedhu labsuun of ittisuuf yaalii gochaa jira.
Humni dabalataa naannolee biyyattiirraa imalanis raayyaa ittisa biyyaa waliin lola kanarratti hirmaachaa jiru.
Naannoon Amaaraa maal jedhe?
Adda waraanaa Walqaayit, Waagmiraa fi Raayyaa irratti weerara garee TPLF ofirraa qolachuuf waraanni gaggeeffamaa jira jedhan Obbo Gizaachaw.
Humnoonni Tigraay gama Kibba Tigraayiin daangaa qaxxaamuruun magaalaa naannoo Amaaraa Qobboo to'achuufi Waldiyaa qabachuuf dhiyaachaa jiraachuu gabaasaaleen ni agarsiisu.
Gama Kibba-Lixaan ammoo magaalaa Dabaarq qabachuuf yaalii gochaa jiraachuu qondaalonni TPLF ni dubbatu.
Mootummaan naannoo Amaaraa garuu finciltoonni TPLF bakkeewwan akka Waldiyaa, Dabaarqi qabataniiru oduun jedhu olola xiinsammuu hawaasaa to'achuuf oofamuudha jedha.
''Olola sobaan fulaan qabatamus ta'e kan gadi dhiifamu hin jiru. Nuuf waraana kana mo'achuu jechuun finciltoota TPLF buqqisnee gatuu jechuudha malee bakka ta'e qabachuu fi gadi dhiisuu miti. Kanaaf ammoo kutannoon qabsaa'uu gaafata.''
Magaalonni kunneen to'annoo raayyaa ittisaa fi humnoota Amaaraa harka jiraachuu kan himan Obbo Gizaachawu, naannawa magaalaa Qobbootti lolli jabaan gaggeeffamaa jiraachuu himu.
Lola kanaanis raayyaa ittisa biyyaa, humna addaa fi milishaan naannoo Amaaraa akkasumas humnoota naannolee biyyattii adda addaarraa dhufan waliin ta'uun injifannoo argachaa jiraachuu himan.
Ammas humna gara dirree waraanaa bobbaasuuf qopheessaa jiraachuu himan.
''Daandiin keenya tokko qofa. Innis shororkeessaa nu balleessuuf deemu kana dursinee hundeen buqqisnee gatuudha,'' jedhan.
Haata'u malee dubbi himtuun waajjira MM Itoophiyaa Billanee Siyyuum 'labsiin dhukaasa dhaabuu gam-tokkee mootummaan federaalaa labse' ammallee akkuma kabajametti jira jechuun miidiyaaleef himte.
TPLF kan mootummaan federaalaa Itoophiyaa shororkeessaa jedhee moggaase, labsii dhukaasa dhaabuu kana didee naannolee Amaaraa fi Affaar weeraruun lolicha hammeessaa jira jechuun komatte.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa mootummaan federaalaa humna dabalataa waraanaaf qixeessuun, waraana hammeessaa jira, dhoksaan ammoo marii gochuuf haala mijeeffachaa jira jechuun komatan.
Dhukaasni dhaabbatee mariin karaa nagaa hunda hirmaachise akka eegalamuuf hawaasa idiladdunyaarraa waamichi dhiyaatus, inumaa torbeewwan muraasaa as waraanichi kan duraa caalaa hammaate.
Gama kaaniin ammoo Karaa lixa biyyaa daangaarratti kan argamtu naannoon Beenishaangul Gumuz hidhattoonni dhibba tokko caalan humnoota nageenyaa mootummaatiin ajjeefamuu ibsite.
Hoogganaan Poolisii naannochaa Abdulaazim Mohammad hidhattoonni ajjeefaman hedduun miseensota Adda Dimokiraatawaa Uummata Tigraay ta'uu himan.
Qondaaltonni mootummaa haleellaawwan sabummaa bu'uureffachuun naannocha keessatti raawwatuuf garee kana himatu.
Haleellaa haala kanaan raawwatuun waggaa darbe keessa naannocha keessatti namoonni dhibba hedduutti lakkaa'aman ajjeefamaniiru.
Oduun ajjeechaa Beenishaangul Gumuz kun kan dhagahame erga karaa baha biyyaa naannolee Affaariifi Somaalee gidduutti namoonni hedduun ajjeefamuun gabaafamee guyyaa muraasa booda.