Donaald Tiraamp uggura Buhaariin Twitter irra kaa'an deeggeruusaanii ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin duraanii US Donaald Tiraamp tarkaanfii ugguraa Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii Twitter irratti fudhatan deeggeruun ejjennoosaanii ibsan.
Pirezidaant Buhaariin biyyasaanii keessaa Tiwiitarii kan dhorkan erga miidiyaan hawaasaa kun maxxansa isaanii haqee booda. Tiwiitariin maxxansi kun seera isaa kan cabse ta'uu eeruun ture kan haqe.
''Ati gaariidha, atimmoo hamaadha jedhanii kan nutti himan isaan eenyu? Ofiisaaniiyyuu warra daba yaadan ta'anii osoo jiranii,'' jedhan Tiraamp.
"Naayijeeriyaan miidiyaa hawaasaa pirezidaantiishee uggure Tiwiitarii deebisee ugguruusheetiif baga gammadde jechuun barbaada.''
Aab Tiraamp osoo Waayit Haawus jiranii Feesbuukii ugguruu dhabuusaaniitti akka gaabban himanii, garuu jedhan: ''hoogganaan Feesbuuk Mark Zuckerberg deddeebi'ee naaf bilbiluun Waayit Haawus dhufaa ture. Irbaataaf wayita dhufu hunda ati nama jabaadha jedhee na jaja,'' jedhan.
Doonaald Tiraamp aarii miidiyaalee hawaasummaa kanneenirraa qaban callisanii mo'amanii hin dhiisne.
Miidiyaa mataasaaniitiin akka as ba'an dhaadachaa turan.
Haata'u malee marsariitiin isaan hundeessanis hordoftoota dhabuurraa kan ka'e cufameera.
Aab Tiraamp biyyoonni addunyaa kaanis adeemsa Buhaarii kana hordofuun Tiwiitarii fi Feesbuukiirra akka dhorkaa kaa'an gaafataniiru.
Tiraamp miidiyaaleen hawaasummaa kunneen yaada bilisaan ibsachuuf hin eeyyaman jechuun komatu.
Qondaalli siyaasaa dubbii flmisiisaa fi naamusa cabsu dabarsuun komataman kun, erga ji'a Amajjii darbe Kaappitaal Hiil weeraramee as miidiyaalee hawaasummaa hedduurraa ugguramaniiru.
Maxxansi isaanii taatee sana duraa fi booda ture jeequmsa kan kakkaasu akka ta'e adda baasuun ugguran miidiyaaleen kunneen.
Tiwiitariin guutummaatti kan isaan haqe yoo ta'u, Feesbuuk ammoo waggaa lamaaf uggureera.
Qaama Feesbuukii kan ta'e Instagram Pirezidaantii duraanii US kana uggureera.















