Siwiidin nama ministira muummee biyyattii ajjeese waggoota 34 booda adda baafatte

Madda suuraa, Getty Images
Abbootiin alangaa Siwiidin ministira muummee biyyattii kan turan Oloof Paalmaa bara 1986 keessa nama ajjeeseera jedhan qorannoo waggoota 34 booda adda baafanneerra jedhan.
Bu'aan qorannoo waggoota dheeraa lakkoofsiseefi Siwiidin keessatti hibboo ta'ee ture, akkasumas burjaajii bara dheeraa uume xumura argateeras jedhame.
Namni MM Oloof Paalmaa ajjeese jedhames Stig Engstrom jedhama.
Namoota galgala ministirri muummichaa itti ajjeefame ijaan argan 20 keessaa isa tokko ture.
Stig Engstrom maqaa Iskaandiyaa Maan jedhamuun beekama ture sababiin isaas Kampaanii Inshuraasnii Iskaandiyaa jedhamu tokko keessa hojjetaa ture.
Waajirri muummee Kampaanii Inshuraansichaa ammoo bakka ministirri muummichaa galgala sana itti ajjeefaman cinaadha.
Namni MM ajjeese kun garuu bara 2008 of ajjeese.
Gaazexeessaan Siwiidin tokko namicha of ajjeese kanarratti fuulleffachuudhaan waggoota 12f qorataa ture. Gaazexeessaan kun Toomaa Piitersaan jedhama.
Ministiri muummichaa keenya kan ajjeese isadha jechuun shakkii kan jalqabe isadha.
Namni MM ajjeese kun osoo ifa hin bahiin shakkiirraa ka'uudhaan qorannoon gaggeeffamaa turaniiru. Namni Stig Engstrom jedhamu ajjeesuun mirkanaa'e kunis warreen shakkaman keessaa tokko ture.
Hojjetaa Kampaanii Inshuraansii kan ture Stig Engstrom hirriyyaa tokko qaba. Hiriyyaan isaa kun ammoo jaalala meeshaa waraanaa nama qabuufi yeroo gara garaatti meeshaa walitti qabaa akka ture gaazexeessaan qorataa ture kun ni dubbata.
Ministirri Muummee Siwiidiin Aloof Paalmaa egaa waggoota 34 dura nama har'a adda bahe Stig Engstrom jedhamu kanaan kan ajjeefame.
Paalmaan akka nama aangoo qabu tokkootti osoo hin taane akkuma miseensa hawaasaa biraatti nama jiraatu turedha.
Bakka namoonni hunduu oolan oola. Nama waliin miilaan deemaa, gabaa demee waa bitata, qe'ee keessa bilisaan bishkiliitii oofa, mana siniimaa deemuunis hiriira dabaree qabatee namoota waliin daawwachuun beekama.
Garuu amalli jireenyaaisaa kun guyyaa tokko akka lubbuunsaa nama hin beekamne tokko harkatti dabartuuf sababa ta'e.
Nama ajjeese adda baafachuuf adeemsiifi shakkiiwwan turan maal fakkaatu?
Namni Paalmaa ajjeese eenyu akka ta'e waggoota 34'f hibboo ta'ee tureera. Qaamonni yakka qoratan martinuu adda osoo hin baafatiin turaniiru.
Barreessaan beekamaa Dr. Joon Boondarsan jedhamu ajjeechaa ministira muummichaarratti kitaaba barreesseera. Maqaan kitaaba kanaas akkas jedha "Blood on the Snow, The killing of Olof Palme".
Barreessaan kun ajjeechaa Paalmaa kana tibbana BBCtti yeroo dubbatan, "... maalidha seete; akkamitti siif ibsu? Wantichi Maargaareet Taacher Addababaayii Landan beekamaa (Pikaadilii Sarkas) jedhamurratti shugguxiidhaan ajjeefamtee; namni ishee ajjeese ammoo sodaa tokko malee biddiiqaa baabura koree miliquu akka jechuuti. Waggoota 34 dura magaalaa Istookoolmi keessatti kanati ta'e," jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Akkamiin ajjeefaman?
