Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imimmaan maatiifi dhiibbaa PSG - filannoon Liyoonel Meesii ittaanu maali?
Liyoonel Meesii Baarselonaa gadhiisuun kilaba biraaf taphachuu akka barbaadu wayita himetti, namuu oduu kana imimmaaniin simatan.
Haatahu malee, Mesiin kilabicha gara mana murtiitti geessuuf yaada qabu gara boodaarra jijjiire. Waliigalteen mallatteesse bilisaan akka gadhiisuu danda'u na dandeessisa jedhuus, kilabichi garuu lakkii jedhe.
Mesiin yeroo garagaraatti kilabicha gadhiisee deemuuf yaadus, akka yeroo ammaatti garuu gadhiisuuf itti dhiyaatee hin beeku.
Liyoonel Meesii kilaba Baarseloonaatti kan makame umuriisaa ganna 12tti oggaa tahu, wayita sana abbaasaa Ispeen jiru wajjin jiraachuuf filatee achitti hafe.
Harmeen isaa garuu Arjentinaa turte, garasitti deebiyuu hin feene, kanaanis maatiin gargara bahe - murtoo jireenya geeddaru ture.
Murtoon amma murteessuuf adeemus hagas mara dhiibaa olaanaa qabaachuu baatus, murtoo salphaa miti.
Hegereen taphataa kanaa dubbii ijoo tahuutti kan deebiye ammoo, torbee kana Baarselonaan tapha Chaampiyoons Liigiif PSG keessummeessuu isaa hordofeetu. PSGn fedhii Meesii fudhachuuf qaban irra deddeebiin kan ibsachaa turan oggaa tahu, ammallee ittuma jiru.
Dhiibbaa PSG'n Meesii irra godhaa jiran
Taphni PSG waliin qaban dhiyaachaa hanguma dhufeen, Baarselonaatti ergaan gama Firaansiin waa'ee hegeree Meesii gahaanii jira.
Barruleen France Football jedhamu, suuraa Meesii gulaalameefi tisheertii PSG uffatee jiru maxxanseera.
Baarsaan kilaba Faransaay kana kabajaa amalu kennuu dhabuun himataniiru. PSGn garuu, Meesiin kontiraannisaa kan xumurame waan taheef, akkuma barbaadanitti gaafachuuf mirga akka qaban himu.
Meesiin yaadasaa ifatti miidiyaatti akka dabarfateetti, namoonni hedduun hiriyootasaa dabalatee, akka murteessuuf dhiibbaa irratti taasisuu isaaniif gaddeera.
Dhimmi Meesii kun murtee kilaboonni biroo dabarsan irrattillee dhiibbaa geessisaa jira.
Kevin de Bruyne waliigaltee Maan Siitii waliif mallatteessuuf jiru qabatee turseera. Sababni kanaaf jedhame ammoo wanta miidiyaa Beeljiyem inni amanu irratti bahedha.
Waanti gabaafame, De Bruyinaan kontiraata haaraayaa kanaan hangi maallaqaa Siitiin dhiyeesseefitti hin gammadne. Sababiin isaa tarii Siitiin maallaqicha kan qusatan Meesiin yoo dhufe jedhaniitu taha.
Meesiif waanti ittaanu maaliree?
Wanti Meesiin haga ammaatti murteesse yoo jiraate, haga barri taphaa kun obba'utti murtee ittaanu kamuu akka murteessuu hin barbaadnedha.
Ka jalqabaa, pireezidantii Baarseloonaa haarayaana eenyu akka tahu baruudha. Kaanafis kanneen maqaan isaanii kahu keessaa pireezidantiin duraanii Joan Laporta isaan tokko.
Akka oduun waahillan isaa biraa dhuftutti akka jettu, yoo namni kun filannicha mo'atan taate, Meesiin kilabicha keessa ni tura.
Meesiin gaaf tokko gara Ameerikaa godaanuun MLS keessa taphachuu fedha.
Yaadni kunis haadha warraasaa Antonella fi Daniella Semaan'in guddoo jajjabeeffamudha. Daniella'n haadha warraa hiriyaa dhiyoo Meesii kan tahe Cesc Fabregas'ti.
Faabrigaas fi haati warraa Daani'elaan, imalasaanii ittaanutti akka wajjin tahan Meesii amansiisuuf guddoo yaalaniiru. Kunis liigii biyya Ameerikaa = 'Major League Soccer' jedhamudha.
Kubbaa miilaa keessatti yeroo yeroon haalonni ni jijiiramu.
Baarseloonaan erga 2019 as Riyaal Maadrid, Atileetikoo Maadirid fi Sevilla injifatanii hin beekan. Meesiin yogguu Baarselonaan tapha kilaboota kanniin wajjin qabanirratti yoo injifataman maaltu itti dhagahama laata?
Liyoonel Meesiin kaadhimamtoota pireezidaantummaa kilabichaa kan tahan namoota sadaniittuu haga ammaatti hin haasofne. Haasawuufis fedhii hinqabu.
Pireezidaantii haaraa tahee nama muudamuttis waa'eesaa maal gochuu akka qabu itti hin himu. Jalqaba namtichi waanta isaaf dhiyeessu dhaggeeffata. Karroorrisaas maal akka tahe bara. Achi boodas otoo hin eegamin gaaf tokko otoo hin eegamiin, murtoo umurii gaheessummaa isaatti isa guddaa tahe murteessa.
Hagasittuu PSG fi Maanchistar Siitiin obsumaan eeggatu.