Maanguddoon ganna 90 gosa Covid-19 lamaan al takkaatti qabamuun du'an

Yeroo tokkotti gosa Covid-19 lamaan qabamuun akka danda’amu ogeessotni akeekkachisan. Kunis erga dubartiin ganna 90 gosa covid Alfaa fi Beetaa jedhaman UK fi Afrikaa Kibbaa keessatti argamaniin qabamuun lubbuun isaanii darbe arguu isaanii booda.

Maanguddoon Bitootessa 2021’tti Beeljiyeem keessatti lubbuun isaanii darbe kun talaallii hin fudhanne ture.

Ogeessotni fayyaa vaayirasii kunneen nama adda addaa lama irraa itti darbe jedhanii shakku.

Haala kanaan yeroo vaayirasichi nama qabatu kun jalqaba ragaan beekamu ta’us, bakka muraasatti gosa vaayirasichaa lamaan qabamuun mul’achaa jiru.

Dhimmi fayyaa dubartii kanaa Kongirasii Maaykiroobaayolojii fi Dhibeewwan daddarbanii Awurooppaa bara kanaa irratti mari’atama.

Amajjii 2021 irratti, saayintistoonni Biraazil namootni lama al takkaatti gosa koronaavaayirasii lamaan qabamuu gabaasanii turani, gosti inni tokko kan 'Gamma' jedhamu ta’uu isaa yaaddoo uumeera.

Qorattoonni Poorchugaal ammoo dargaggoon ganna 17 utuu gosa Covid-19 tokkoon qabamee wal’aanamuu gosa kan biraa lammaffaan qabamuu isaa himaniiru.

Dubartiin ganna 90 gosa “vaayirasichaa yaddeessoo” ta’an lamaan qabamte -gosa vaayirasichaa haraa yaaddessaa ogeessootni hordofaa jiran -mallaattoo muraasni erga irratti mul’atee booda wal’aansaaf hospitaala seentee, boodarra garuu rakkoo hargansuu hamaan irratti mul’ateera.

Samuudni yeroo isheen hospitaala seentetti fudhatame, akka isheen Covid-19 gosa vaayirasichaa lamaan Alfaa fi Beetaa jedhamuun al takkatti akka qabamte adda baaseera.

Hospitaala Aalst, Beljiyeemitti qorattuu hoggantuu kan taate Dr Aan Vankeerbergen, “yeroo kanatti gosti vaayirasichaa lamaan kun Beeljiyeem keessa tatamsa’aa jiru, kanaaf vaayirasiin lamaan kun dubartiin kana kan qabate nama adda addaa lamarraa ta’uu mala,” jetti.

Ta’us garuu akkamiin akka isheen vaayirasichaan qabamte hin beeknu jetti.

“Dubartii qofaa jiraattu turte, ta’us gargaartoota yeroo yerootti ishee gargaaruuf bira deeman qabdi turte.”

“Du’a dubartii kanaa kan arifachiise gosa vaayirasichaa lamaan qabamuu isheedha jechuun ni cima.”

“Vaayirasootni yeroo hedduu akka baayyachaa deemaniin of gegeeddaraa deemu. Kun ammoo gosa haaraa uuma.

Covid-19 jijjiirama ijoo isa gargaaruu danda’an taasiseera – fakkeenyaaf haala itti baayyatu dabaluun ykn dandeetti dhibee of irraa ittisuu qaamaa keenyaa ykn talaallii tokko tokko jalaa akka itti miliqu geeddarateera.

Gosootni yaaddoo uumaa jiran kan gosa yaaddoo jedhamuun beekaman, saayintistootaan dhiyeenyatti qoratamaa jiru.

Fakkeenyaaf UK keessatti gosti vaayirasichaa baayyee tatamsa’aa jiru isa Deltaa jedhamudha.

Ogeeyyiin talaalliiwwan amma jiran vaayirasicha ittisuu danda’u jedhanii amanu.

Saayintistoonni talaallii haaraa gosotaa vayirasichaa haaraa ittisuu danda’an uumaa jiru.

Yunivarsitii Warwiikitti ogeessi qorannoo vaayirasii Piroofeesar Loowreensi Yaang, “Gosa vaayirasichaa yaaddessoo lama nama tokko keessatti argachuun waan nama ajaa’ibu miti- kun nama vaayirasii kunneen qabu tokkorraa ykn nama adda addaa irraa kan itti darbee ta’uu danda’a,” jedha.

Vaayirasichi akkanaan nama qabuun isaan bu’aa talaalichaa balleessa yoo ta’e ykn haala tatamsa’ina Covid-19 hammeessa isa jedhu irratti qorannoon dabalataa taasifamuu qaba jedha.