Lakkoofsi daa'imman dhalatani 'akka ajaa'ibaatti' xiqqaachaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsi daa'imman haaraa dhalatanii addunyaarratti saffisaan xiqqaachaa jira, kunis hawaasa irratti dhiibbaa 'ajaa'ibaa' qaba jedhan qorattoonni.
Lakkoofsi kun gadi bu’aa deeme jechuun biyyootni hundinuu xumura jaarraa kanaatti lakkoofsa uummataa xiqqaa qabaatu jechuudha jedhan.
Biyyoota 23 Ispeenii fi Jappaan dabalatee 2100tti baay’inni uummata isaanii walakkaadhaan gadi bu’a.
Uummatni biyyoota baay’ees irra caalaan dulloomaa taha. Ammas hedduun isaanii umurii waggaa 80 caalaa jiru.
Maaltu tahaa jira?
Lakkoofsi daa'imman dhalatanii - jidduu galeessaan hamma ijoollee dubartiin tokko dahuu dandeessuu gadi bu’aa jira.
Yoo dubartiin tokko gidduu galeessaan kan deessu 2.1 gadi tahe lakkoofsi uummataa biyya sanaa gadi bu’aa adeema.
Bara 1950 keessa dubartiin tokko gidduugaleessaan hanga ijoollee 4.7 dahuu dandeessi. Kana jechuun ijoollee afurii hanga shanii godhachuu dandeessi jechuudha.
Qorattootni ‘University of Washington's Institute for Health Metrics and Evaluation’ bara 2017 adunyaarraa hammi dubartiin tokko ijoollee godhachaa jirtuu gara 2.4tti gadi bu’eera jedhan.
Bara 2100tti garuu gara 1.7tti gadi bu’a jedha. Kun dubartiin tokko gidduugaleessaan ijoollee tokkoo ykn lama caalaa hin godhattu jechuudha.
Qorattootni lakkoofsi uummata pilaaneetii kanarra jiruu bara 2064tti biliyoona 9.7 gaha jedhanii turan xumura jaarraa kanaatti garuu gara biliyoona 8.8tti gadi bu’a jedhan.
Maaliif hammi ijoollee dhalattuu gadi bu’e?
Sababni guddaan jijjiirama sanyii dhiiraa waliin wal qabatee jiru osoo hin taane dubartootni baay’een gara barnootaafi hojiitti deebi’uu isaanii irraa kan ka’edha jedhan.
Dabalataan qorichi ulfa ittisu baay’inaan dhiyaachuufi dubartootni ijoollee muraasa qofa godhachuuf filachuun isaanii kanaaf sababa guddaa tahuu himu qorattootni.
Biyyoota kamtu irra caalaa miidhama?
Baay’inni uummata Jaappaan kan bara 2017 miliyoona 128 ture xumura jaarraa kanaatti gara miliyoona 53tti gadi bu’a jedhan qorattootni.
Xaaliyaaniis akkasuma yerooma wal fakkaataa kana keessatti miliyoona 61 irraa gara miliyoona 28tti gadi bu’a jedhamee eegama.
Biyyoota 23 miidhamuu malan keessaa Ispeen, Poorchugaal, Taayilaandii fi Kooriyaan Kibbaa uummanni isaanii walakkaadhaan gadi bu’uu danda’a.
Qorattoota kanneen keessaa tokko kan tahan Kiristoofer Muuree kun ‘’boquu namaa cabsa’’ jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan amma uummata biliyoona 1.4 qabdi jedhamtu xumura jaarraa kanaatti gara miliyoona 732tti gadi bu’a jedhan.
Uk’n bara 2063tti miliyoona 75 dhaqqabdi jedhamtes 2100tti gara miliyoona 71tti gadi bu’a jedhan.
Pirofeser Muureen akka jedhanitti baay’inni daa’imman ganna shanii gadii miliyoona 681 kan bara 2017 galmaa’e irraa gara miliyoona 401tti gadi bu’a.
Baay’inni manguddoota ganna 80 olii ammoo kana bara 2017 miliyoona 141 ture bara 2100tti gara miliyoona 866tti ol guddata jedhan.
Furmaata
Biyyootni akka UK godaantota simachuun bakka xiqqaataa deeme bakka buusuuf yaalaa jiru.
Kun garuu gaaffii yeroodhaa yerootti baay’ina uummataa gadi bu’aa deemu hin deebisu jedhan qorattoonni.
Biyyootni gariin eeyyama yeroo dahumsaa dubartootaa fi dhiirotaa dabaluu, kunuunsa daa’immanii tolaa, deeggarsa maallaqaa fi mirga qacarrii hojii dabalataa taasisaniiru.
Siwiidin hamma ijoollee dubartiin tokko gidduugaleessaan deessuu 1.7 ture 1.9tti ol guddisteetti.
Singaapooritti ammo ammayyuu 1.3 irra jira. Yoo furmaatni hin barbaadamne dhuma irratti sanyiin badaa deema jechuudha jedhan Piroofeser Muureen.
Bara 2100tti baay’inni uummata Afrikaa Sahaaraan gadii dacha sadiin dabalauun biliyoona sadii ol taha jedhan.
Kanaaf jijjiirama imaammataa fiduun akka barbaachisu qorattootni himaniiru.