Waggaa 34 dura baatii Onkoloolessa guyyaa jimaataa ture. Ministirri muummee Aloof Paalmaa fiilmii daawwachuuf deeman. Fiilmii akka daawwatan kan yaada dhiyeessite ammoo haadha warraa isaa Aadde Liizbeet turte.
Siniimaa daawwachuuf murteessanii booda ilmi isaanii Maartiin dursee deemee tikeetii muree isaan eegaa ture.
Maartiin tikeetii muree bakkuma mana siniimaatti maatii isaa eegaa ture. Haati warraafi abbaan warraa ammoo uffatanii bahan.
Lamaanuu durumaanuu eedgotaafi ajjaabii hin barbaadan; 'rippabilikaan gaardiis ta'e komaadoo isaan eegan hin qaban.
Galgala sanas akkuma yeroo kaanii osoo eenyuunillee of duukaa hin fudhatiin mana siniimaa deeman.
Duraanuu namni kamiyyu ministirri muumichaa kana karaadhumarratti waan isa arganiif waan haaraa miti.
"Ani akkuma nama kamuudha, ministira muummee waanan ta'eef kunuunsi addaa anaaf hin barbaachisu," jedhu turan. Lammileen biyyattiis bakkaafi saatii barbaadanitti daandiirratti dhaabanii dubbisu.
Ministirri muummee Paalmaa yeroo hunda nama siyaasaa mormisiisaa turan. Biyya isaanii keessatti qofaa osoo hin taane akkuma addunyaattiyyu dubbii isaan dubbatan yeroo hedduu awwaara kaasa, miidiyaalee waccisiisa.
Baayyee waan jaallatamaniif ta'uun hin hafu marsaa lamaffaatiif filatamanii biyyasaanii gaggeessaa turan.
Guyyaa hamtuu sana eegdota tokko malee mana siniimaa galanii daawwatanii yeroo bahan waanta gaddisiisaan isaan mudate.
Seenaan sun akkas ture....…
Haadha warraa isaanii hedduu jaallatan Aadde Liizbeetiin qabatanii mana siniimaatii bahanii miillaan deemuu jalqaban.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaan isaa Jimaata. Galgala keessaa sa'aatii 5 daqiiqaa 10 ta'eera. Guyyaa Jimaataa ta'uu isaarraa kan ka'een lammileen Siwiidiin hedduun bashannanaa turan.
Dhirsaafi niitiin mana siniimaatii akkuma bahanii miillaan xiqqoo deemanii namni dheeraan jaakeetii gur'aacha uffate furdaan tokko, barruu isaa bal'aatiin karaa duubaa dhufee qolee ministira muummichaa rurukkute. Yeroo inni itti galagalutti battalumatti rasaasaa itti roobse.
Akka sanaa itti dhiyeenyaan namni itti dhukaafame carraan hafuu isaa dhiphaa waan ta'eef rasaasni tokkoyyu ni gaha ture. Osoo lafa hin ga'iin lubbuun isaa dabarte.
Namichi dheeraan jaakeetii gur'aacha uffate sun itti aansuudhaan haadha warraa isaattis dhukaasuun akka wanti tokkollee hin uumamneetti xiqqoodhuma susukaa daandii qaxxaamuree sokke.
Yeroo inni ajjeesee sokku namoonni hedduun arganii turan. Yoo xiqqaate namoonni 20 ta'an arganiiru garuu duukaa hin buune. Tarii qalbiin isaanii gara nama rasaasaan rukkutamee sanaatti deebiyes ta'u mala.
Namichi xiqquma suksukee miliquun achi buuteen isaa dhabamee waggoota amma kanaa ture.
Namni kun nama ajjeesee, isayyu ammoo ministira muummee ajjeesee waggaa 34f eessa akka jiru deebii hin arganne.
Namoonni naannoo sana bashannanarra turan daqiiqaa 6 keessatti minisitira muummee jaallatan hospitaala geessan garuu lubbuun dur baate.
Namichi ajjeese sun meeshaa baayyee hamaadha jedhamu ture kan itti dhukaase. Ismiiz ende Wesen-575rivoolver" meeshaa jedhamu ture.
