Awustraaliyaatti lolaan erga mudateen booda manneen sarariitii dirree uwwise

Awustiraaliyaatti bakkeewwan dhiheenya lolaan itti mudatee tureetti mukeeniifi dirreewwan faradoonni itti walgahan mannee sarariitiin haguugamuun himame.

Jiraattoonni bulchiinsa Viiktoriyaa Gippaaslaand akka jedhaniitti, erga robni hamaan naannichatti roobeen guyyootaan booda manneen sarariitii haarrii fakkaatuu naannicha haguuge.

Bakka tokkootti ammoo manneen sarariitii dheerina kiilomeetira tokko olii ta'utuu qarqara daandii haguuge.

Eksipartoonni akka jedhanitti haguuggiin adii kuni sarariitiiwwan lafa ol ka'aarra bahuun of oolchuuf jecha mala ''ballooning' jedhamuun kan tolchan jedhan.

Dr Keen Waakar, Muziyeemii Viktoriyaa irraa ittigaaftamaa olaanaa dhimmoota ilbiisotaa yoo ta'an, tarii sarariitiiwwan miliyoonaan lakkaa'amaniitu harrii mannee kana baargamoowwan naannichaa irratti hojjate ta'a jedhan.

''Sarariitiiwwan lafarra jiraatan atattamaan lafarraa ka'uu barbaadu. Mannee kanatti qabachuun gara mukeeniitti ol bahuun of baraaruu danda'u'' jechuun gaazeexaa Age jedhamuutti dubbatan.

Kunis 'mannee sarariitii' guddaa eddoowwan jiidha qaban kan magaalootaa Saalee fi Loongford jirruutti argaman haguugee.

'Danbalii sochootuu'

Miseensi mana mare gandaa, Kaarolaayiin Krooselii akka jettetti, Wiixata galgala gara qarqara haroo deemuun balaa lolaan qaqabsiisee wayita ilaaluu deemteetti haala umamaa agarteen ajjaa'ibsiifamu dubbatti.

Kanaan duras waan akka kanaa guddatu agartee akka hinbeekne dubbatti kroseeliin.

"Baayyee sodaachisaa ture- garuu ammoo bareedaadha. Dallaafii mukeen dabalatee wanti hundumtuu mannee sarariitii kanaan haguugameera,'' jechuun BBCtti himte.

"Yeroo sanatti biiftuun lixaa waan adeeemaa jirtuuf iftuuf danbalii socho'u kana lafa guutee arguun baayyee bareeda ture."

Manneen kunis baaqqeedhumaan sarariitii xiqqashuu kanaan akkasiin haphatee lafarra didiiree mul'ata jetti.

"Waan adda citee jiruu miti. Dhugaatti sarariituumatu aartii ajaaibsiisaa kana lafarratti waliin ta'uun hojjatatee'' jechuun ajjaa'ibsiisannaa ishee himte.

Jiraattuun gara biraa Amaandaa Treger ammoo, jalqabarratti maatii isheen manneen kana akkawaan qarqara daandiitt waan saaphanni hojjatamee itti fakkaatee ture jechuun BBCtti himte.

''Duraan argeerra garuu kana waan fakkaattu argee hinbeeku. Kun baayyeen kan nama ajaa'ibsiisuudha'' jette.

Saaphannii mannee kunis torban kana keessa akka kaafamuu eegama.

Torban darbe keessa roobniifii bubbeen cimaan irra jireessa Viiktoriyaa kan hubee yoo ta'u, lolaa fi badiinsa guddaa qaqabsiisee ture. Taatee mudate kanaanis namoonni lama konkolaataa isaanii keessatti du'anii argamaniiru.

Aanga'oonnis balaa mudateen sukkanneessaa jechuun ibsan kanaatiin bulchiinsa keessatti manneen dhibbaan lakkaa'aman ibsaa malee hafaniiru.