Joorji Filooyid: Ameerikaatti poolisoonni hedduun hojiisaanii gadhiisan
Viidiyoo guyyaa Kamiisa darbee qoodame tokkoon Bulchiinsa Niiw Yoorkiitti qondaaltoonni poolisii maanguddoo tokko darbatanii wayita lafatti kufiisan mullateera.
Qondaaaltoonni poolisii gocha kana raawwataniiru jedhaman lama miindaa malee boqonnaa akka bahan taasifamuusaa mormuun qondaaltoonni gareee sana keessa turan hunduu hojii dhaaban.
Qondaaltoonni poolisii kunneenis gucha gara jabeenyaa miidhaa qaqabsiisee kunis maanguddoo kanarratti kan raawwatan wayita mormii ajjeechaa Joorji Filooyi wal qabatee umamee irratti uggura sa'aatii kaa'amee hojjiirra oolchuuf naannichatti bobba'anii turaniitti ture.
Gocha kanaanis maanguddoon waggaa 75 miidhaa olaanaan mudachuun gara hospitaalaatti geefamaniiru.
Gocha gara jibiinaa kanaan walqabatees miseensoonni poolisii lama hojiirraa kan hari'ataman yoo ta'u, tarkaanfii kana mormuunis miseensoonni qondaaltoota poolisii garee kora bittineessa sana keessa turan 57 hunduu hojiisaanii gadhiisaniiru.
Bufaalo News akka gabaaseettis, tarkaanfiin poolisoota lamaan irratti fudhatameef kan garee kora bittinneessaa keessa malee kan humna poolisii waliigalaa keessa isaan ittise hinturre jedheera.
Pirezidaantiin poolisii naannichaa Joon Ivaansi gaazexessitootatti akka himaniitti, poolisoonni kunneenis wayita ajjaja komishinara itti aanaa poolisiitiin adabaabaayii sochii namootaarraa bilisa akka taasiisaniif kennameef hojiirra olchaa turaniitti namticha waliin walitti dhufanii balaan sun mudahchusaa himaniiru.
Bulchaan Niiw Yoorki Andiruu Kumoo gama isaanitiin, taatee kana hordoofuun poolisoonni lamaan hojiirra arii'amu akka qabaataniifi qorannoon himannaa ''yakkaa banuuf dandeessisuu'' akka eegalamu gaafataniiru.
Maanguddoon miidhaan irra gahee sunis daandiirratti poolisoota garaeedhaa deemaa turaniitti wayita maxxanan viidiyichi kan mullisu yoo ta'u, poolisoonnis daandii gadhiisiisuuf darbachaa akka turan argameera.
Maanguddoon lafatti kufiifamuun miidhaa irra qaqabees Maartiin Gugiino akka jedhamaniifi haalli isaanii cimaa ta'ulleen amma hospitaala keessatti haala tasgabaairratti kan argaman ta'u aanga'oonni ibsaniiru.
Maanguddoo kunis baroota dheeraadhaaf mormaa haqa hawaasummaa ta'uun gochaawwan haqa-maleessoo gargaaragaa mormaa kan turan ta'usaanii, ibsa gareen mormiituu mirgootaa tokko taatee sanaan booda baaseen himeera.
Booda maaltu ta'ee?

Madda suuraa, EPA
Poolisoonni maanguddoo waggaa 75 kana guyyaa Kamiisaa darbatanii kuffisan irratti himannaan baname.
Haa ta'u malees deegartoonni, hojjattoonni balaa ibiddaa 100 ta'an himmanicha poolisoota lamaan kanarratti baname mormuun mana murtii Buufaalootti hiriira bahanii ture guyyaa Sanbataa.