Kanaaf ture Paalmaan kan sekondoota keessatti du'e.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni kuma 10 poolisiin qoratamaniiru
Galgala gaafa sanaarraa kaasee poolisiin guyyaa tokko qorachuu dhaabee hin beeku. Namoota kuma 10 ol ta'an qorataniiru.
Bu'aan qorannoon poolisiin waggoota 34f hirriba malee qorataa tures har'a Roobii ibsama jedhameera.
Ibsa bu'aa qorannoo akkaan eegamu.
Abbaan alangaa Kiriister Piitersaan Onkoloolessa darbe TV Siwiidinirratti dhiyaatanii, "halkan sana maaltu akka ta'eefi ministira muummee keenya eenyu akka ajjeese dhiyeenyatti odeeffannoo qulqullaa'e qabannee akka baanu abdiin qaba," jedhanii turan.
Erga ministirri muummichaa ajjeefamanii Siwiidin keessatti maaltu ta'e?
Lammileen biyyattii yeroo sanatti hedduu rifatanii turan.
Fakkeenyaaf, Chaarlootaa Wilsan yeroo sana umuriin ishee waggaa 12 ture. Haata'u malee, wanta yeroo sana ta'e sirriitti ni yaadatti. Wanti ta'e yeroo sanatti akka abbaa ishee naasisee ture yaadatti.
"Mana keenya keessatti TVn ni baname. Guutummaa biyya Siwiidin keessatti waa'ee ministirri muummichaa ajjeefamuu malee wanti biraan haasa'amu hin turre," jechuun Paarlootaan yeroo ammaa umuriin ishee waggaa 46 taate BBCtti himti.
Wanti hunduu dagatamee waa'eedhuma ajjeefamuu Paalmaa qofa ta'e. Ajjeechaa sanaa boodas namoota qarmattii osoo hin taane poolisoonnillee waan godhan wallaalanii turan. Sababiin isaas qorattoonni gara bakka yakki itti raawwatamee dafanii dhufanii bal'isanii daangessuun osoo isaanirra jiruu bakka muraasa qofa daangessan.
Daangaawwanis dafammee cufamuun osoo irra jiraatuu hin cufamiin tureera.
Bakka dhiigni Paalmaa itti dhangala'ellee osoo hin qooriin namoonni itti dacha'anii ilaalaa turan. Namni hedduunis dacha'ee bahe. Kun ammoo ashaaraa dabalatee galtee qorannoof barbaachisu fudhachuu keessatti rakkoo uumeera.
Fakkeenyaaf namoonni achi turanillee osoo wanta ijaan argan ragaa irraa hin fudhatiin gara mana isaaniitti galaniiru.
Rasaasni ministira muummichaafi haadha warraa isaatti dhukaafamte tokko yeroo sanatti argamuu dhabdee guyyootaan booda argamte. Kara deemaan tokko argee poolisiitti kenne.
Baroota dheeraan booddee namni ajjeese hin argamne. Namoonni kumaan lakkaa'aman eeruu ni kennu garuu namni ajjeese hin jiru.
Namni ajjeese kun waggoota dheeraaf osoo hin beekamiin turuun isaa lammileen Siwiidiin bitaa itti galeera.
Namoonni yeroo tokko tokko kan ajjeese anadha jechuun harka kennan turan. Haala kanaan namoonni 130 ta'an kan ajjeese nudha jechuudhaan poolisiitti harka kennaniiru.
Isaan nuti ajjeese jchuun yoo amananis yakkamtoota ta'anii hin argamne.
Addunyaarratti hanga har'aatti hibboo yakka ajjeechaa hin baramne keessaa tokko jedhameera.
Ajjeechaa kana ilaalchisuun fiilmiiwwan, kitaabonni, diraamaawwan waltajjiirraa barreeffamoonni gaazexaa bareefamaniiru.
ajjeechaa kanaan walqabatee walumaa galatti ummanni Siwiidin baroota kana keessa maraataama jiraatan jechuun ni danda'ama.

Madda suuraa, Getty Images
Shira isaarratti xaxamu
Poolisiin wanta qabatamaa dhabuun isaa ajjeechaa kana ilaalchisuun shirri hedduun akka xaxaman taasiseera.
Namni jalqaba qorachuu eegale Haansi Hoolmer jedhama ture. Dhimma walxaxaa ta'e kana Siwiidin keessatti gootan jedhame jedhee yaadee ture garuu hin dandeenye.
