Waraana Tigraay: Loltoonni Eertiraa 'dhiyootti' Tigraay keessaa bahu - UNtti ergamaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Loltoonni Eertiraa Kaaba Itoophiyaa Tigraay keessatti lolaa jiran "dhiyootti" Tigraay gadi dhiisanii bahu jedhan UNtti ergamaan Itoophiyaa.
Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaaseen akka jedhanitti "dhimmoota teeknikaa fi adeemsaa tokko tokko toora qabsiisuu" qofa kan hafe, "dhiyootti ni bahu jennee eegna" jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Gama mootummaa Itoophiyaan kutannoon jira, "warri Eertiraas ejjennoo ifa ta'e qabu" jedhan ambaasaaddarichi.
Kana kan jedhan walgahii al-idilee manni maree nageenyaa UN karra cufatee Kibxata taa'e irrattidha.
Walgahii kanarratti hogganaan deeggarsa namoomaa UN Maark Loowkook haasawa godhaniin, beelli bara 1984 Itoophiyaattii lubbuu nama hedduu galaafate irra deebi'ee uumamuu akka malu akeekkachiisan.
Lolli dhaabbachuu baannaan akkasumas loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu baannaan "beelli [sun] irra deebi'ee uumamuun isaa nama tokko waan raaju ta'uu hin qabu" jedhan.
"Ammaan kanayyuu Tigraay keessa beelli jira" jechuun Aab Maark Loowkook mana marichaaf himan.
UNtti ambaasaaddarri Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaaseen garuu Tigraay keessa beelli jiraachuu haalaniiru.
Rakkoolee gama deeggarsa namoomaan naannicha keessa jiru furuuf mootummaan Itoophiyaa kutannoo qabu irra deebiin mana marichaaf ibsaniiru jedha ergaan UNtti ergamni Itoophiyaa fuula twitter isaarratti baase.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Walgahiin al-idilee mana maree nageenyaa UN kun kora biyyoota jajjaboo torba (G7) tibbana UK'tti taa'ame booda gaggeefame.
Hogganoonni biyyoota G7 manni maree nageenyaa kun dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti tarkaanfii akka fudhatu waamicha dhiyeessanii turan.
'Beela akka meeshaa waraanaatti'
Walgahiin mana maree nageenyaa UN Kibxata gaggeefame kun miidiyaaf cufaa turullee barreeffamni haasaa hogganaa deeggarsa namoomaa UN Maark Loowkook walgahicharratti taasisan kan dhoksaan BBCn argate akka mul'isutti, Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa hamaan raawwatamaa jira.
"Dirqiin gudeeduun akka tooftaa dubartootaa fi shamarran ittiin shororkeessanii fi dararaniitti itti dhimma baahamaa jira. Loltoonni Eertiraa beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jiru.
"Namoonni qe'eerraa buqqa'an jumlaan hidhamanii reebamaa fi sodaachifamaa jiru. Hojjettoonni deeggarsaa ajjeefamuun, reebamuunifi qoratamuun akkasumas akka deeggarsa hin goone dhorkamuu fi lammata akka as hin deebine jedhamanii ari'atamuun jira," jedhu aanga'aan kun.
"Dargaggootni fi kanneen umuriin isaanii mana kudhanii keessa jiru halkan manaa baafamanii yeroon itti ajjeefaman jira... amma loltoonni Eertiraa seera deeggarsa namoomaa idil-addunyaa sirrumatti cabsaa jiraachuu isaanii ifadha," jedhan.
Deeggarsi namoomaa namoota rakkoo keessa jiran bira gahaa akka hin jirre kan himan aanga'aan kun namoonni beela'aa jiraachuu himu.
Sababa nyaata dhabuutiin namoonni du'an jiraachuu bulchiinsi yeroo Tigraay himuu isaas mana marichaaf himaniiru.
Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa gabaasa Tigraay keessa beelli jira jedhu ibsa yeroo gara garaa kennaa turaniin kufaa godhaniiru.
UNtti ergamni Itoophiyaa sarbamni mirgoota namoomaa naannicha keessatti raawwataman jedhaman qoratamaa jiraachuu ibseera.
Dubbi himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum ibsa Kibxata gaazexeessitootaaf kennaniin, dhaabbilee fi hojjettoota deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay keessatti hojiitti jiraniif viizaa fi meeshaalee qunnamtii dhiyeessuu dabalatee deeggarsi barbaachisaan gama mootummaan godhamaafi akka jiru dubbatan.
Lola naannoo Tigraay keessatti baatilee torbaaf adeemaa jiruun lammileen miliyoona 1.7 ol ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.

















