Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seerri kubbaa miilaa Awurooppaa galchii dirreen ala lakkoofsisuu jedhu jijjiirame
Dorgommii kubbaa miilaa kilanoota Awurooppaa keessatti hojiirra oolaa kan ture seerri gareen dirree ofiisaatiin alatti goolii lakkoofsise jedhu bara dorgommii itti aanurraa kaasee akka hafu bulchaan kubbaa miilaa Ardichaa, Uefa'n ibseera.
Akka seera bara 1965 irraa kaasee hojiirra oolaa turetti, gareen lama dhaqaa galaan goolii walqixa yoo lakkoofsisan gareen dirree ofiitiin ala goolii caalaa lakkoofsise akka gara marsaa itti aanutti darbu taasifamaa tureera.
Seerri durii kun hafee akka isa haaraatti ammoo yoo gareen lamaan tapha dhaqaa galaan walqixa ta'an akka saatii dabalataa taphatan ykn akka rukkutaan kennameefii adda bahan taasifama jedhameera.
Akka pirezedaantiin Uefa Aleksaandir Seferiin jedhanitti, "Seerri dirreesaatiin ala goolii galche jedhu ammaan booda akka dhiibbaa inni qabaatu sirrii miti," jedhan.
Koreen dorgommiiwwan kilaboota Uefa yaada kana ji'a Caamsaa keessa kan dhiyeesse yommuu ta'u, amma koree hoji-raawwachiiftuuttin ragga'eera.
Seerri duraan ture kun taphoota Shaampiyoons Liigii, Yurooppaa Liigii, Yurooppaa Konfereens Liigiifi Shaampiyoons Liigii dubartootaarratti hojiirra hin oolu jechuudha.
Uefa'n akka jedhetti seerri haaraan murtaa'e kun dorgommiiwwan Awurooppaa irratti garaa garummaa dirraa ofiirrattiifi dirreen alatti mo'achuufi goolii lakkoofsisuun qabu ni dhiphisa jedheera.
Kanaaf ammoo qulqullinni dirree kubbaa, bu'uuraaleen misoomaa istaadiyeemiifi tekinooloojiiwwan akka murteessummaa viidiyoodhaan gargaaramuu (VAR) dabalatee dhimmoonni biroon akka sababaatti ka'e jedheera.
Ayaaks Tootinhaam waliin bara 2019, Maanchester Siitiin Tootinhaam waliin 2019 Paariis Seentizherman Maanchester Yunaayitid waliin bara 2019, akkasumas Roomaan Baarselonaa waliin bara 2018 keessa seera garee dirree ofiitiin alatti goolii lakkoofsise jedhuun taphawwan dhiyeenya qabxiin isaanii ittiin murtaa'e akka fakkeenyaatti ka'anidha.