Qorataan Holmer jedhamui kun jalqaba kan yakkamaa taasise humnoota bilisummaatiif mootummaa Turkii waliin wal lolan KK jedhaman ture. Yeroo sanatti KKn shorokkeessaadha jechuun MM qeeqanii turan.
Yeroo tokko shakkamaa sana qabachuutti dhiyaadheera jechuudhaan mana kitaabaa miseensonni KK keessatti walitti qabaman weeraruudhaan namoota to'annoo jala oolchee ture.
Wanti tokkoyyu garuu hin jiru. Lammileen Siwiidiin qorannoo kanaanis hedduu haaran.
Qorannoon Hoolmeer b'aa buusuu didee jennaan shiratu xaxame kan jedhu bakka isaa bu'e.
Haadhuma warraa isaatu isa ajjeesise kan jedu ta'e. Maaliif jennaan sagaaggalee ishee rakkiseerayyu jedhan.
Joon F Kenediidhaan kan ajjeesise warreen icciitiidhaan Seexana waaqeffatanidha jedhama. Maaliif yoo jedhame garuu deebiin hin jiru.
Ilmuma isaa Maartiinumatuu ajjeesise kan jedhanis jiru. Maaliif jennaan, abbaa isaaarratti mufannaa qabaayyu jedhan.
Bali baasa ammoo MM Paalmaan hin duune, wanti hundumtuu diraamaadha jedhame. Maaliif jennaan gootni hin du'u.
Waan fedhe ta'us qorataan Hoolmer jedhamu mormiin itti baayyatee jennaan hojiisaa gadhiise.

Namni falmisiisaa Paalmaa jedhamu kun eenyu?
Paalmaan Paartii Dimokiraatawaa Sooshaal waggoota 16 gaggeessaniiru.
Paartiin kun jaarraa 20ffaa keessa caalmaatti kan biyya bulchaa turedha. Siwiidiniin kan Siwiidin taasise paartii kanadha.
Paalmaan bara 1927 kan dhalatan yoo ta'u maatii abbaa lafaarraati.
Bara 1949 keessa ture kan miseensa Paartii Dimokiraatawaa Sooshaaliitti makaman. Bara 1969 ammoo itti-gaafatamummaa paarticha gaggeessuu fudhatan.
Erga ministira muummee ta'anii booda dandeettiin waldaalee hojjetootaa akka cimu taasisaniiru.
Bara aangoo isaa kana keessa tajaajilawwan hawaasummaa akka fayyaa, barnootaa, akkasumas hirmaannaan dubartootaa haalaan babal'ateera.
Oloof Paalmaan ciminni isaanii biyya keessatti qofaa hin turre. Dhimmoota idil-addunyaarratti sagaleen isaanii guddaa dhaga'ama ture.
Roorraa jibbu, warra hacuucan ni abaaru, warra hacuucame ammoo ni gargaaru.
Sirna bulchiins abbaa hirree Janaraala Ispeen Firaankoo baayyee mormu ture.
Ameerikaafis ta'e Sooviyeet Yuuniyeeniifillee duuba hin deebiyanii hin beekan. Hunda isaaniitti gocha badaa isaan qaban ifatti itti himuun qeequudhaan beekama.
Paalma nama dubbii jabduu dubbatu qofaa hin turre, nama nama haraarsus ture. Bara 1980 waraana Iraaqiifi Iraan gidduu ture gidduutti jaarsummaa taa'aniiru.
Paalmaa namoonni baayyisanii jaallatan jiru. Namoonni baayyisanii jibbanis turan.

Madda suuraa, Getty Images
Afrikaa Kibbaa taatii kan ajjeesifte?
Paalmaan callisuu dhiisuun isaanii namoota isa jaallata hedduu akkuma horeef, diinotas uumeeraaf.
Ajjeechaa ministira muummichaaf shakkamaan ol-aanaa mootummaa Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa bara sanaati. Kun ammoo sababii malee miti. Paalmaan ajjeefamuu isaatiin torban tokko dursee qabsaa'oota farra sirna Appaartaayidiitiif haasaa taasisee ture.
