Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti beelli akka bara 1984 mudachuu akka malu UN akeekkachiise
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaa keessatti beelli hamaan akka bara 1984 ''beela 77'' jedhamun beekamu dhalachuu akka malu akeekkachiise.
`Dhaabbatichi naannoo Tigraay keessatti waraanni ji'oota torbaa oliif gaggeefamaa jiru atattamaan hin dhaabatu yoo ta'e beela hamaatu mudachuutti jiraa jedha.
Hoogganaan deeggarsa namoomaa Dhaabba Mootummoota Gamtoomanii Maark Lowkook gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin naannoo Tigraay keessatti namootni kumoota dhibbaan lakkaawaman ammallee beelli isaan mudateeraa jedhan.
Lowkook qaamoleen waraana baataniifi hooggantootni siyaasaa isaanii deeggarsi namoomaa namoota miidhamaa jiran bira akka gahu ulaa garagaarsaa banaa gochuu qabu jechuunis gaafataniiru.
Itti dabaluunis deeggarsa namoomaa naannichatti dhiyeessuuf barbaachisuuf maallqani guddoon atattamaan ni feesisaa jedhaniiru.
UN dabalatee dhaabbileen idila addunyaa hedduun irra deddeebiin waraanni akka dhaabatuufi mariin akka gaggeefamu gaafatus mootummaan Itoophiyaa qaama paarlaamaan biyyattii shorokeessaa jedhee farrajje waliin mariif gonkumaa akka hin teenye ibseera.
Tibba kana ammoo miidiyaaleen biyya keessaa humnoonni mootummaa federaalaa humnoota TPLF tibba kana haleellaa jabaa akka gaggeessuu gabaasaniiru.
Namootni deeggarsa atattamaa barbaadan waraana kana gidduutti danqamaniiru jedha UN. Lammiileen nagaan manni jireenyaa, midhaaniifi kilinikoonni isaanii jalaa manca'anii waan jiraniif abdii kutannaa keessa jirus jedha.
Waajira Ministira Muummeetti ibsa Kamisa darbe kennameen deeggarsa namoomaa dhiyeessuun walqabatee marsaa jalqabaatiin namoota miiliyoona 4.5 ta'aniif, marroo lammataatti namoota miiliyoona 4.3 ta'aniif gargaarsi taasifamu ibsameera.
Deeggarsi nyaataa meetiriik toonii 166,000 ta'u birrii biiliyoona 5.2'n bitamee akka raabsamera jechuunis Pirees Sekireetariin Waajira MM Billenee Siyyuum himaniiru.