Ameerikaatti namoonni 200 ol tahan dhukkuba gifira fakkaatuun qabamuun hordoffiin cime

Nama dhibee monkey pox qabame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama dhibee monkey pox qabame

Namoonni 200 ol tahan bulchiinsota Ameerikaa 27 keessatti vaayirasii ‘monkeypox’ jedhamuun qaabamuu isaanii mirkaneessuuf hordofamaa jiru jedhan qondaalotni fayyaa.

Namicha Teeksaas, dhukkuba kana Naayijeeriyaa dhaa jalqaba baatii kanaatti fidee dhufetu namoota kanatti dabarsuu hin oolle jedhaniitu sodaatan.

Namni kuni Ameerikaatti vaayirasii 'monkeypox' dhaan qabamuun bara 2003 as isa jalqabaati-hospitaala kan geeffame yoo tahu haala gaarii irra jiras jedhameera.

Hamma yoonaa namni haaraa qabame hin argamne.

Wiirtuun To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa Ameerikaa (CDC) imaltoonni xiyyaara irra nama kanaa waliin turan saaxilamuu maluu jechuun yaaddoo qabu ibsa.

Naayijeeriyaa Legoos irraa, Atlaantaa Joorjiyaatti gaafa Adoolessa, 9 ture kana imale. Kunis Daalaas lafa yaalamaa jirutti otoo hin imaliin dura jechuu dha.

Dhaabbatichi buufata xiyyaaraa waliin tahuun imaltoota nama kanaa waliin tuttuqqaa qabaataniin ‘saaxilamuu’ danda’an ni qorannaa jedheera.

Haa tahu malee imaltoonni hundi maaskii keewwatanii waan turaniif carraan namatti darbuu xiqqaa dha jedhameera.

Dubbii himaan CDC , ‘’ mootummaa fi dhaabota fayyaa waliin tahuun namoota saaxilamaniiru jennee yaadnu ni hordofna,’’ jedhan.

‘’Hawaasa irratti balaa inni qabaatus xiqqoo dha,’’ jedhan. Namoonni saaxilamoo dha jedhamuun hordofamaa jiran rakkoo ‘hamaaf’ kan saaxilaman miti jechuunis himu.

Monkeypox dhukkuba vaayirasiin dhufu yoo tahu sanyii dhukkuba kanneen akka gifiraa (smallpox) keessaa tokko. Dhukkuba hamaa jedhamus miti.

Mallattoowwan dhukkuba kanaa:

· Jalqaba ho’i qaamaa dabaluu, mataa bowwaafachiisuu, qaamni dhiita’uu, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii maashaa fi qaamni laafuu fa’i.

· Yeroo ho’i qaamarraa caamu, nama hooqsisuu jalqaba, kunis fuularraa jalqabee gara kutaalee qaamaa biraatti darba, yeroo baayyee barruu harkaa fi miila jala nama hooksisa.

· Akka malee erga hooksiseen booda waan akka kormammuu uumuun boodarra harca’uu jalqaba. Qaamarratti godaannisa dhiisee darbuus danda’a.

Yeroo bayyee dhukkubichi salphaa yoo tahu torbee sadii keessatti ofii isaan baduu jalqaba.

Akka CDC’n jedhutti dhukkubichi darbee darbee hammaataa tahuu mala, kanaanis namoota qabaman 100 keessa tokko qofatu du’uu danda’a.

Dhukkubichi bara 2003tti Ameerikaatti namoota 47 qabtee ture, hantuutatu biyya biraa irraa biyyattiitti galchee jedhameera.