‹‹Sirni Appaartaayidii guutummaan guutuutti baduu qaba malee foyyeeffamuu hin qabu. Sirna baayyee gadheedha," jechuun ifatti abaaree ture.
Dubbii qofaan sirna Appaartaayidii qeequu hin turre. Karaa ittiin qoqqobbii sirna Appaartaayidiirra kaa'amu yaaduu jalqaban. Maandellaaf, paartii ANC tiif gargaarsa maallaqaa taasisuu jalqaban. Miliyoonaanis kennaniif.
Kun ammoo kan ajjeesifte Afrikaa Kibbaa taatii kan jedhu gaaffii kaasiseera. Qorannoon cimaanis eegalame.
Siwiidin humna kootiin ol waan ta'eef kanarratti UK na gargaari jette. Dhaabbanni basaasaa UK MI-16 jedhamu dhimmicha keessa harka galfate. wanta beekus Siwiidiniif dhiyeesse.
Dhugumas sirna Appaartaayidii bara sana Afrikaa Kibbaa bulchaa tureen itti ciniinnatamaa ture. Akka ajjeefamuufis fedhiin ture jechuun saaxile.
UKn sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessaa madda amanamaa irraa akka argattetti Paalmaatiin ajjeesisuuf karoorri qabamee akka ture odeeffannoo argadhe jettu Siwiidiniif kenniteetti.
Namni Kireeg Wiiliyaamsan jedhamu sirna Appaartaayidii keessa ture tokko akka ajjeechaa sana qindeessuuf itti himamee ture. Namni kun ammoo Bertiil Weediin nama jedhamu leellistummaan beekamu tokko waliin walitti dhufeenya cimaa qabu.
Wediin hanga har'aatti lubbuudhaan jira. Wediin qabamee qoratame, hin amanne.
Wediin yeroo sanatti leellisuudhaan qofa beekamuu miti, deggeraa sirna Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa ta'uudhaan caasaa basaasaa isaa keessatti nama murteessaa ture. Ajjeechaa kana ofiin raawwachuu baatus qindeesseeraa laata?
Eenyutu ajjeeseeree?
Rasaasni namichi fayyadame boodarra argamte akka akeektutti, namni ajjeese kun mmeeshaa waraanaa baayyisee hamaa ta'e 357 Maagineem jedhamudha.
Dr. Boodarsan BBCtti akka himanitti ministirri muummichaa osoo uffata rasaasa ittisu uffatanii turaniillee waan hafuu danda'an hin turre jedhan.
Kun ammoo kan agarsiisu ajjeechaa sun amansiisaafi itti karoorfamee kan itti deemame akka ta'e akeeka.
Qorataan boodarra dhufe ammoo nama Kiriister Piitersan jedhamu yakkamaa taasisuun hiisise. Namichi baroota 1970 keessa daandii Istookolmirratti kara deemaa tokko waraanee ajjeesuun isaa ni yaadatama.
Sababii quubsaa ta'e namicha ittiin ajjeeseef hin qabu. Murtee isaa fixatee nama bahe ture.
Kan nama ajaa'ibu ammoo dheerinniifi qaamni shakkamaa kanaa namichi isa ministira muummichaa ajjeese sanaan walfakkaata ture. Lamaanuu dhedheeroodha.
Namichi kun poolisoota qoratan waliin hiriirsuudhaan haadha warraa Paalmaatiin TV irratti itti agarsiisuun "namichi ajjeese eenyuun fakkaata" jedhanii gaafatanii ture.
Isheenis Piitersaaniin keessaa baaftee isadha jette. Achumaan himatamee bara 1989 hidhaan umurii guutuun itti murtaa'e.
Haata'u malee, abukaatoon isaa yeroodhuma sana ol iyyatee nama hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e kana guyyaa sadii keessatti bilisa baasise. Sababiin isaas namicharratti ragaan gahaan hin argamne.
Duraan namichi machaa'aa akka ta'e dhageessee turte waan ta'eef isa jette haati warraa Ministira muummichaas.
Namni kun sababii sobaan hiraarfameef beenyaa Dolaara kuma 50 argate.
Piitersan bara 2004 du'e.
Isaan boods ajjeechaa ministira muummee kanaan walqabatee shirri odeeffamu caalee itti fufe.

