Abbaan bidiruu daa'ima umurii guyyaa 21 bishaanirraa argee baraare dinqisiifannaa argate

Madda suuraa, Anil Kumar
Kaaba Indiyaatti abbaan bidiruu tokko daa'ima xiqqoo osoo bishaanirra bololi'aa jirtuu argee baraaruu isaatiin hedduu jajame.
Daa'imni abbaan bidiruu arge kun saanduqa mukarraa hojjetame tokko keessa kaa'amtee kutaa Utaar Piraadesh keessatti kan argamu bishaan laga Gaanjes jedhamu keessatti kan gatamte.
Namichi Gulluu Cha'udahaarii jedhamu kun dura boo'icha daa'ima umuriin ishee guyyoota 21 taatee kana dhaga'e.
Daa'imni kun fooxaa diimaan maramtee akka aadaa warra Hinduutti fakkiiwwan gara garaan faayamtee turte kan argamte.
Daa'imni bishaanirraa argamte kun gara hospitaalatti kan geeffamte yoo ta'u, haalli fayyaashee hordofamaa jira. Yeroo itti aanutti ammoo gara mana daa'imman itti kunuunfamaniitti geeffamti jedhameera.
Aanga'oonni akkamitti akka daa'imni kun bishaanirratti gatamte qorachaa jiru.
Sababiin bishaanirratti gatamuu daa'ima kanaa maal ta'uu akka danda'urratti kana ta'a jedhamee kan yaadame hin jiru, garuu biyya Indiyaatti walcaalmaan lakkoofsa dhiirotaafi dubartootaa akka addunyaatti isaa baayyee hamaadha jedhama.
Dubartoonni dhiibbaan hawaasummaa guddaan irratti raawwatama. Ijoolleen durbaa, keessumaa hawaasa iyyeeyyii ta'an biratti akka ba'aatti ilaalamu.
Indiyaatti ijoolleen durbaa [yeroo heerumaa maatiin baasii nama intalasaanii fuudhuuf waan baasaniif] maatii harka qalleeyyii biratti akka yaaddoo baasiitti ilaalamuun waan baramedha.
Ulfi daa'imman dubara hinbarbaadamne harki caalaan kilinika seeraan ala saala murteessaniin kan irraa baafamu ta'ullee, daa'imni durbaa erga dhalattee ajjeefamuun ykn gatamuunis waan haaraa miti biyya Indiyaatti.

Madda suuraa, Anil Kumar
Poolisiin akka jedhetti, kaardiin 'ayyaana dhalootaa ittiin ilaalan' daa'ima waliin saanduuqa sana keessa waan tureef saatiifi guyyaan isheen dhalatteefi maqaan ishee galmaa'eera.
Kaardiin kun maqaan daa'ima kanaa Gaangaa akka ta'e eeraa jira. Gaangaa jechuun ammoo maqaa Hindii yoo ta'u, maqaa bishaan laga Gaanjes agarsiisa.
Mootummaan kutaa biyyattii baasii guddisa daa'ima kanaa nan danda'a jedhera. Ministira Olaanaa kan ta'e Yoogii Adityanaat abbaan bidiruu daa'ima kana arge kun akka badhaasaatti faayidaawwan kan akka manaa mootummaarraa argachuun isaaf mala jechuun, "fakkeenya namoomaa qixxee hin qabne" agarsiise jedheera.
Aanga'oonni ardaa Guziippur, bakka daa'imni itti baraaramtee, ripporterootatti akka himanitti bakka bu'aa ummata ardichaa kan ta'e Singh daa'imatti kan aawwate yoo ta'u, aanga'oonni biroon ammoo gara abbaa bidiruutti qajeelaniiru.
Mr. Cha'udahaariin ripporterootatti akka himetti namoonni laga bishaan kanaa jiran yeroo iyya daa'ima kanaa dhaga'an gara isheen iyyitu sanatti deemanii gargaaruu namni barbaade hin turre.
"Ani garuu ishee oolchuudhaafan itti fiige, yeroo ani saanduqa mukaa kana banu, daa'imni achi keessa jirti."
Taateen kun jiraattota naannoo sanaa dadammaqsee namoonni gandarraa laga bishaan kanaatti walitti qabamuun taajjabaa turaniiru.
Viidiyoo yeroo namichi daa'ima baraaree saanduuqa keessaa baasee qomatti hammatee sossobu waraabames ilaaluun dinqisiifataniiru.
Abbaan bidiruun kun jalqaba daa'ima kana fudhatee gara mana isaatti kan gale yoo ta'u, boodarra aanga'oota dhimma daa'imaniirraa dhufanii gara hospitaalaa geessan.













