Boordiin Feesbuuk murtee Tiraampiin deebisuuf taasisuuf malu tursiise

Madda suuraa, Getty Images
Boordiin hordoffii Feesbuuk pirezidantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraampiin Feesbuukiifi Inistaagiraamitti deebisuuf ture tursee jira.
Abba Tiraampi hokkora Amajjii darbe Kaappitol Hiil irratti mudateen booda ture Feesbuuk irraa kan dhorkaman. Akka boordichi jedhutti, murteen kun kan ture deebii 9,000 ol hawaasarraa dhufe ilaalaa waan tureefi.
Ibsa Tiwiitara gubbaa baasaniin ''torbanoota dhufan keessa murteen laatama,'' kan jedhan yoo ta'u, silaa Eebla 21 gubbaa murteen kennama jedhamee eegamee ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Murteen kun silaa murtee guddaa erga boordichi hundaa'ee booda kan dabarfamu ta'a ture. Boordiin kun dhimmoota wal-mormisiisoo akkasii Feesbuukiin murtaa'an ilaaluuf kan hundaa'edha.
Koreen miseensota 20 qabu kun ''Mana Murtee Olaanaa Feesbuuk'' jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, gaazexessitoota, rogeeyyii mirga namoomaa, ogeessota seeraafi beektota gararagaraa kan of-keessaa qabudha.
Gareen kun hanga yoonaatti dhimmoota sagal miidiyaa hawaasummaa kanarratti ba'an irratti murtee dabarsee jira.
Dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo Tiraampiin ugguran
Miidiyaa hawaasummaa kanarraa kan dhorkame fuula Tiraampi qofa miti. Jalqaba ji'a kanaarra Feesbuuk fuula ''voice of Trump'' jedhu irratti uggura kaa'ee dheeressuu beeksisee ture.
Kunis kan ta'e haadha warraa ilmasaaniifi gaazexessituu Fox News kan taate Looraa Tiraampi viidiyoo af-gaaffii isaan waliin goote erga maxxanssitee boodadha.
Hokkorri Kaappitol Hiilitti mudate namoota shan galaafatee poolisoota 100 ol erga madeessee booda miidiyaaleen hawaasaa gurguddoon Tiraampiin kan fayyadamuu dhorkan yoo ta'u, pirezidantiin duraanii kun odeeffannoo sobaa tamsaasuufi hokkora kakaasuun himatamu.
YouTube irraas kan ugguraman yoo ta'u, hoji geggeessituun olaanaa dhaabbatichaa, ''addunyaa dhugaa keessatti wal-dhabdeen yoo xiqqaatu uggura kana irraa kaafna,'' jedhan.
Tiwiitara irraa guutummaatti dhorkamaniiru.
Tiraampiin miidiyaa hawaasaarratti osoo hin argin baatiin muraasni darbeera, dhorkiin isaanirra kaa'ame akka hin kaafamne yoo himamu ammoo, miidiyaa hawaasaa mataa kiyyaan banadha jedhaniis dhaadataniiru.














