Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarisitti taphattoota PSG fi namoota maqaa guddaa qaban irratti saamicha kan raawwatan himataman
Dhiiroonni torbaa fi dubartiin tokko yakka hannaa namoota beekamoo irratti Paaris keessatti raawwataniif qoratamaa jiru.
Shakkamtootni umuriin isaanii waggaa 27 hanga 31 gidduu jiran, bara 2018 fi 2019 gidduu namoota beekamoo taphataa PSG yeroo sanaa fi Chelsii ammaa Tiyaagoo Silvaa dabalatee kaan saamuun qoratamaa jiru.
Tilmaamaan qabeenya doolaara miliyoona shan baasu, faayaa fi meeshaalee gati jabeeyyii kaan mana jireenyaa namoota beekamoo Paaris keessaa jalaa hatameera.
Qabeenyi hatame booda guutummaan galmee namoota xiyyeeffannoo hannaa jala galaniifi teessoo isaanii waliin to'annoo jala oole.
Saamtotni akkamiin taphattoota PSG irratti xiyyeeffatan
Taphataa Erik Maksiim Chuupoo Mootingi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii PSG'n Liiverpuul waliin ji'a Sadaasaa bara 2018 keessa taasise irratti taphataa ture.
Yeroo sana ture manni isaa saamamuun qabeenya doolaara 720,000 tahu kan dhabe.
Ji'a tokko osoo hin guutiin dursaan taphattootaa PSG yeroo sanaa Tiyaagoo Silvaan tapha irraa akkuma deebi'een faaya fi sa'aatii gati jabeessa tahe manaa kan dhabe.
Qabeenyi kun doolaara miliyoona 1.4tti tilmaamama. Kaameeraan manaa CCTV irraa akka argametti namootni lama ujummoo rooba mana irra dabarsu irraan yaabbachuun mana isaa karaa foddaa yoo seenan mul'ise. Erga seenaniis qabeenya jalaa bade kana borsaatti naquun fudhatanii yero bahan argameera.
Namootni beekamoon biroo hataman, raapperii beekamaa Firaansi Boobaa, TV irratti sagantaa dursuun kan beekamu Paatirik Seebaastiyaan, ogummaa nyaata qopheessuun kan beekamu Jiin Piire Vigaatoo fi sooressa lammii Saawudii tokkodha.
Poolisiin akka jedhetti shakkamtootni mana miidhamtootaa karaa foddaa seenuun qabeenya isaanii hatan. Adoolessa 2019 keessa qorannoo bilbila isaanii fayyadamuun shakkamtootni torba to'annoo jala ooluu polisiin hime.
Akka gabaasa AFPtti, garee to'annoo jala oolan keessaa muraasni booda irra himata irratti dhiyaate amananiiru, yookaan yeroo hannaatti duubaan nama eegaafii turre jedhan.
Garee saamtotaa taphattoota bebbekamoo irratti xiyyeeffatan keessaa lama ammoo maqaa masoo The Cat fi Bidou jedhamu akka qaban himame.
Shakkamaa saddeettaffaan mana jireenyaa Kaaba Paaris naannoo Ooberviilers jedhamutti isaaniis kireesse meeshaan hatame keessaa argame ammoo himata irratti dhiyaate haale.
Qabeenya hatame hin fudhanne, miseensa garee saamtotaa kanas miti jedhe, akka gabaasa AFPtti.
Dhiyeenya kanas saamichi guddaan magaalaa Paaris keessatti raawwateera. Taphattootni sadii PSG kanneen saamaman keessatti argamu.
Taphataa cimaan kilabichaa Angel Di Maariyaan jalqaba bara kanaatti osoo tapha kilaba isaa irra jiruu maatii isaa irratti saamichi gaggeeffameera.
Bara 2016, lammiin Ameerikaa haalaan beekamtii qabdu Kiim Kaardaashiyaan naannoo mana jireenya ishee Paaris jirutti saamamtee ture.
Hoteelotni magaalicha keessaas gochaa saamicha akkasiif saaxilamaa turan.
Bara 2019, gareen saamtotaa qawwee hidhatan faaya fi uffata doolaara 390,000 baasu, hoteela Peninsulaa jedhamu bakka beekamaa Arc de Triomphe irraa darba dhagaa tokko qofaa fagaatutti saamaniiru.
Faaya Yuuroo miliyoona 4.5 baasu waggaa dura suuqii Riiz jedhamu keessaa hatamee, boodarra argameera.
Bara 2013 ammoo gareen saamtotaa qawwee qabatanii faaya Yuuroo miliyoona 40 baase hoteela Cannes keessatti agarsiisa irra osoo jiruu hataniiru.