Siwiidiin seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf MM aangoorraa buqqifte

Madda suuraa, Rooyitars
Paarlaamaan Siwidiin Ministira Muummee biyyattii Istifan Lofviin amantaa irraa dhabuun aangoorraa buqqisuuf sagalee kenne.
Seenaa Siwidiin keessatti yeroo jalqabaatiif Ministirri Muummee himata amantaa irraa dhabuu jedhuun aangoorraa buqqa'an.
Miseensota paarlamaa 349 keessaa 181 wixinee paarlaamaaf dhiyaate kana wayita deeggaran, miseensonni 51 immoo sagalee kennuurraa of qusatan.
Hogganaan Paartii Soshaal Dimookiraat Istifan Lofviin aangoorraa bu’uuf turtii torban tokkoo qabu.
Yoo hin bu’an ta’emmoo paarlaamaa biyyattii diiguun filannoo idileen alaa akka gaggeefamu waamicha gochuu qabu.
Murtoon hanga kiraa seeraan daangessuun wal qabaturratti walta’iinsa hundeessan Paartii Giriin jedhamu wajjin waldhabuun walta’iinsa hundeeffatan keessaa bahuun deeggarsa dhorkatan.
Yoo Ministirri Muummee aangoorraa bu’uuf murteessan, Afyaa’iin Paarlaamaa paartilee lama ykn lamaa ol hirmaachisuun mootummaa haaraa hundeessuuf marii eegaluu qaba.
Paaartiin Soshaalistii Siwidiin’ Sweden's Left party’ waldhabbii hamma kiraa gamoowwan haaraa ijaaramanii murteessurratti uumame hordofuun mootummaa biyyattii deeggarsa qabaachuufi dhiisuu adda baasuuf akka filannoo murtaa’u torban darbe waamicha dhiyeesse.
Paartiin Lofviin tarkaanficha deeggaruu dhabus, fedhii paartilee mormitootaa guutuuf jecha karoora baase sakattaa’uuf walii galees ture.
Filannichi akka gaggeeffamu paartiin ‘nationalist Sweden Democrats’jedhamuun kan dhiyeesse yoo ta’u, paartileen mormotoota biroo lamas deeggaraniiru.
Hanga filannoo waliigalaa biyyattii Fulbaana bara dhufu filatamutti mootummaan haaraan hundeeffamu kamiyyuu aangoorra tura.













