Kooriyaan Kaabaa dargaggoonni loqoda Kooriyaa Kibbaa akka hinfayyadamne akeekkachiifte

Kooriyaan Kaabaa dargaggoonni loqoda Kooriyaa Kibbaa akka hinfayyadamne akeekkachiifte. Akkasumas faashinii rifeensaa fi muuziqaa Kooriyaa Kibbaa fakkaatu hin hordofneef akeekkachifte.

Akkasumas faashiniiwwan rifeensaa fi muuziqaa Kooriyaa Kibbaa akka hinfudhatamneef akeekkachiifni mootummaa Kooriyaa Kaabaa baasee gaazexoonni maxxansaniiru.

Kunis qaama seera haaraa dhiibbaa biyya alaa kamu irratti addabbii cimaa fudhachu gaafatuuti.

Kanneen seericha cabsanii argaman hidhaan itti murtaa'e ykn ajjeefamuuyyuu ni danda'u.

Barruun biyyattii 'Rodong Sinmun' balaa aadaa pooppii Kooriyaa Kibbaa hordofuun qabaaturratti akeekkachiseera.

''Babbal'achuun ilaalchaa (ideology) fi aadaa warra sooreessaa haala haalluu hawwataatiin kunis diinoota qawwee qabatan caalaa balaafamaadha,'' jedha barreeffamichi.

Loqodni Pyoongyaang hunda caalaadha jechuun, dargaggoonni sirriin fayyadamuu qabu jette.

Kooriyaan Kaabaa dhiyeenya kana loqoda Kooriyaa Kibbaa balleessuu barbaaddi. Fakkeenyaaf dubartiin abbaa warraa shee ''oppa'' jechuun ''obboleessa angafaa'' jettee waamti. Kun ammoo yeroo baayyee jecha hiriyaa dhiiraatiif fayyadamamudha.

Dhiibbaan biyyoota alaa bulchiinsa Koministii Kooriyaa Kaabaafi hogganaa Olaanaa biyyattii Kim Jong- uniin akka diinaatti ilaalama.

Uun dhiyeenya kana garee weellistootaa beekamoo Kooriyaa Kibbaa, K-pooppii jedhaman 'kaansarii hammeenyaan guutamuun'' ittiin jedheera. Gareen weellistootaa kun dargaggoota Kooriyaa Kaabaa burjaajjeessa jechuu isaanii gaazexaan New York Times gabaaseera.

Kooriyaa Kaabaatti namni bu'aa miidiyaalee Kooriyaa Kibbaa, kan Ameeriikaa ykn Jaappaan hedduu waliin argamnaan murtee du'aatu eeggata. Harkaaf harkattii osoo daawwatanii qabamnaan ammoo waggoota 15'f hidhaa bu'u.

Haata'u malee, balaan akkasii jiraatullee dhiibbaan biyya alaa Kooroyaa Kaabaa keessatti cimee itti fufeera.

Namoonni Kooriyaa Kaabaa keessaa baqatan tokko tokkoo akka himaniitti, sababii diraamaa Kooriyaa Kibbaa dowwataniif biyyaa bahuuf murteessan.

Yaang Moo-jin, Yunvaristii qorannoowwan Kooriyaa Kibbaatti piroofeesara kan ta'an gaazexaa Heraald Kooriyaatti akka himaniitti, Kim kan Siwizarlaandiitti barate, ''aadaan warra Liixaa yookin K-poop haala salphaan dhaloota dargaggootaa keessatti babal'achuun sirna soshaalistii isaarratti dhiibbaa akka qabaatu sirriitti beeka,'' jedhan.

Aadaa kunneenis sirnicharratti dhiibbaa akka taasisan waan beekuuf, ''dhiibbaa gara fuulduraa gahu malan ittiisuuf jecha tarkaanfiiwwan kanneen kan fudhataa jiru'' jedhu.