Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Basaasaan duraanii Israa’eel icciitii Mossaad Iraaniin itti basaasaa ture saaxile
Hoogganaa duraanii dhaabbata basaasaa Israa’eel, Mosaad, icciittii opareshiin Israa'el Iraan baasaasuuf geegessaa turte ilaalchisuun miidiyaatti himan.
Qondaalli dhiyeenya soorama bahan Yoosii Kooheen, akkamitti akka wantonni barbaachisoo ta'an kuusaa niiwukilaraa Iraan keessaa ittiin hatamamanii bahan bal'inaan dubbata.
Haaluma kanaanis hojjataan basaasaa Israa'eel tokko bara 2018tti sanadoota hedduu mana kusaa tokko keessaa hatuun gara Israa'eeliitti eerguu ibsa.
Kana malees, buufata gabbiisa nikulaaraa Iraan kan Naantaaz keessatti argamuu keessatti haleellaa raawwatamee keessaa Israa'el harka qabaachu kan himan yoo ta'u, ajjeechaa qorataa nikulaaraa lammii Iraan tokkoof Israa'el itti gaafatamtu ta'u akka hinoollee himan.
Yoosii Kooheen ittigaafatamummaa Moosaad keessatti qaban irraa soramaan kan gaggeefaman torban darbe keessa ture.
Turtiin inni Hogganaan duraanii kun gaazeexessituu Ilaanaa Dayaan jedhamtuu walliin Channel 12 sagantaa Uvdaa jedhamu irratti taasisee, Kamisa galgala ammoo televiziyoona Israa’eelirratti tamsa'eera.
Ministirri Muummee Isra'eel Benjaamiin Naataneyaahuun Yoosii Koheeniin hogganaa Moosaad taasisuun kan mudan bara 2015 tti ture.
Koheen garuu moosaadiitti kan makana osoo umurii 20n keessa jiranu bara 1982tti ta'un himameera. Gaaffiifi deebii hogganaa duraanii waliin taasifame kanaanis waa'ee sanadoota Iraan jalaa hatamanii xiyyeeffannaa olaanaatu kennameef.
MM Beeniyaamiin Netaaneyaahuun, bara 2018 tti sanadoota hatamanii bahan ibsa gaazeexeessitootaa tokkorratti qabatanii bahuun Iraan nikulaara gabbiisaa akka jirtuu hubachiisuu yaalanii ture.
Iraanii garuu himannaa kana soba jechuun waakkatee turte.
Hagganaan duraanii kunis bara aangoo isaaniitti Tel Aviiv taa'uun hojiiwwan basaasaa hunda hordofaa turan.
Sochii sandoota opareshinichaa karoorsuun waggoota lama itti fudhachu kan himan Koheen, basaastonni Mossaad opereshinicha Iraaniitti geegessan keessatti hirmaatan waliigala 20 ta’uufi hundisaanis lammii Israa’eel akka hin ta’in hima.
Koheen opereshinii kanas waajjirasaanii kan magaala guddicha Israa’eel Tel Aviiv jiru irraa hordofaa akka turan himan. Yeroo basaastonni Mosaad mankuusaa niikulaarii seenuun iccitiiwwan 30 ol cabsanii waan keessa jira wayita arginuutti “hunda keenyattu gammachuun guddaannatti dhaga’amu” jedhaniiru.
Kanneen opareshinicha keesssatti qooda fudhatan hundi nagaan bahu ibsuun, muraasni isaanii gara Iraaniitti dabarfamaniiru jedhan.