Boordiin Feesbuukii uggura dhaabbataa Tiraampi irra buuse ammaaf akka deeggaru ibse

Pirezidaantii duraanii Doonaaldi Tiraampi Guraandhalaa keessa yeroo dubbii taasisan

Madda suuraa, Getty Images

Uggurri Feesbuukii fi Inistaagiraam Tiraampi irra kaa'an Boordii Qorannoo Feesbuukii 'Oversight Board' jedhamuun deeggarame.

Garuu uggurri dhaabbii miidiyaa hawwaasaa Tiraampi irratti darbe adabbii beekamaa Feesbuukiin oli jechuun qeeqeera.

Feesbuukiin murtoo isaa irra deebiin ilaalee 'deebii madalaawaa'' nama kamirrattiyyuu hojjetu akka dabarsu ajajeera.

Pirezidaantiin duraanii kun fuula Feesbuukii fi Inistaagiraamii irraa kan uggurame yeroo hookkara Kaappitol Hiil sanadha.

Boordiin qorannoo Feesbuuk murtoon jalqabaa fuula feesbuukii fi Inistaagiraamii Tiraampi dhaabbataan ugguruuf darbe kan 'hin murtoofneefi ulaagaa hin guutne' jedhe.

Murtoo sirriin ''qajeelfamoota dhaabbatichaa itti fufinsaan fayyadamtoota kaan irratti hojjetu fayyadamuudha,'' jedhe.

Fesbuukiin ji'oota jaha keessatti deebii laachuu qaba. Ibsa miidiyaa irratti waliin kan argaman Helle Toorniing Shimidit ''deebii salphaa hin qabnu'' jechuun amante.

Itti dabaluun Feesbuukiin murticha ni dinqisiifata. ''Feesbuukiin duubatti deebi'ee haala akkamiin akka qorate irratti iftoomina ibsuu qaba. Fayyadmtoota karaa wal fakkaataan tajaajili, adabbii addaa hin kenniin.''

Feesbuukiin deebii kenneen ''irra deebiin murtoo boordichaa ilaaluun murtoo ifaa fi madaalawaa tahe fudhata'' jedhe.

Boordichi haala akkamiin Feesbuukiin imaammataa isaa fooyyeessuu fi miidiyaa hawwaasaa ''of eeggannoon madaalu'' fi waan furmaata tahe jedhes himeera.

Boordichi murtoo isaa torban darbe beeksisuuf jedhee kan harkifate yoo tahu deebii uummataa 9,000 qorachuuf ture.

Kana gidduutti Tiraampi Tiwiitera irraas dhorkamee jira waan tahuuf marsariitii haaraa yaada isaa deeggartoota isaaf ittiin ibsu banateera.

Murtoo kana irratti Tiraampi ''waan Feesbuukii, Tiwiitera fi guugil godhan guutummaatti fudhatama kan qabu miti'' jedhan.

''Yaada ofii bilisaan ibsachuun pirezidaanti Ameerikaa irraa mulqameera sababni isaas finxaalessitootni rakko qaban dhugaa sodaatu,'' jedhe, pirezidaantii tahuu isaa of himuun.

''Uummanni biyya keenyaa kana waliin hin dhaabbatu. Dhaabbileen miidiyaa malaammaltummaan qabaman gatii siyaasaa kaffaluu qabu, irra deebiin adeemsa filannoo keenya keessa akka galan hin eeyyamnu,'' jedhe.

Bulchiinsi Baayiden murtoo Feesbuukii irratti deebiin kenne hin jiru. Barreesituun Waayit Haawus Jeen Pisaakii, kuni ilaalcha Baayiden tahuu himuun, ''miidiyaalee gurguddoon itti gaafatamummaa fudhachuun fayyaa fi nageenya uummataa eeguuf qabiyyee amanamoo hin taane, fi odeeffannoo sobaa uummata irraa ittisuu qabu jedhani amanu'' jette.