Madda suuraa, Getty Images
Dallaalota meeshaa waraanaa ta'uu?
Dr. Boodsan ajjeechaan sun daldala meeshaa waraanaa Indiyaa waliin walqabata jedhanii amanu.
Kampaaniin Siwiidiin Bofooris jedhamu meeshaa waraanaa Indiyyaatti gurguruudhaaf baroota 1980 fi 1990 keessa waliigaltee taasisee ture. Kampaanichi kana milkeessuudhaaf kaffaltiiwwan hedduu daldaalota miliyeenera ta'an hedduuf kaffaleera. Ministira muummee Indiyaa Raajiiv Gaandii osoo hin hafiin harki isaanii keessa galee ture.
MM Paalmaan gurgurtaa meeshaa waraanaa kana waliin malaammaltummaa taasifamu irra ga'anii ture. Kanaaf, dallaalonni miliyeeneroota ta'an bu'aa kampaanichaa kanarraa fottachuudhaaf eeggachaa turan nama bitanii ministira muummichaa ajjeesisaniiruudha.
Yaada Doktoricha kanaa ammoo poolisiin waan hin fakkaannedha jechuun itti dhiiseera.
Namoota ijaan argan keessaa tokko maaliif of ajjeesee? (Kun isa boodarra ajjeesuun isaa mirknaa'edha)
Shakkiin biraan nama Kampaanii Inshuraasnii keessa hojjetu Iskaandiyaa jedhamu tokko keessa hojjetu waliin walqabata.
Waajirri muummee Kampaanii Inshuraansichaa bakka ministirri muummichaa galgala sana itti ajjeefame cinaadha.
Iskaandiyaa Maan namoota 20 ajjeechaa sana argan keessaa tokko ture. Bara 2008 of ajjeese.
Gaazexeessaan Siwiidin tokko namicha of ajjeese kanarratti fuulleffachuudhaan waggoota 12f qorataa ture. Gaazexeessaan kun Toomaa Piitersaan jedhama. Ministiri muummichaa keenya kan ajjeese isadha jechuun shakkii kan jalqabe isadha.
Kanaaf ammoo sababii ka'umsaa ni qaba.
Namichi of ajjeese kun leenjii meeshaa waraanaa fudhateera. Dabalataan ammoo hiriyyaa meeshaa waraanaa sassaabuun amala ta'eef tokko qaba ture. Kana malees, shakkamaan kun meeshaa waraanaa Maagineem jedhamurraa jaalala guddaa akka qabu dubbata ture.
Namni kun yeroo waamamee qoratamaa turettis, " kanan bakka ministirri muummichaa itti ajjeefame qaqqabeef, yoo lubbuun keessa jiraateef oolchuuf jedhee ture," jechuun sobeera.
Lammileen Siwiidiin hedduun garee tokkotu ittiin dagachiisuuf qofa itti fayyadama malee namichi kun ajjeeseera jedhanii hin amanan.
Sababiin isaa namni ajjeese sun dheeraa guddaa akka ta'e osoo beekamuu shakkamaan kun garuu gabaabaa ture.
Maartiin Paalmaa ammoo ilma ministira muummichaati. Nama dhumaa osoo abbaan isaanii hin ajjeefamiin dura isa argan keessaati.
"Poolisiin namni ajjeese eenyu akka ta'e ni beeka, ibsuudha hin barbaadne male, jedhee ture.
Waggaa hanga kanaas fudhatu, shakkamtoota hedduus hirmmaachisus dhuma irratti Stig Engstrom ministira muummee Oloof Paalmaa ajjeesuun mirkanaa'eera. Galmeen bara dheeraa ture kunis cufameera.
Akka jedhametti taanaan sababa namni kun MM Oloof Paalmaan ajjeeseef ilaalcha siyaasaa inni siyaasaa inni qaburraatiin.
MM Paalmaan siyaasa warra miidhaman cinaa dhaabbachuufi warra sagalee hin qabneef sagalee ta'uu deeggara ture. Kanaan ammoo warreen al-aantummaa fedhan akka Sirna Appaartaayidiifaaf gufuu ture.















