Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Guyyaan har'aa lammilee Itoophiyaa hundaaf guyyaa guddaadha' - MM Abiy Ahimad
Adeemsi Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 6ffaan Itoophiyaan guyyaa Wiixataa gaggeessaa oolte ''nagaan goolabamuusaatiin baga gammanne'' jedhan MM biyyattii Abiy Ahimad.
Filmaata kanaan lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol ta'an sagalee kennuuf kan galmaa'an wayita tahu, Wiixata sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol ta'u bulchu filataniiru.
Filannichi Wiixata ganama barii sa'aatii 12rraa eegalee, bakka tokko tokkotti ammoo haga galgalaatti akkasumas guyyaa har'aallee kanneen sagalee kennan jiraachuu Boordiin Filannoo himeera.
Xumuramuu guyyaa filannoo ilaalchisuun MM Abiy Ahimad ibsa Wiixata galgala baasaniin, ''Guyyaan hardhaa lammilee Itoophiyaa hundaaf guyyaa guddaadha. Barootaaf filmaata demookraatawaa gaggeessuuf hawwaa turre. Amma yeroonsaa gahee raawwanneerra,'' jedhan.
Naannoo Tigiraay irraa kan hafe naannoolleefi bulchiinsota magaalaa keessatti walumaagalatti namoonni 38,234,910 sagalee kennnuuf galmaa'aniiru jechuun Boordiin Filannoo ragaan baase ni mul'isa.
Naannoon Oromiyaa lakkoofsa namoota sagalee kennuuf galmaa'an isa guddaa qabateera.
Filannoon kun kaaba Itoophiyaa waraanni naannoo Tigraayitti wayita gaggeeffamaa jirutti, akkasumas rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii garaa garaatti mul'atuutti gaggeeffama.
MM Abiy maal jedhan?
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa 6ffaan Mana Maree bakka bu'oota uummataaf bakka dhalootaa isaanii Bashaashaatti kan dorgoman MM Abiy Ahimad, fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti filannichi goolabamuu ilaalchisuun ergaa maxxansan.
''Adeemsi sagalee kennuu nagaan goolabamuusaatiin baga gammanne,'' jedhan.
Gahumsa qaama filannicha raawwachiisees jajuun dubbatan: ''Boordiin filannoo qaama kamiraayyuu hin taane hundaa'ee, yeroo gabaabaa keessatti filmaata amanamaafi haqaqabeessa tahe gaggeessineerra.''
Ibsa baasan kanarrattis lammilee Itoophiyaaf ergaa dabarsaniin ''halkanuma tokko keessatti biyyi demokraatawaa tahee hin bulu,'' jechuun sirni demokraasii adeemsa akka tahe himan.
Paartileen mormitootaas milkaa'ina filannoo kanaatiif gumaacha guddaa godhaniiru jedhan MM Abiy.
''Paartileen morkattootaa... dhiibaa hunda dandamattaniittu. Waan dabe sirreessaafi obsaan shoora olaanaa bahattaniittu,'' jechuun galateeffatan.
Gaggeessitootaafi hojjettoota Boordii Filannoo Biyyooleessaa, miidiyaalee, taajjabdoota filannoo, waldaalee siiviikii, akkasumas qaamolee nageenyaaf galata qaban dabarsaniiru.
Dhumarrattis ''guyyoota ittaananitti sagaleen lakkaa'amee hanga bu'aan filannoo baramutti, rakkoon tokkollee akka hin mudanneef... paartilee siyaasaa hundaaf dhaamsa koon dabarsa,'' jedhan.
Sababoota garagaraan iddoowwan filannoon itti hin adeemsifamnes, sagantaa boordiin filannoo baaseen akka raawwatamu tumsi qaamolee hundaa barbaachisa jedhan.